Michummaa Sudaan-US: Sudaan beenyaa kaffallaan tarree shororkeessitootaa keessaa nan baasa jette US

Bara 1998 wayita imbasiin US, Keeniyaa fi Taanzaaniyaa jiran barbadaa'an lammiileen US 220 caalantu du'an

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 1998 wayita imbasiin US, Keeniyaa fi Taanzaaniyaa jiran barbadaa'an lammiileen US 220 caalantu du'an

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp, Sudaan maatii haleellaa shororkeessummaan miidhamaniif beenyaa doolaara miiliyoona 335 kaffallaan, tarree biyyoota shororkeessummaa tumsan jalaa hatattamaan nan baasa jedhan.

Pirezidaantiin Sudaan Abdallaa Hamdook maallaqa jedhame kaffallus, garuu US biraa deebiin arganne hin jiru jechuun komatan.

Sudaan bara 1993 tibba dursaan al-Qaa'idaa Osaamaa Bin Laadan kabajaan affeeramee Sudaan jiraachaa ture toora biyyoota garee shororkeessitootaa tumsanii jalatti galmoofte.

Beenyaan amma US gaafattu kun haleellaa bara 1998 imbasiiwwan US Afriikaa keessa turan irra ga'een lubbuu namootaa bade kan ilaallatuudha.

Haleellaa imbasiiwwan US Keeniyaa fi Taamzaaniyaa jiran irra ga'een namoonni 220 caalan ajjeefamaniiru.

Beenyaan kun miidhamtootaa fi maatii miidhamtootaaf kan kennamuudha jedhan Tiraampi.

Hariiroon US fi Sudaan sababa kanaan laafee ture erga bara darbe Pirezidaantiin waggoota 30'f biyyattii bulchan warraaqsa uummataan aangoorraa fonqolfamanii fooyya'aa dhufeera.

Oduun Sudaan tarree shororkeessitootaatii baasuu lammiilee Sudaan biratti gammachuun simatame.

Mootummaan Sudaan inni haaraan kun doolaara miiliyoona 335 kaffaluuf walii galuutti kan gammadan Tiraampi, ''Akkuma maallaqi kun nu ga'een Sudaan tarree shororkeessitootaa jalaa ni haqna. Lammiilee Ameerikaaf haqa, Sudaaniif ammoo gara fuudluraatti carraa gaarii'' jedhaniin.

Pirezidaantiin US biyya tokko tarree biyyoota shororkeessummaa deggeran jalaa haquuf aangoo qaba. Kongiresiin yaada pirezidaantii kana hanga guyyoota 45 keessatti diduu danda'a.

Sudaan biyyoota US tarree shororkeessitootaa jalatti ramaddee jirtu kanneen akka Iraan, Kooriyaa Kaabaa fi Siiriyaa waliin toora tokko jirti.