Bu'aan qorannoo reeffa Joorj Filooyid eegamaa ture ifa ta'e

Mormii ajjeechaa Joorj Filooyid

Madda suuraa, Getty Images

Qorannoon reenfa Jooji Filooyid duuti isaa ajjeechaa akka tahe mirkaneesse.

Ajjeechaan Joorji Filooyid magaalawwan Ameerikaa garagaraatti mormii kaase, qorannoon reenfa isaa irratti adeemsifame duutisaa ajjeechaa akka tahe mirkaneesseera

Namni ganna 46 kun Miniiyaappoolisitti to'annoo poolisii jala otoo jiruu onneen isaa hojii dhaabdee jedha gabaasi qorannoo kanaa.

Qorannichi sababiin du'a nama kanaa onneen hojii dhaabuufi mormisaa hudhamuu dha jedheera.

Wiixata darbe qorannoon reenfa Joorji Filooyid irratti gaggeefame ajjeechaa akka tahe mirkaneesseera.

Qorannoon Kaawuntii Heenipanitti adeemsifame ragaa dhukkuba onneee fi dhiyeenyatti qoricha fayyadamuusaa ibseera. Onneen isaa hojii kan dhaabde otoo inni warreen seera kabachiisaniin qabamee jiruuti jedheera.

Bu'aan qorannoo kanaa kan ifa bahe erga maatiin Filooyid dhuunfaa isaaniin sababii du'asaa qorachiisaniin booda dha.

Gabaasni kun Filooyid sababii mormisaa ukkaamamee fi dugdisaa miidhameef hanqina oksijiinii isa mudateen lubbuun darbe jedha. Gareen seeraa maatii nama kanaaf dhaabbate immoo duuti isaa lubbuu balleessiidhaa jedheera.

''Sababiin du'asaa hanqina oksijiiniiti jedheen yaada. Mormisaa qabamee waan jiruuf oksijiiniin gara sammuu isaa deemuu hin dandeenye,'' jedhan ogeessi fayyaa qorannoo reenfaa duraanii Niiw Yoork Maayikil Baadeen.

Ogeessi seeraa maatii Filooyid Beenjaamiin Kiraamp immoo,''Otoo poolisichi morma isaarra hin jilbeeffannee yoona lubbuudhaan hinuma jiraata ture,'' jedheera. Poolisota lameen kaaniinis qaamnisaa miidhameera jedheera.

Magaalawwan 75 tahan keessatti mormiin cimaa adeemsifameera. Daandiiwwan guyyoota muraasa dura sababii Covid-19'n duwwaa turan amma mormitootaan guutamaniiru.