Loltuun Ameerkaa Somaaliyaatti ajjeefame

Gareen Alshabab mootummaa fonqolchee aangoo qabachuu barbaada

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Gareen Alshabab mootummaa fonqolchee aangoo qabachuu barbaada

Loltuun humna addaa Ameerkaa haleellaa garee Alshabaabii jedhamee shakkamuun kibba Somaaliyaatti ajjeefame, jedhu aanga'oonni.

Haleellaa kanaan loltoonni biroon afur fi loltuun Somaaliyaa tokko madaa'aniiru. Haleellaan lubbuu namaa gaaga'e kun Kaaba Kismaayyootti raawwate jedhu qondaaltonni Humna Ittisaa Ameerkaa

Loltoonni Ameerkaa waraana Somaaliyaa cinaa dhaabbachuun garee Alshabaab haleelaa turan.

Gabaasi New York Times akka mul'isutti erga Onkoloolessa darbe loltoonni Ameerkaa Niigeer keessatti ukkaamfamanii as ajjeefamuun loltuu Ameerkaa kun Afriikaa keessatti isa jalqabaati.

Pirezidaantiin Ameerkaa Doonaaldi Tiraampi tuwiitara irratti gadda itti dhagahame ibsaniiru.

Waraanni Ameerikaa Waraana Biyyaalessaa Somaaliyaaf deggersaa fi gorsa kennuun Alshabaab irratti duulaa akka ture qondaaltonni waraanaa biyyattii ibsaniiru.

Ameerkaan erga bara 1993 loltoonni humna addaa 18 jalaa wareegamanii as ergamashee gara Somaaliyaatti babal'isuurratti xiyyeeffachuurraa of qusachaa turte.

Pirezidaanti Tiraampi garuu garee Alshabaab kan alqaa'idaan hidhata qabu haleeluuf erga addaa fudhatanii hojjechaa jiru.

Danaa Somaaliyaa kan bara 2016
Ibsa waa'ee suuraa, Danaa Somaaliyaa kan bara 2016