Ertiraan hordoftoota amantaa Jehoovaa Witinas 28 hidhaarraa hiikte

Madda suuraa, Getty Images
Ertiraan hordoftoota amantii Jehoovaa Wiitinas 28 hanga waggaa 26f hidhaa keessa turanii, yeroo hidhaasaanii xumuran hiikte.
ALA bara 1994tti miseensonni waldaa Kiristaanaa kanaa marti, lammummaan isaanii irraa mulqamee ture. Hordoftoonnis seeratti osoo hin dhiyaatiin hidhaaf saaxilamu.
Sababa mootummmaan biyyattii dhiyeessu keessaa tokko, hordoftoonni amantichaa tajaajila biyyaalessaa loltummaa waan didaniif.
Ibsi mana amantaa kanaan kenname akka jedhutti, hordoftoonni amantii Jehovah's Witness yookaan Dhugaa Baatota Yihowaa Ertiraa keessaa, erga hidhaa itti murame ganna shanii haga 26 xumuruun bahaniiru.
Kanneen keessaa gariin isaanii kan hidhaa bu'an, amantaa isaanii waabeffachuun, akka meeshaa waraanaa kaasnuuf nuun heeyyamu (conscientious objectors) jechuu tajaajila waraanaa biyyaaleessaa dirqamaa biyyatti waan mormaniifiidha.
Waldaan Kiristaanaa kun miseensonni ishee 24 ammallee hidhaa keessa akka jiran himti.
Pireezidantii biyyattii Isaayyaas Afaworqii ALA 1994tti hordoftoota amantaa kanaarraa lammummaa mulqe - kunis kan tahe biyyattiin walabummaashee erga labsattee ganna tokkoon booda ture.
Ertiraan biyyoota addunyaa cunqursaa yookaan hacuuccaan itti hammaatu keessaa ishee tokko.
Biyyattiitti filannoofi paarlaamaa wanti jedhamu hinjiru, heerri mootummaa biyyattiis wixinee kan taheefi kan hojiirra hin oolledha.
Walabummaa amantaa Ertiraatti
Mootummaan Ertiraa amantoota afur qofaaf beekamtii kenna. Namoonni manneen amantaa galmaa'an: Kiristaana Ortodoksii, Islaama Sunnii, Bataskaana Kaatolikii Roomaafi Bataskaana Luteraanii Warra Wangeelaa Ertiraa irraa kan hafan, akka seeraan alattii waan ilaalamaniif yeroo baayyee hacuuccaatiif saaxilamoodha.
Akka gabaasa Komishinii US Walabummaa Amantaa Addunyaarratti, lammiileen Ertiraa sababa amantaa isaaniiitiin hidhamaniiru.
Hacuuccaan warra Jehoovaa Witinesiirra ga'u kan jalqabu akkuma biyyattiin walabummaa ishee labsatteen yeroo isaan rifereendamii Ertiraan walabummaaf taasiftuuf sagalee kennuu diduu isaaniirraan jalqabe.
Warreen Ertiraa Jehoovaa Witinesii ta'an sababii hojii 'biyya lafaa' irratti dhimmi siyaasaa keessattuu tajaajila biyyaarratti hin hirmaannu jedhaniif lammummaa, waraqaa eenyummaafi eyyama hojii dhowwataman.














