Mootummaan Eertiraa namoota sababa amantaasaaniin hidhaman 30 ol wabiin gadhiise

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Eertiraa hidhamtoota 36 kan sababii amantaa isaaniitiin to'annoo jala oolfamanii turan wabiidhaan gadhiisuunsaa dhagahame.
Maddeen BBCtti akka himaniitti, namoota amma gadhiifaman keessaa 14 isaan waggoota afur darbaniif Odoola Daahilik keessatti hidhamanii turan.
Kanneen 22 ta'an biroon ammoo dhuma baatii darbee to'annoo jala oolfamuun amma wabiin kan gadhiifamaniidha.
Akka madda kanaatti, namoonni hidhamanii turan kanneen hundinuu hordoftoota amantii Kiristaanaa warra Wangeelaafi pirotestaantii irraayi.
Eertiraan bara 2002tti waldaalee Ortodoksii, Kaatoolikiifi warra wangeelaa Lutaraniin alatti seera haaraa kan biraa hunda dhorku baafte turte.
Amantiin Islaamaa Sunniis amantaa Eertiraatti seeraan beekamtiin kennameef keessatti argama.
Motummaan Eertiraa erga yeroo dhiyootiin as namoota sababii amantaa isaanitiin walqabatee hidhaman gadhiisaa jira.
Haalamu walfakkaatun, motummaan Eertiraa Fulbaan 2020 keessa namoota waggoota hedduuf hidhamanii turan 20 wabiin gadhisee ture.
Baatii Muddee bara darbee ammoo, akkasuma gareen miseensoota dhugaa bahoota Joohovaa 28 kan bara dheeraaf mana hidhaa turan gadhiifamaniiru.
Haata'u malee, akka falmitoonni bilisummaa amantaa jedhaniitti, ammalleen kiristaanonni hedduun mana hidhaa keessatti kan hafan yoo ta'u, kaan ammoo yeroo garaa garaatti to'atamaa jiru.
Motummaan Eertiraa ammoo kiristaanota miseensota waldaalee pirotestaaniifi wangeelaatiin ergamtoota motummoota biyya alaati jechuun himata.
Eertiraan erga bara 1993tti Itoophiyaa irraa walabummaa ishee labsite kaafte, filannoo ykn paarlaamaa malee, bulchiinsa Isaayaas Afawarqiitiin ogganamaa jirti.













