Doonaaldi Tiraampi loltootni Ameerikaa Somaaliyaati akka baafaman ajajan

Lakkoosi loltoota hin ibsamnee gara biyyoota ollaatti oppireeshinii dsaangaa ce'uun gaggeefamuuf ergma jedhame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lakkoosi loltoota hin ibsamnee gara biyyoota ollaatti oppireeshinii dsaangaa ce'uun gaggeefamuuf ergma jedhame

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi Amajji 15tti loltootni Ameerikaa, Somaaliyaa keessa jiran hundi akka baafaman ajajan.

Ameerikaan loltoota 700 tahan humna biyyatti gargaaruun al-Shabaabii fi IS lolan Somaaliyaa keessaa qabdi. Qondaalonni akka jedhanitti loltootni gariin isaanii gara biyya ollaatti deemuun oppireeshinii daangaa ce'uun gaggeeffamuuf hulaa banu.

Dhiyeenya kana Tiraampi haaluma wal fakkaatuun lakkoofsi loltoota Ameerikaa, Iraaqii fi Afgaanistaan keessaatti bobba'anii turanii akka xiqqaatuuf ajaja dabarsaniiru.

Pirezidaantichi loltootni Ameerikaa biyyoota kanneen jiran akka gara biyyatti galan jedhanii waraanni loltootni kunneen biyyoota akka Iraaqii fi Afgaanistanitti godhan qaalii fi bu'aa maleessa jedhan.

Ibsi Peentagan humna waraanaa kana bakkaa kaasuun qabeenya waraanicha bara 2021 Somaaliyaa keessaa baasuun hojii jalqabaa taha jedhan.

Kun ammoo jijjirama imaammataa miti jette.

''Dhaabbilee finxaaleyyii nageenya biyya keenyaaf yaddoo tahan caccabsaa istiraateejii dorgommii humna guddaa qabaachuuf goonu itti fufna.''

Haa tahu malee ogeeyyiin akka jedhanitti loltootni kunneen baafamuun akka hidhattootni Gaanfa Afrikaa keessaatti babbal'atan taasisa.

Ji'a darbe keessa qorattootni mootummaa Ameerikaa akka gorsanitti loltoota kanneen Somaaliyaa keessaa yoo baasne humnootni biyyattii keessaa hidhattota ofirraa ittisuu hin danda'an jedhan.

Miseensonni paarlaamaa Somaaliyaa loltootni Ameerikaa achii baafamuun shororkeesitootni akka dabalan taasisa kun waan hamaadha jedhan.

Humnootni US Somaaliyaa keessatti hafan ammoo Mooqadishoo buufatu jedhe Peentagan.

Somaaliyaan waggoota kurnaniif rakkoo siyaasaa keessa kan turte yoo tahu Gamtaa Afrikaa fi US loltoota erguun Moqadishoo fi naanna'aa ishee harka al-Shabaabii fi al-Qaayidaatii baasaniiru.

Pirezidaantootni Ameerikaa erga bara 1993 humni addaa Ameerikaa 18 waraana hidhattoota irratti osoo taasisaa jiranii Moqadishootti ajjeefamanii as dhimma nageenya Somaaliyaa gidduu galaa turan.

Kunis fiilmii 'Black Hawk Down' jedhamu keessatti bifa diraamaan hojjetamee agarsiifamaa ture.

Haa tahu malee Ameerikaa waraana dhuma qabne keessaa baasna jechuun Tiraampi akkuma duula filannoo bara 2016 irratti dubbattaa turan walitti aansuun waraana al-Alshabaab irratti gaggeessa turan.

Qondaalonni Ameerikaa loltootni Afgaanistaan keessa jiran 5000 turan gara 2500tti kan Iraaq keessa turan ammoo 3000 irraa gara 2500 kan gadi xiqqaatu ji'a Amajjiitti jedhan.