US meeshaalee waraanaa doolaara bil1.8 baasu Taayiwaanitti gurguruuf waliigalte

Loltoota Taayiwaan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Taayiwaan damee humna ittisaa fi bittaa meeshaalee waraanaaf waggaa waggaan maallaqa hedduu ramaddi

Ameerikaan meeshaalee waraanaa gosa garaagaraa doolaara biiliyoona 1.8'n Taayiwaanitti gurguruuf walii galte. Kunis Chaayinaa sodaachisuu fi dhiibbaa irratti uumuuf yaadameet.

Meeshaaleen waraanaa kunneen kan rookeetii furguggisu, sensarootaa fi meeshaalee waraanaa gurguddoo fageenya dheeraa irratti miidhaa geessisuu danda'anfaadha.

Taayiwaan, kan akka biyya mataashee dandeesseetti of ilaaltu, Chaayinaadhaan akka gantuutti ilaalamteetti.

Dhibdeen Chaayinaa fi Taayiwaan gidduu waggoota dhiyoo as daran hammaateera.

Beejiiingi oddoola kana of jalatti deebifachuuf humna fayyadamuu ittuma fufteetti.

Gorsaa dhimma nageenyaa biyyaalessaa US Roobert O'Brien Chaayinaan deebistee Taayiwaan ni weerarti jedhee hin yaadu jedhan.

Taayiwaan ammoo akka biyyaatti of ijaaruu ishee barbaachisa jedhaniiru.

Ministeerri Ittisaa Taayiwaan meeshaaleen waraanaa bitaman kunneen,''humna ittisaa amansiisaa ijaarrachuuf nu gargaara'' jedhe.

Ji'oota dhiyoo as US michummaashee Taayiwaan waliin cimsaa jirti.

Hagayya darbe qondaaltonni olaanoon US Taayiwaan daawwachuun Pirezidaantii Oddoola kanaa Tsai Ing-wen waliin mari'atanii turan.

Daawwannaan kun waggoota kurna hedduu keessatti isa jalqabaa ture.

Walga'uu US fi Taayiwaan kana Beejiingi akka malee qeeqxe.

US hariiroon Chaayinaa waliin qabdu akka badu yoo hin feetu ta'e harkashee Taayiwaan keesaa yaa baafattu jechuun akeekkachiifte Beejinngi.

Chaayinaanis gamasheetiin Taayiwaan to'achuuf qophaa'aa jirti, leenjii humna waraanaa irra deddeebiin mul'isti.

Chaayinaa fi Taayiwaan waraana waliinii (civilwar) bara 1940oota keessa tyreen gargar qoodaman.

Ergasii garuu Beejiingi humnaan deebifachuuf ifaajuu hin dhaabne.

Erga yeroo dhiyoo as namni hadheeffatanii Beejiingiin morman Tsai Ing-wen Pirezidaantii Taayiwaan ta'anii filatamanii ammoo waldhabdeen kun daranuu hammaateera.