Wal-dhibdeen Chaayinaa fi Taayiwaan hammaachaa dhufe salphaatti hubachuuf

- Barreessaa, Deeviid Biraawon
- Gahee, BBC News
Chaayinaa fi Taayiwaan jidduu dhibdeen jiru hammaataa jira. Bara darbe yeroo kamiyyuu caalaa lakkoofsi xiyyaarota waraanaa Chaayinaa hedduu gara daangaa qilleensaa Taayiwaan cabsanii seenuun gabaafameera.
Bu'uurri wal-dhibdee kanaa 'deebi'anii biyya tokko ta'uudha'.
Pireezidantiin Chaayinaa SHii Jiinpiing Taayiwaan waliin 'deebi'anii biyya tokko ta'uun raawwatamuu qaba' jedhan. Kana milkeessuuf humna fayyadamuu akka danda'anillee hin dhoksine.
Chaayinaan Taayiwaan akka naannoo biyyattii tokkootti ilaalti. Heeraa fi hoggantoota uummataan filaman kan qabdu Taayiwaan garuu akka biyya walabaatti of ilaalti.
Taayiwaan eessa jirti?
Taayiwaan odola qarqara galaanaa Kibba Baaha Chaayinaa irraa kiiloomeetira 160 fagaattee argamtudha.
Odolawwaan "first island chain" jedhaman kan US waliin michummaa cimaa qabanii fi imaammata alaa USf murteessoo ta'an keessaa tokko.

Chaayinaan Taayiwaan yoo of jalatti deebifatte, akka hayyoonni biyyoota Lixaa jedhanitti naanna Lixa Paasifiik irratti humna jabaa qabaachuu bira darbitee buufataalee waraanaa Ameerikaa Guwaam fi Hawaayii jiran yaaddoo keessa galchuu dandeessi.
Taayiwaan maaliif Chayinaa irraa adda baate?
Gargar bahiinsi kan dhalate Waraana Addunyaa 2ffaa booda, wayita jiddugaleessa Chaayinaatti humnooti mootummaa biyyaalessaa (nationalist government forces) fi Paartiin Komuniistii Chaayinaa wal lolaa turanitti.
Paartiin Komuniistii bara 1949 injifatee hogganaan partichaa Maa'oo Zeedoong Beejiing to'ate.
Yeroos paartiin 'nationalist' kan 'Kuwoomiintaang' jedhamuun beekamu gara Taayiwaanitti baqate.

Madda suuraa, Getty Images
Kuwoomiintaang ergasii Taayiwaan keessatti jaarmayaa siyaasaa beekamaa ta'e, odolattiis yeroo dheeraaf bulcheera.
Wayita ammaa biyyoota 13 fi Vaatikaan qofaatu Taayiwaan akka biyya walaabaatti beekamtii kenneef.
Chaayinaan biyyoonni kaan Taayiwaaniif beekamtii biyyuummaa akka hin kennine, waan beekamtii kennisiisu kamuu akka hin raawwanne dhiibbaa dippiloomaasii guddaa gooti.
Hariiroon Taayiwaan ammatti Chaayinaa waliin qabdu waggoota 40 darban keessatti isa hamaadha jedhe ministeerri ittisaa biyyattii.
Taayiwaan of ittisuu dandeessii?
Chaayinaa humna osoo hin fayyadamiin tooftaawwan akka hariiroo diinagdee cimsuun Taayiwaan waliin deebistee tokkummaa uumuu yaaluu ni dandeessi.
Yoo gara humnatti seenamee garuu humni waraanaa Chaayinaa kan Taayiwaan waliin fardaa fi lafoodha.
Chayinaan Ameerikaan alatti biyya kamuu caalaa humna waraanaa isheerratti baasii guddaa baafti. Humna lafoo, teekinoolojii misaa'elaa, humna qilleensaa fi haleellaa saayibariin Chaayinaan gahuumsa guddaa qabdi.
Xiyyeeffannoon humna waraanaa Chaayinaa bakka biraa haa jiraatuyyu malee, humna namaa waliigalaan yoo ilaalame Chaayinaa fi Taayiwaan jidduu garaagartee guddaatu jira.

