Haleellaa Naayroobii: Al-Shabaab itti gaafatamummaa fudhateera

haleellaa Naayrobii

Madda suuraa, AFP

Magaalaa gudditti Keeniyaa, Naayrobii, naannoo Riverside jedhamutti hoteela DusitD2 keessatti haleellaa hidhattoonni qaqqabsiisaniin lubbuun namootaa darbeera.

Gareen al-Shabaab waan jedhe, ''haleellaa kanaan namoota 47 galaafanneerra,''

Angawoonni Keeniyaa garuu hanga ammaa wanti jedhan hinjiru.

Hoteelli DusitD2 kun hoteela abbaa urjii shanii (Five Star) yogguu tahu, warri sooreessaa fi anga'oonni mootummaa garagaraa kan itti walgahanii fi walgahiiwwan garagaraa itti gaggeessanidha.

Hoteelli kunis Bulchiinsa Westland keessa daandii Riverside Drive jedhamu gubbaa argama.

Seensa hoteela kana biraas aarri guddaafi koonkolaattonni hedduus gubachaa turan. Namoonni baayyeenis dhiigaan uwwifamanii gamoo kana keessaa yogguu bahanis mullataniiru.

Haleellaa Naayrobiitti ta'e kana Al-Shabaab itti gafatamummaa fudhachuu isaa dubbii himaan hidhattoota Al-Shabaab Somaaliyaa bufatanii BBC'tti bilbilaan himeera.

"Namootni keenya naannoo Westlaand keessatti dallaa barbaachisaa keessa galanii jiru," jedhu.

Odeeffannoo dabalataa haleellan kun yeroo dhumu akka beeksisanis himeera.

Iddoo haleellaan qaqqabe
Ibsa waa'ee suuraa, Iddoo haleellaan kun itti raawwataa jiru

Haleellaan kun dhoohiinsa guddaan jalqabee hidhattonni akka hoteela karoorfame akka galan taasiisuuni jechuun al-Shabaab ibseera.

Haleellaan kunis waggaa sadaffaa guyyaa haleellaan looltoota Keeniyaa magaalaa El Addee irra ga'etti taasifame.

nama miidhame Naayroobii

"Nu haleela jiru!" jechuun namni gamoo sana keessa jiru Reuters'tti hime.

Poolisiifi humni addaa nannicha qaqqabeera. Dhaabatni Fannoo Diimaa namoota miidhaman yaalaa jira. Sababni haleellaa kanaafi lakkoofsi namoota midhamanii hanga ammaatti hin baramne.

Hoogganaan qorannoo yakkaa Keeniyaa George Kinoti lafa balaan kun jiru ga'uun yaalii namoota olchuu irratti gartuu akka gaggeessuu gabaasameera.

line

Al-Shabaab eenyu?

Al-Shabaab, Afaan Arabaatin, Dargaggoota jechuudha.

Jihaadistoonni biyyoota alaarraa al-Shabaab gargaaruuf gara Somaaliyaa akka dhaqan, hedduu gabaafameera. Biyyoota ollaa jiran dabalatee, Amerikaa fi Awuroppaa irraas kan dhaqan jiru.

Ameerikaa fi Ingiliizin garee shororkeessaa ta'uun ramadameera. Loltoota 7,000 hanga 9,000tti qaba jedhamee amanama.

Al-Shabaab gosa Islaamummaa Saawudii Arabiyaa, Waahaabii ennaa leellisan; Somaalonni hedduun Suufii dha.

Naannoowwan to'atettis seera Shariyaa hojiirra oolcheera. Dubartii sagaagalummaan himatamte, dhagaan reebanii ajjeesuu fi hattuu harka irraa kutuu dabalata.

line

Namni gamoo hoteela Dusiit keessa jiru tokko ergaa Twiitaraa ergeen, ''Nuu kadhadhaa. Haleellaa jala jirra. Yoon du'e ammoo maatiikoo akkan jaaladhu itti himaa...''

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Konkolaata boba'u Naayroobii

Ibsa poolisii

Ajajaan poolisii Keeniyaa Inispeektar-jeneraal Jooseef Boinnet ibsa kennaniin, ''haleellaan kun haalellaa shororkeessitootaati jennee shakkina,'' jedhaniiru.

''Hidhattoonni gamoo kana keessa ammas akka jiran hubanneerra. Humnoonni keenya addaa haranii baasuuf opireeshinii gaggeessaa jiru,'' jedhan.

haleellaa Naayrobii

Madda suuraa, AP