Haleellaa Hoteela Somaaliyaa: 'Namni marsaa afuriif haleellaa al-Shabaab jalaa ooluuf carroome maal jedha?

Madda suuraa, Mohamed Moalimu
Gaazexessaan duraanii BBC Mohaammad Mo'aaliimuu magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishoott haleellaa al-Shabaab hoteela qarqara galaanaa jiru tokkorratti Dilbataa darbe (Hagayya 16, 2020) raawwateen namoota hedduu galaafatee ture irraa hafe.
Akka gaazexeessaan kun jedhuuttis, kan ammaa kana waliin haleella al-Shabaab irraa hafuun isaa waggaa torba keessatti yeroo afraffaadha.
Mo'aaliim Hoogganaa Federeshinii Gaazexesitoota Somaalii ta'e BBC'tti akka dubbateetti haleellaa hotelaa irratti raawwatameen namoonni 20 lubbusaanii dhabaniiru.

Mo'aaliim taatee Hoteela Eliit jedhamu kan yeroo baayyee miseensota mana maree Somaaliyaa dabaltee aanga'oonni itti baayyatan sanatti mudate akka itti aanu kanatti seenessa.
Anis baayyee kirkiraan ture. Qaamni kiyyaa kirkiraa onneen kiyyaa akka dibbeetti dhahataa ture. Aarrii gurraachi guddaan tokko gara samiitti waan ol ka'eef naannoo haalaan ilaaluun rakkisaa ture.
Namoonni iyyaa turan. Dhiibbaa halleellaa gahee akka ta'e nan beeka. Namoonni kaan ofilaalii foddaa cacabeen miidhamanii dhiigaa, kaan ammoo gargaarsaaf iyyaa turan.
Hiriyaan kiyya Abdirizaak Abdii battalumatti fiiguu barbaade. Garuu dhukaasni cimaan karaa seensaatiin gaggeefamaa waan tureef dhaabuun barbaade.

Madda suuraa, Reuters
Anis hanga dhukaasi garamii akka dhufaa jiru adda baasuuttiin ture. Haala akkasii keessatti maal gochuu akkan qaburratti leenjii'een ture.
Baayyee of eegannoo taasisuun kiyyaa akkan maal akka gaggeefamaa jiru adda baasuu danda'uuf hedduu na gargaareera. Isatu na baasees.
Dallaa irraan utaalun karaa bishaan haroo sanaan lafa bu'e.
'Shaamizii kiyyan baafadhe'
Akkuman utaalee bu'een fiiguu hin eegallee. Namoonni fiigaa turan rasaasaan dhahamaa turan.
Uffata kan akka T-shartii alaalaa si mullisuu yoo uffatte haala salphaa ta'een xiyyeeffannaa qaamoolee miidhaa qaqabsiisanii harkiisa.
T-shartii magariisa uffadhee waanan tureef baafadheen gara harootti fiiguun eegale. Kopheen kiyyas waan badeef miila kiyya qullaan ture.
Halleellaan akkuma itti fufeetti yoo ta'u ani akka carra ta'ee bahee baqadheera.

Madda suuraa, Reuters
Hiriyyaa kiyyaaf bilbiluuf yaalulleen argachuu hin dandeenye.
Lubbuun jiraatuus ykn ajjeefamulleen barbaachan dhaqe. Dhohinsaan booda namoonni hedduun lafarratti kufaniin arge. Muraasni isaanii iyyaa turan. Haala baayyee sukanneessa ture.
Otoomama dhukaafni gaggeefamaa jiruu ambulaansiin dhufaa ture. Namni ta'ees Abdirizaak akka rukutamee hospitaala gale natti hime.
Shorrkeessitotaan waan rasaasaan rukkutameef miilaafi laphee isaa irra rukutame.
'Gara hospitaalaattin fige'
Yeroo sanatti socho'uun daangeeffamee ture. Looltoonni waan naannicha to'ataniif dhukaasni gaggeefamaa ture.
Abdiziraak kan Ministeera Odeeffannoo keessa hojjataa ture, sa'aatiiwwan muraasaan dura ture, dhufee mana kiyyaa konkolaataan na fuudhee gara hoteelichaa kan waliin deemne.
Imagine, somebody who was my colleague, a friend - we were only having a friendly chat and coffee that day - is now dead. He was dead in a few minutes"

Konkolaataan waan hin hayyamamneef jechas hangan hospitaala gahuutti fiigaan ture. Garuu Abdirizaak du'uunsaa natti himame.
Haalaa baayyee sukkaneessa ture. Haala akkasii Moqdishoo keessatti ala afuur na mudateera.
Kunis akkuma yeroo kaanii miidhaan narra hin geenyeedha.
Bara 2013tti dallaa UN fuulduran ture wayita al-Shabaabii miidhaa qaqabsiisee konkolaataan kiyyas boombiin dhahameetti.
Yeroo biraa ammoo bara 2016tti hoteela dhiheenya Haroo Lodootti fuulli kiyyaa baayyee na miidhamee ture.
Boolla dhiigaa keessa gara sa'aatii lamaa oliitiifan ciisee. Ergasiin boodas wallaanamuuf hospitaala asiifi Naayirobii, akkasumas Landaniitti baatiiwwan dheeraa natti fudhate miidhama narra gahe irraa fayye.
Bara darbe akkasumas Guraandhala keessa dhohiinsa Hoteela Maaka al Mukaaraamaa barbadeessee ture.
Yeroo sanas harki kiyya dabalatee miidhaa xiqqoon qaama kiyyaarra gahee ture. Karaa qaawwa keenyaa boombiin dhahamee utaalee bahee baqadhee hafe.

Guyyaa sana hiriyaa kiyya tokko waliin buna dhugaa haasa'aa turre. Inni amma du'eera.
Daqiiqaa muraasa keessatti ajjeefame. Yaaduu dandeessa osoo jira jettee nagaan hiriiyaa kee waliin xabataa jirtuu battalumatti ajjeefamuun hangam sukkaneessaa akka ta'e. Yeroo baayyee rafuu hindanda'u. Baayyee miidhaa narraan gaheera.
Hallleellaa ammaa kanaanis namoota halleellaa sana gaggeessan afur malee namoonni gara 20 ta'an ajjeefamuun himameera. Ani garuu ammas ooleera.
'Lubbuun ooluu kiyya maatiin kiyya hin amannee ture'
Moqdishoo keessatti yeroo gara garaatti namoota hedduutuu ajjeefamaa jiru.
Haleellaa gahaa jiruu kanaan baayyee yaadda'aan jira. Haalli akka geedaramuus abdiin qaba.

Madda suuraa, Reuters
Haatii warraafi maatiin kiyya yeroo hunda akkan resitoraantii hin deemne na gorsu. Amma gorsa saanii kana hordofuun qaba.
Taatee ammaatiin Abdirizaak ajjeefamu waan baraniif baayyee naaf sodaatanii turan.
Hospitaalaa wayitan bilbiluuf hanga ijaan na arganiitti lubbuun jiraachuu koo amanuu didan.
Yeroo arfaffaaf irraa hafuu kiyyaa amanuun itti ulfaatee ture.













