US loltootashee Afriikaa keessa jiran %10 hir'isuuf

Loltoota Ameerikaa wayita bobba'anii jiranitti

Madda suuraa, BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Ameerikaa wayita bobba'anii jiranitti

US loltootashee Afriikaa keessa jiran waggoota muraasa dhufan keessa %10 akka hir'istu beeksifte.

Yeroo ammaa kanatti loltoonni US 7,200 ta'an ajaja Afriikaa jalatti hojjechaa jiru.

Akka ibsi Pentaagon jedhutti Afriikaa Lixa keessa bakka gareewwan jihaaddistootaa sirriitti jiru jedhametti, "xiyyeeffannoon jiru deggersa dammaqinaan deggersa tarsiimawaa irraa gara gorsaafi quba walqabaachuufi odeeffannoowwan barbaachosii waliif qooduun waliin hojjechuutti jijjiirama."

Dubbi Himaan Pentaagoon Komaandar Kandaayis Tireesh Roohitarsitti akka himetti lakkoofsa hir'isuun kun hojii "halleellaa shorokkeessitootaa dura dhaabbachuu" kan biyyoota hedduutti akka Somaaliyaa, Jibutiifi Liibiyaa hin tuqamiin jiru banaa godhee dhiisa jedhan.

Aanga'aan US akka maqaan isaa hin dha'amne barbaade tokko ammoo Roohitarsitti akka himanitti, adeemsi loltoota hir'isuu kun yeroo waggoota sadii keessatti kan raawwatamu yommuu ta'u biyyoota akka Keeniyaa, Kaameruuniifi Maalii dabalata.

Gaaffii tarkaanfiin hir'isuu kun ajjeefamuu loltoota US Onkoloolessa 2017 keessa Niijer keessatti uumameen ta'uu malaa jedhuuf, qondaalli waraanaa kun waanti mudate sun murtoo kana keessatti ga'ee akka hin qabne Sagaleen Ameerikaa gabaaseera.

"Haleellaan sun osoo hin uumamiin dura mareen dhimma kana irratti gaggeeffamaa tureera," jedhan aanga'aan kun.

Barreessaan Humna Ittisaa US Jaams Maatiis qabeenya Afriikaa irraa hir'isuun walitti bu'insa gara fuula duraatti Raashiyaafi Chaayinaa waliin jiruuf qusatama jechuu isaanii miidiyaaleen gabaasaniiru.