Akka hayyoonni biyyoota Lixaa tilmaamanitti lola banaa irratti Taayiwaan hanga gargaarsi alaa dhaqqabuufitti waraanni Chaayinaa galaanarraan akka hin seenne ittisuun haleellaa Chaayinaa harkifachiisuu dandeessi.
Gargaarsi alaa Taayiwaan eeggattu kun Ameerikaa irraa ta'uu mala. Ameerikaan Taayiwaan ilaalchisee ejjennoon ishee ifa ta'uu baatus, meeshaa waraanaa Taayiwaanitti gurguraa jirti.
Yoo Chaayinaan Taayiwaan kan weerartu taate, Ameerikaan Taayiwaan ittisuuf tarkaanfii fudhachuuf dhiisuu ishee akkasumas tarkaanfii akkamii akka fudhattu ifa gochuu hin barbaaddu.
Ammatti Ameerikaan ejjennoo "Chaayinaa tokkittii" jedhu deeggarti. Mootummaa Chaayinaa tokkicha kan Beejing jiru qofa waliin malee Taayiwaan waliin hariiroo dippiloomaasii kallattii hin qabdu.
Dhibdeen jiru hammaataa jiraa?
Bara 2021 Chaayinaan xiyyaara waraanaa gara daangaa qilleensaa Taayiwaan erguun dhiibbaa gochaa turte.
Taayiwaan xiyyaarota daangaa qilleensaa ishee seenan to'attee ragaa isaa ifa gooti. Bu'uura kanaan bara 2021 Onkoloolessa keessa guyyaa tokkotti xiyyaaronni 56 daangaa ishee seenuu himteetti.

Taayiwaan addunyaaf barbaachisummaan ishii maali?
Diinagdeen Taayiwaan daran barbaachisaadha.
Meeshaalee elektirooniiksii guutuu addunyaarratti tajaajila guyyuu kennan kan akka laaptooppii, sa'aatiiwwan, geemii fi kaan galtee (computer chips) Taayiwaan keessatti omishamaniin hojjetu.
Safartuu tokkoon, kaampaaniin guddichi biyyattii 'Taiwan Semiconductor Manufacturing Company' (TSMC) jedhamu gabaa addunyaa walakkaa ol qabatee jira.

Dhaabbati doolaara biliyoona 100 akka baasu tilmaamame kun chiippiiwwan fayyadamtoonni siiviilii fi maamilootni waraanaa fayyadaman omisha.
Chaayinaan Taayiwaan of jalatti deebifachuun indastiriiwwan gurguddoo addunyaa irratti barbaachisummaa jabaa qaban dhuunfachuun humna dabalataa akka argattu taasisa.
Lammileen Taayiwaan yaaddoo qabuu?
Dhibdeen Taayiwaan fi Chaayinaa haa hammaatuyyuu malee qorannoon dhiyeenya godhame lammileen Taayiwaan yaaddoo cimaa akka hin qabne mul'isa.
Dhaabbanni qorannoo tokko lammilee Taayiwaan biyyi isaanii Chaayinaa waliin waraanatti seenuu akka dandeessu gaafatee, dhibbeentaa 64.3 kan ta'an lakki jedhanii deebisan.

Qorannoon biraa ammoo lammileen Taayiwaan hedduun eenyummaa Taayiwaanii akka himatan ifa godheera.

Jalqaba baroota 1990 irraa eegalee lakkoofsi namoota eenyummaa Chaayinaa ykn Chaayinaa fi Taayiwaan walitti himatanii xiqqaachaa, namoonni eenyummaa Taayiwaan himatanii daran dabaluu qorannoon kun mul'iseera.














