Daani'eel Piruudee:Poolisoonni US shurraaba fuulaan nama gurraacha ajjeesan hin himatamiin hafan

Madda suuraa, We The People/ GoFundMe
Poolisoonni Niw Yoork nama gurraacha tokko hanga inni harganuu dadhabutti ukkaamsanii qaban osoo hin himatamiin hafan.
Daani'eel Piruudee rakkoo sammuu nama qabu yoo tahu poolisoonni, uffata fuulaa haguugu poolisoota balaa irraa ittisuuf hojjetameen erga ukkaamsanii booda magaalaa Rokester keessatti du'e.
Duuti isaa bara darbe ji'a Caamsaa keessa jeequmsa guddaa kaaseera. Abbaan alangaa waliigalaa Niw Yoorki kaleessa abbaan seeraa himannaa poolisoota ajjeesan jedhaman irratti haa dhiyaatu jedhame kuffiiseera jedhe.
''Maatiin Piruud, hawwaasni magaalaa Rookester fi hawwaasni biyyattii bu'aa qorannichaan akka gaddan nan beeka,'' Letishiyaa Jeemsi.
''Waajjirri koo himannaa guddaa dhiyeesse. Bu'aa qorannoo isa qorattootni har'a nutti kennaniin ala kan biraa barbaanna.''
Gareen qorattootaa abbaa alangaatiin kan hundaa'e yoo tahu isaan himachiisuuf ragaan jiru gahaadhaa? kan jedhu qoratu. Afaan seeraan yakki himannaaf nama dhaqqabsiisu raawwateeraamoo hin raawwanne kan jedhu adda baasu.
Ms Jeemsi bu'aa qorattootaa kanatti akka hn gammadne himte. Himata biraa poolisoonni nama gurraacha Afrikaa-Ameerikaa hidhannoo meeshaa waraanaa hin qabne ajjeesuun hin himatamiin hafan biraa eeruun mufachuushee himte.
Ajjeechaan Piruud Ameerikaa keessatti mormii kaaseera. Haalli itti qabame kan Joorji Filooyid waliin wal fakkaata. Mr Piruud namni ganna 41 rakkoo sammuun dhukkubsata ture yeroo obboleessi isaa poolisii waame.
Yeroo isaan achi gahan Piruud qullaa isaa magaalaa Rokester keessa osoo daandii irra fiiguu argan. Yeroo isaan isa qabanii uffata fuulaan gadi isa ukkaamsanii qaban harganuu dhaabuun gara yaalaatti fudhatamus torban booda ni du'e.

Madda suuraa, Reuters
Hanga gaaffii uummataan maatiin viidiyoo haala adabbii isaa gadhiisanitti odeeffannoo bal'aan haala ajjeechaa isaai hanga Fulbaana 2020tti hin dhagahamne ture.
Dhimmi isaa kun poolisoonni torba hojii irraa dhorkamuun hogganaan poolisii magaalichaas akka hojii irraa ari'amu taasiseera.
Maatiin Piruud waajjirri poolisii dhugaa haala ajjeechaa isaa agarsiisu dhoksuuf yaalaniiru jechuun himatan.















