Miniyaappolis: Daantee Raayit poolisiidhaan ajjeefamuun jeequmsa kaase

Ibsa waa'ee viidiyoo, Poolisiin namoota jeequmsa kaasan bittinsuuf gaazii imimmaanessituu fayyadame

Poolisiin nama gurraacha bakka sakatta'a tiraafikaa, magaalaa Biruukiliin, Kaaba Miniyaapolisitti dhukaasee ajjeesuu hordofee namoota mormii dhageesisuuf bahan irratti poolisiin gaazii imimmaanessituu dhukaase.

Mormii kana hordofee uggurriin sochii halkaniis akkasuma darbeera. Namni poolisiin ajjeese kun firoota isaan akka adda bahetti Daantee Raayit kan jedhamu dargaggoo ganna 20ti.

Kantiibaan magaalaa Biruukiliin uggura hanga bariitti turu [06:00 (11:00 GMT] dabarsuun namootatti ''qe'ee keessanitti galaa, nagaa tahaa'' jechuun himan.

Magaalaa Miniyaapolis keessatti qorannoon poolisii duraanii nama gurraacha Joorji Filooyid ajjeese yeroo deemaa jirutti dhiphinni akka malee dabaleera.

Manni murtii dhimmicha qoratu bakka amma jeequmsi itti mudate irraa fageenya Km16 irratti kan argamu yoo tahu har'a qorannoo isaa itti fufuun dhimmicha guduunfuu jalqaba jedhamee eegama.

Bulchaan Minesootaa Tiim Waalzi ''haalicha itti dhiyeenyaan hordofaan jira'' jedhee akkasumas maatii Daantee Raayitiif akak kadhatu hime.

Bakkicha wanta haaraan maaltu jira?

Namootni dhibbaan lakkaa'aman magaalaa Biruukilin, mooraa waajjira ol aanaa poolisii alatti walitti qabamuun maqaa Daantii Raayit waamuun iyyaa turan.

Rooyitarsi akka gabaasetti dhiphinni naannichaa dabaleera. Yeroo poolisoonni uffata ittisaa isaanii uffachuun namoota mormiif bahanitti bahan konkolaataan isaanii lama dhagaadhaan dhahamnaan utaalani achirra bahan.

Namootni mormiirra turanis boroqonqiidhaan galmicha irratti barreessuun, dunqoos qabsiisaaniiru. Garuu poolisiin booda akka bittinnaa'an ajajuun gaazii imimmaanesituu dhukaase..

Biizinesiin suuqota naannicha keessa jiranii booda saamamaniiru. 'The StarTribune' akka gabaasetti saamichi qabeenya suuqii keessaa gara bakkeewwan Miniyaapoolisi birroottis babal'ateera.

Kantiibaan magaalaa Biruukiliin, Maayik Eliyoot, is uggura sochaa halkanii hanga bariitti turu labsuu karaa tiwiitera isaanii himan.

Ajjeechaa Daantee Raayit kan agarsiisu viidiyoo ganama maxxanfame irratti kantiibaa magaalichaa Maayik Eliyoot, '' onneen keenya maatii isaa waliin jirti'' jechuun ''haqa aragmsiisuuf waan hundumtuu aangoo keenyan akka hojjetamu isiniin mirkaneessa'' jedhan.

Uummannis mormii isaanii karaa nagaa akka ibsatan gaafata.

Namoota mormiif waajjira ol aanaa poolisii Biruukiliin alatti walitti qabamuun maqaa Daantee Raayit waaman

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota mormiif waajjira ol aanaa poolisii Biruukiliin alatti walitti qabamuun maqaa Daantee Raayit waaman

Miseensotni Humna Eegdota Biyyaalessaa Minesootaa, qorannoo yakka ajjeechaa Deerik Chuuvin, nama gurraacha Joorji Filooyid irratti raawwateef bobbaafamanii turan gara magaalaa Biruukiliiniti ergamaniiru.

Gariin isaanii karaa irartti kan hafan tahus baay'een isaanii garuu bittinnaa'aniiru. Biruukiliin keessaa manneen barnootaa hundi cufamaniiru, akka gabaasa miidiyaalee naannichaatti. Kantiibaanis ibsa ni kenna jedhamee eegama.

Biruukilinitti konkolaataa poolisii miidhame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qorannoo dhimma ajjeechaa Joorji Filooyid dursee ofeseroota seera kabachiisan irratti yaaddoon cimeera