Kongirasii Ameerikaa: Ilhaam Omaar jaallee siyaasaa isheetti heerumte

Dubartiin dhalattuu Somaaliyaa taate siyaasa Ameerikaa keessatti gurra guddaa horatte Ilhaan Omaar, nama duula filannoo ishee keessatti ishee gargaaraa turetti heerumuu beeksifte.
Ilhaam Omaar, "Jaallee siyaasaa irraa gara jaallee jireenyaa, kun eebbadha" jechuun fuula Inistaagiraama isheerratti barreessite.
Dubartiin ganna 38 miseensa mana maree Kongirasii Ameerikaa taate kun abbaa manaashee duraanii akkuma ishee Somaalee ta'e hiikuun nama maqaan isaa Tiim Maayinet jedhamutti kan heerumte.
Tiim Maayinet ammoo yeroo Ilhaam Omaar filannoo mana maree US'tiif Mineesotaa keessatti dorgomaa turtetti adda durummaan deggaraafi fandii filannoo walitti qabaaf ture.
Abbaa manaa ishee duraanii Ahimad Hiriis irraa ijoollee sadii waliin horatanis Sadaasaa darbe ture kan seeraan hiikte Ilhaam.
Osoo Ilhaam waliin michummaa jaalalaa qaban ifa hin godhiin dura Tiim Maayinet irrattis karaa haadha warraa isaa duraniitiin hariiroo michummaa siyaasaa qofa osoo hin taane kan jaalalaa akka qaban shakkiin irratti dhiyaachaa turuu barrun 'FOX 9 of Minneapolis-ST. Paul' gabaasee ture.

Madda suuraa, Inistaagiraama Ilhaam Omaar
Ilhaam dhalattuu Somaaliyaa lammiin Ameerikaa ta'uun miseensa Kongirasii Ameerikaa ta'uun kan jalqabaati.
Akkasumas, Kongirasii Ameerikaa keessatti Musliimota Ameerikaa lama seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif filataman keessaa ishee tokkodha.
Erga filannoon milkooftee booda Ilhaam deggersaafi mormiitu ishee mudataa ture.
Gama tokkoon, dhalattuu Somaaliyaa, Afrikaa sadarkaa baqattummaa irraa ka'uun, akkasumallee hawaasa Musliimaa keessaa bahuun kan kanaan dura Ameerikaa keessatti hin baramneefi ni milkaa'a jedhamee hin yaadamne milkeessuun hedduu gurra horatteetti.
Gama biraan ammoo qeeqa jajjabaa yeroo gara garaatti Pirezidaant Doonaald Tiraamp irratti dhiyeessutin ammoo kan ishee morman ni jiru.












