Somaaliyaan guyyaa filannoo pirezidaantii itti gaggeessuuf qabame dabarsite

Madda suuraa, Reuters
Somaaliyaan guyyaa Guraandhala 8, 2021 kan itti filannoon pirezidaantummaa gaggeefamu qabuu dabarsuun ishee biyyattii dhidhiima tasgabii siyaasaa keessa galchaa jira.
Yeroo aangoo Pirezidaantii biyyattii Mohaammad Abdullaahii Faarmaajoo Wiixata har'aa xumurama.
Motummaa federaalaafi kan naannoolee jidduutti marii attamiin filannichi akka gaggeeffamuu qaburratti taasifamuuf ture Guraandhala 5tti ni diigame.
Dorgomtoonni pirezidaantummaa paartii mormituu ibsa Wiixata kennaniin, sababii yeroo aangoo Faarmaajoo waan dhumateef akka pirezidaantiitti isa ilaaluu ni dhiifna jedhan.
Itti dabaluunis mootummaa ce'uumsaa af-yaa'iiwwan mana maree lamaan, dureewwan bulchiinsoota godinaalee, fi bakka bu'oota hammatuun gamtaa filannoo biyyattii gaggeessuu keessaa babahan akka hundeeffamuu waamicha taasisan.
Akkasumas raayyaa Biyyaaleessa Somaaliyaas guyyaa Wiixataatii kaasee pirezidaant Faarmaajo irraa ajaja akka hinfudhannee gaafatan.
Kana duras biyyattiin baatii Muddee 2020 keessatti filannoo marsaa duraa gaggeessuuf yeroon qabamee ture sababii motummaa federaalaafi bulchiinsota naannolee jidduutti waldhabdeen umameef jecha osoo hingaggeeffamiin hafee jira.
Somaaliyaan haleellaawwan hidhattootaan yeroo garaa garaatti gaggeefamuun lammiileefi dinagdee ishee hedduu dhabaa kan jirtu yoo ta'u, mootummaa bira dhaabbachuuf lolaa kan turan loltoonn Ameerikaas jalaqaba bara kanaatti akka biyyattii bahan taasifamun isaas ni yiaadatama.












