Keeniyaan qabeenya warreen al-Shabaab deeggaran jette uggurte

Madda suuraa, Getty Images
Keeniyaan qabeenya namoota sagalii garee hidhataa Somaaliyaa al-Shabaab deeggaru jette uggurtee jirti.
Ministirri dhimma keessaa biyyattii tarkaanfiin kun shororkeessummaa isa biyya keessaa ittisuuf taasifamedha jedheera.
Ibsa Ministirri Tika Biyya Keessoo, Fireed Maataayaangii kennaniin qabeenya lammiilee Keeniyaa sagal kan qabanne akka isaan kana booda garee al-Shabaab biyya keessaa hin deeggarre mirkaneessuufi jedhan.
Gareen kun namoota, filachaa, barsiisaafi ajandaa finxaalessummaafi shororkeessummaa leenjisaa turuullee akeekan.
Ibsi kun kan bahe erga pireezidantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataan, gaggeessitoota addunyaa, weerarri Covid-19 gochaan shororkeessummaa akka jabaatu, baqattoonni akka hiraarfamaniifi hidhatoonnifi meeshaaleen waraanaa sasalphaan akka dhalataniif sababa tahaa jira jechuun himan boodadha.
Keeniyaan loltootashee bara 2011tti Somaaliyaatti erga bobbaasteen as al-Shabaab irraa haleellaan garagaraa irra gaheera.
Al-Shabaab eenyu?
Al-Shabaab, Afaan Arabaatin, Dargaggoota jechuudha.
Jihaadistoonni biyyoota alaarraa al-Shabaab gargaaruuf gara Somaaliyaa akka dhaqan, hedduu gabaafameera. Biyyoota ollaa jiran dabalatee, Amerikaa fi Awuroppaa irraas kan dhaqan jiru.
Ameerikaa fi Ingiliizin garee shororkeessaa ta'uun ramadameera. Loltoota 7,000 hanga 9,000tti qaba jedhamee amanama.
Al-Shabaab gosa Islaamummaa Saawudii Arabiyaa, Waahaabii ennaa leellisan; Somaalonni hedduun Suufii dha.
Naannoowwan to'atettis seera Shariyaa hojiirra oolcheera. Dubartii sagaagalummaan himatamte, dhagaan reebanii ajjeesuu fi hattuu harka irraa kutuu dabalata.
Al-Shabaab Keenyaa keessaa maal godha?
Al-Shabaab Keenyaa yeroo hedduu haleeleera. ALA Ebla 2, 2015tti ajeechaan Yunivarsiitii Gaarrisaa, dhiheenya daangaa Somaaliyaatti ta'e, kan yeroo kamiyyuu caalaa isa hamaadha.
Haleellaa kanaanis namoonni 148 lubbuu isaanii dhabaniiru. Miseensonni garee kanaa qawwee qabatan, barii barraaqa mooraa yuniivarsiitichaa seenuun barattoota Kiristaana ta'an fixan.
Kana dura ammoo, 2013tti, haleellaan inni hamaan wiirtuu daldalaa Westigeetitti raawwatame. Kanaanis namoonni 68 lubbuusaanii dhaban.
Westigeetiifi haleellaawwan birootti, hidhatoonni kunneen, namoota Musliima ta'an ennaa hambisan, kanneen jechoota Quraana keessa jira jechuu hindandeenye ajjeesaniiru.
Kana malees haleellaan dhukaasaafi boombii al-Shabaabiin walqabatan hedduun naannolee daangaafi Naayiroobitti ni raawwatamu. Iddoowwan daangaa kaneenitti, lammiileen Keenyaa hedduun sanyiin isaanii Somaaleedha.
Akka jecha al-Shabaabitti, Keenyaa irratti kan xiyyeeffatu, waan Keenyaan humna waraanaa ishee lafa Somaaliitti waan galchiteefi. Humni waraanaa kunis humna Gamtaa Afriikaa (AU) 22,000 ta'anitti makame.
Fulbaana 2016tti, mooraa waraanaa Keenyaa, Somaaliyaa iddoo el-Adee jedhamtu keessa argamu akka malee haleelan. Kanaanis akka jecha Pireezidant Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammuditti, loltoota 180 ajjeesan. Raayyaan waraanaa Kenyaa lakkoofsa kanarratti waliigaluu baatus, meeqa akka lubbuu dhabanis wanti jedhe hinjiru.
Lakkoofsi pireezidaantichaa dhugaa tha taanaan, haleellaa al-Shabaabin raawwatame isa hamaa ta'a.
Al-Shabaab Keenyaatti dameewwan namoota haaraa ofitti makuuf gargaaran hundeesseera. Mombaasaa, iddoo hawaasni Muslimaa itti heddumaatuttis dameewwan qaba.














