Lammiilee Somaaliyaa: 'Nageenya keenyaaf Ameerikaan nu barbaachisti'

Loltoonni Gamtaa Afriikaa qaamolee Somaaliyaa keessatti nageenya lammiilee eegsisaa jiraniidha

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni Gamtaa Afriikaa qaamolee Somaaliyaa keessatti nageenya lammiilee eegsisaa jiraniidha

Biyya waggoota dheeraaf rakkoo nageenyaa fi hanqina tasgabbiin gitintiraa turte Somaaliyaa tibbanas rakkoo jajjabduutu harkaa qaba.

Falmii cimaa filannoof taasifamu, loltoonni US biyyattii gadi dhiisuu fi humni hidhatee socho'u kan garee islaamaa ofiin jedhu humna jabeeffatee as ba'uun rakkoolee isaan ijoo Somaaliyaatti yaaddoo uumaa jiraniidha.

Biyyi waggoota kurna sadii oliif waanjoo abbaa irrumaa jalatti erga burkutooftee booda deebitee abdii horachaa jirtu kun yeroo ammaa yaaddoo kufaatii hamaa keessa jirti jedhu dippiloomaatonnii fi kanneen haala biyyattii itti dhiyeenyaan hordofan.

Yeroon kun Somaaliyaaf battala murteessituudha kan jedhan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Bakka Bu'aan biyyattii Jeemsi Siwaan, dhimma filannoo paarlaamaa duubatti harkifatterratti furmaata kaa'uurra walqoollifannaan qondaaltota naannolee fi federaalaa diigamuu biyyattiif ka'umsa ta'uu mala jedhan.

Jaarmiyaaleen idil-addunyaa kanneen akka UN, Gamtaa Awurooppaa fi Gamtaa Afriikaa qondaaltonni siyaasaa Somaaliyaa mari'atanii rakkoo furuu qabu jechuun ergaa akeekkachiisa of keessaa qabu dabarsan.

''Hookkara kaasuu fi wal-sodaachisuun homaa fudhatama hin qabu'' jedhan.

Pirezidaant Mohammad Abdullaahii ''Farmaajoo'' bara 2017 filataman

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidant Mohammad Abdullaahii ''Farmaajoo'' bara 2017 filataman

Somaaliyaan bara darbe filannoo gaggeessuuf kan turte sababa adeemsa filannoorratti wal-dhibdeen uumameef hafeera.

Paartileen mormitootaa Pireezidanti Abdullaahii Farmaajoo humnaan fedhii isaa qondaaltota naanoleerratti fe'ee akka ofii yaadetti amansiisuu barbaada jechuun komatan.

"Filannoon alanaa adeemsifamee karaatti hin deebi'amu taanaan goolama siyaasaa hamaatu nu eeggata. Dimokiraasiin keenya dhiibbaa jala akka jiru hunduu beeka, kana furuu qabna'' jedhe gorsaan nageenyaa biyyaalessaa duraanii Huseen Sheek Ali.

Haleellaa Hagayya 2020 hoteela magaalaa Moqaadhishoo irratti raawwatame

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Hagayya 2020 hoteela magaalaa Moqaadhishoo irratti raawwatame

Qondaaltota sabaan walqoodanii walhadhaniin daran barbadooftee yeroo dhiyoo as dandamachaa kan jirtu magaalaa guddoon Somaaliyaa Moqadishoon, ammas hidhattoota al-Shabaabiin nagaa dhabaa, yaaddoo keessa jirti.

Hidhattoota kunneen magaalaa Moqadishoo fi magaalota kaan keessaa loltoota Gamtaa Afriikaan gara moggaatti gussamuutu himama, garuu deebi'anii wayita yaaddoo uumantummoo dhagaahama.

Hidhattoonni kunneen magaalaa Moqadishoo keessatti hinumaa hundee jabeeffatanii daldaltoota irraa gibira funaanuu, Mana Murtii Shari'aa hoogganuu fi darbee darbees haleellaawwan garaagaraa hoteelota gurguddoorratti raawwachuu itti fufaniiru.

