Haleellaa Naayiroobii: Namoonni haleellaa raawwatameen shakkaman to'ataman

Madda suuraa, Reuters
Namoonni sagala haleellaa Naayiroobiitti raawwate qindeessanii fi deeggaran jedhaman to'annoo jala oolan.
Namoonni haleellaa rawwatan jedhaman shan ajjeefamuu qondaaltotni himanii, namoota halellicha kallattii garaaragaraan qindeessan adamsuun ammoo itti fufeera jedhan.
Haleellaa kanaan wal qabate namoota to'annoo jala oolan keessa tokko lammii Kanaadaa ta'uusaa ibsameera.
Dhirooti afuriifi dubartiin tokko Mana Murtii Olaanaa Naayroobitti dhiyaataniiru kan
Haleellicha raawwachuu al Shabaab ibseera.
Waldaan Fannoo Diimaa Keeniyaa namooni dhabaman hundinuu argamaniiru jedhe.
Haati manaa shakkamaa haleellicha raawwatee tokko kan Kaaba Naayiroobii Kiyaambuu keessa jiraattu to'atamuu miidiyaaleen Keeniyaa gabaasaa jiru.
Poolisiin nama Ali Saalim Gichungee maqaa Farook jedhamuun beekamu, konkolaataa inni haleellicha raawwachuuf fayyadameen adda baasuu ibse.
Ollaan akka jedhetti mana keessa jiraataa turaniitti kan galan ji'a Onkololessaa keessa yoo tahu, jireenyi isaanii icciitii tahuu gaazexaa The Standard jedhamutti himaniiru.
Meeshaa mana isaaniis gurgurtaaf akka dhiyeessaniifi torban kana keessa Naayiroobiitii bahuuf qophii tahuu isaanii himaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Pirzidaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan namoonni haleellicha raawwatan hundi qaama nageenyaan dhabamsiifamuu himaniiru.
Qaamni nageenyaa opireshinichi xumuramuuf sa'aatii 19 itti fudhateera.
Al-Shabab haleellicha kan raawwate pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi magaala guddoo Israa'eel Jeerusaalem akka taatuuf deeggaruu isaa ijaa bahachuuf akka tahe ibseera.
Ameerikaanis haleellaa hiika hin qabne jechuun balaaleffattee kanumaafidha shororkeesitoota injifachuuf kuttannoon kan waraannu jedhe Manni Maree Nageenyaa Waayit Haawus.
Miidhamtootni eenyu fa'i?
Sirni awwaalcha namoota du'anii kan raawatamaa jiru yoo tahu poolisiin birmatee fiigee deeme tokkos namoota du'an keessaa tokkodha.
Hiriyyaawwan lama adda bahanii hin beekan jedhaman laaqana nyaachuuf gara hoteelichaa dhaqanis achumatti ajjeefamanii sirni awwalcha isaaniis bakkuma tokkotti raawwateera.
Lammiin Ameerikaa Jaason Spilinder jedhamus akkasuma ajjeefamuu obboleessi isaa karaa tiwiterii barreessera.
Jaason rukuttaa al Qayidaan bara 2011 Ameerikaa irratti raawwate jalaa nama oole ture.
Afrikaatti carraa hojii uumuu fi dhaabbata gargaarsaa tokko keessas namni hojjetu lammiin Ingiliz fi Afrikaa Kibbaa Luuk Pooter akkasuma ajjefameera.
Kaan ammoo miidhamuun yaalii kan argataa jiru. Namootni hedduunis gara hospitaalotaa deemuun dhiiga gumaachaa turan.

Madda suuraa, AFP
Namoonni 700 tahan lubbuudhaan hoteelicha keessaa baraaramaniiru.
Haleellaan Westigeet lubbuu namoota 67 galaafates opireeshinii sa'aatii 80 fudhachuun isaa ni yaadatama.













