Biyya michuu takkitti Taayiwaan Afrikaa keessaa qabdu beektuu?

Madda suuraa, AFP
Eswaatiinii fi Taayiwaan hariiroo dinadgee haaraa walii mallatteeessaniiru. Biyyi Kibba Afrikaa kun bilisaan dammaa fi avokaadoo gara Taayiwaanitti erguuf waliigalaniiru.
Chaayinaan hariiroo ishee guutummaatti Eswaatiinii irraa kutteetti. Sababni isaa ammoo Eswaatiiniin Taayiwan akka biyyatti fudhachuun hariiroo waliin qabaachuu isheeti.
Chaayinaan Taayiwaan qaama keenya jechuun Taayiwaniif beekamtii biyyummaa hin kennine.
Eswaatiinii biyyi jalqaba Siwazilaandi jedhamuun beekamtu biyya tokkittii Taayiwaan walin hariiroo qabdudha.
Mootiin Eswaatiinii Miswaatii III yeroo 17 ol gara Taayiwaan deemera.
Kan xumuraa bara 2018 yoo tahu yuunvarsiitii ilmi isaa digirii argate irraas digirii kabajaa manaajimentiidhaan argateera.
Burkinafaasoon biyya Afrikaa Taayiwaan waliin yeroo dheeraaf hariiroo qabdu yoo taatu dhiibbaa Chaayinaarraa irra gahaa tureen booda kana fuula ishee gara Chaayinaatti nanneeffateetti.
Taayiwaan bara 1968 yeroo Eswaatiiniin Biriiteen jalaa birmadummaa ishee argattu biyya ariitiidhaan beekamtii kenniteefiidha.
Wal dhabdeen Chaayinaa fi Taayiwaan waraana waliinii waliigalteedhaan osoo hin xumaramiin hafe irraa jalqaba jedhama.
Chaayinaan deebistee tokkummeessuu kan barbaaddu yoo tahu ammayyuu Taayiwaan biyyi jedhamtu hin jirtu jetti.
Taayiwaan hariiroon biyyota doolaaraa waliin hin barbaachisu jechuun yeroo biyyotni Afrikaa Beejingitti wal gahuun fooramii dhimma biizinesii qopheessan mootichi Eswaatinii ammoo sagantaa dalalaa [dance] qopheessuun haadha warraa isaa 15ffaa filachaa ture.
Mootiin Eswaatiinii wagga waggaan sagantaa dalalaa [dance] qopheessuun dubartoota durbummaa qabanii fi babbareedduu tahan dorgomsiisee fuudha.
Taayiwaan adunyaa irraa biyyota muraasa keessaayyuu biyyota Laatin Amerikaa waliin qofa hariiroo qabdi.
Afrikaa irraa mootiin Eswaatiinii isa dhumaa amma biyya bulchaa jirudhas jedhama.