"Namni hunduu al-Shabaabiif gibira kaffala, kallattiin yookiin kallattiin ala. Pireezidantii dabalatee jechuudha. Nyaati inni sooratu gibirri al-Shabaabiif irraa kaffalameeti'' jedhe gorsaan duraanii pireezidanti Farmaajoo.

"Waggoota arfan darban keessa akkaan of cimsaniiru. Namoonni hedduun al-Shabaab akka garee kashlabbee dhiibbaa homaatuu hin qabneetti fudhatu. Garuu haalaan kan qinda'aniidha. Garee cimaa biyyattii qabachuuf aggaamaa jiruudha.''

Bara darbe ji'a Hagayyaa keessa hoteelli guddaan magaalaa Moqadishoo handaara galaanaatti argamu, Elite Hotel jedhamu, haleelamee lubbuun namoota 15 olii galaafatamuun sababa abbaan qabeenyaa hoteelichaa al-Shabaabiif gibira kaffaluu dideefi.

Abbaa qabeenyaa holeeta Elite
Ibsa waa'ee suuraa, Abbaa qabeenyaa holeeta 'Elite'

Abbaan qabeenyaa hoteelichaa Abdullaahii Nor ''al-Shabaabiif homaayyuu hin kaffalu, inumaa ammallee ofirraa qolachuu itti fufna'' jedhan.

Garuu erga loltoonni US ajaja Doonaald Tiraampiin biyyattii gadi dhiisanii bahanii yaaddoo qaban ibsaniiru.

"Kun tasgabbii keenyaaf yaaddoo guddaadha. Warri Ameerikaa akkaan nu barbaachisu, keessattuu nageenya keenyaaf," jedhan abbaan qabeenyaa hoteelichaa.

Namoonni handaara galaanaa Liidoo iddoo hoteela Elite jedhamuutti wayita bashannanan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni handaara galaanaa Liidoo iddoo hoteela Elite jedhamuutti wayita bashannanan

Waayit Haawus loltootasaa Somaaliyaa jiru jedhaman 700 ta'an keessaa haga tokko gara biyyaatti deebisuun dippiloomatota warra dhihaa biyyattii keessa jiraniif hin liqimfamne.

Somaaliyaatti Amaasaaddarri Biriteen Ben Folder loltoonni Ameerikaa nageenya Somaaliyaaf waggaa hedduu dhama'aniiru jedhan.

Somaaliyaatti Ambaasaaddara duraanii US kan ta'an Stephen Schwartz ammoo tarkaanfiin kun sababa amansiisaa malee osoo hawaasi hin beekin kan fudhatamee fi al-Shabaabiif haala kan mijeessuudha jechuun qeeqan.

"Haleellaa qilleensarraa Ameerikaa fi humna addaa isaanii qofa ture kan al-Shabaab jabeessee rukutuu fi isaan dhaabuu danda'u," jedhan gorsaan duraanii pireezidantii Somaaliyaa Huseen Sheek Alii.

1px transparent line

Dhiphina nageenyaa fi goolama siyaasaa Somaaliyaan keessa jirtu irratti haalli nageenyaa biyyoota ollaa jiranii ammoo dhiibbaa biraa dabaleera.

Rakkoon nageenyaa Itoophiyaa, biyyoota Galoo galaanaa fi biyyoota Afriikaa kaanii goolamni Somaaliyaa keessaa akka hamaatu gochuu danda'u.

Nageenya Somaaliyaa eegsisuuf biyyoonni Afriikaa shan ergama addaa Gamtaa Afrikaa jalatti loltoota 20,000 ta'an gumaachanii hojjechaa jiru.

Kana cinatti Ameerikaanis loltootashee ramaduun nageenya Somaaliyaa eegsisaa turteetti.