Dorgommii meeshaa waraanaa idil-addunyaatiin Chaayinaa eenyu qaqqabaa?

Suura loltoota Chaayinaa

Chaayinaan saffisa addaan humna waraanaa ijaarrachaa jirti. Biyyattiin tekinooloojii misaa’eliitiin, meeshaa waraanaa Niwukilaraatiin, akkasumas guddina Artiifishaal Intelijensii (AI) isheetiin roga humna waraanaa idil-adunyaa irratti qabduun jijjiirama guddaa fidaa jirti.

Kun ammoo taajjabdoota warra gama lixaa biratti yaaddoo guddaa uumeera.

Pirezidant Shii Jiinpiing bara 2035 keessa waraanni Chaayinaa kan amma irra jiru caalaa akka ammayyaa’uu qabuuf ajaja dabarsaniiru.

Bara 2049tti ammoo humna loltuu “idil-addunyaa waraanee mo’achuu danda’u” ta’uu qaba jedhaniiru.

Hoji-manee guddaa ta’us, biyyattiin garuu kaayyoo ishee milkeessaa jirti.

Baasii Guddaa

Baasii Chaayinaan humna ittisaaf baastu ilaalchisee, “iftoominni kan itti hir’atuu” fi “odeeffannoon qajeelaatti hin beekamu” jechuun ogeessota idil-addunyaa tokko tokkoon ni qeeqamti.

Beejing odeeffannoo baajata humna waraanaaf baaftu ifa ni taasifti, garuu maallaqa Chaayinaan humna waraanaasheetiif oolfattu ilalchisee fallaa odeeffannoo isheen kennituutiin warri lixaa yeroo baayyee tilmaama ol ka’aa ta’e kennu jedhama.

Ameerikaatiin alatti Chaayinaan biyyoota addunyaa kamiyyu caalaa humna waraanaasheetiif baasii caalu akka baastu bal’inaan himama.

Teessoon isaa Waashingiteen kan ta’e Wiirtuun Istiraateejikiifi Qorannoo Idil-addunyaa akka jedhutti, guddinni baajata loltummaa Chaayinaa guddina dinagdeeshee waliigalaarraa yoo xiqqaate waggoota kudhaniif caalmaa qaba.

Kuusaan Waraana Niwukilaraa Dabaluu

Raaga Ministeerri Ittisaa Ameerikaa ji’a dura taasiseen, Chaayinaan bara 2030 keessa kuusaa Niwukilaraashee dachaa afuriin guddifachuuf qophoofteetti.

Yeroo eerame kanatti Chaayinaan “Niwukilaara furgugifaman 1,000” qabaachuuf yaaddee hojjechaa jirti jedheera.

Sabaa himaaleen mootummaa Chaayinaa tilmaama kana, “wanta hin fakkaanneefi ta’aa laata jedhamee abjuu abjootamedha” jechuun meshaaleen Niwukilaraa “hangi isaa gadi aanaa ta’e” akka qabaattu taasifameera jechuun dabalanii ibsu.

Ogeessonni Inistitiyuutii Qorannoo Nagaa Idil-addunyaa Istookoolmitti argamuufi sadarkaa kuusaa Niwukilara addunyaarra jiru qoratu, Chaayinaan waggoota dhiyoo asitti lakkoofsa meeshaalee waraanaashee dabalaa jiraachuu himu.

Niwukilara Ameerikaan qabdu 5,550 qaqqabuudhaaf Chaayinaa baayyeetu ishee hafa. Ta’us garuu, meeshaa Niwukilaaraa dabaluun ol-aantummaa humna waraanaa warra lixaatiif yaaddoo guddaa ta’ee mul’ateera.

Hojjetaa Dhaabbata Rooyaal Yunaayitid Sarvis kan Landan keessatti argamuu Veril Nuweenis akka jedhutti, “dhimmi meeshaa waraanaa Niwukilaraa Chaayinaa dubbii ijoodha.”

“Qaamolee hunda irraa amantaa walirraa dhabuu wanti fakkaatu jira. Mariin sadarkaa barbaachisurra hin geenye, Balaa guddaan dhiyaateera. Kallattii isaa ilaaluudhaaf rakkisaadha,” jedhe.

Xiyyaara caqastuu Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara caqastuu Chaayinaa

Bara Haayiparsoonikii

Misaa’elonni haayiparsooniik tahan saffisa sagaleetiin dachaa shan caalaa deemu.

Akka misaa’elota baalaastikii ardii qaxxaamuranii garuu hin saffisan. Yeroo haleellaan raawwatus adda baasuuf rakkisaa gatii tahaniif meeshaalee waraanaa qilleensarraa tokko tokko bilaasha gochuu danda’u.

Dr Zanoo Li’oonii Kiingis Koolej, Landanirraa akka jedhanitti, ‘’Chaayinaan baayyee boodattii akka hafte gatii beektuuf biyyoota jajjaboo birootti siquuf tarkaanfii gurguddaa fudhachuuf yaalaa jirti.’’

Kana gochuu immoo kan isaan yaalan tokko misaa’elota haayiparsooniik tahan guddisuudhaan tahuu ibsaniiru.

Chaayinaan misaa’elii haayiparsooniik tahe yaaluu ishee ni waakkatti.

Rokeettiiwwan lama ganna darbe furguggifte waraanni biyyattii misaa’elota kana argachuuf dhiyaachuusaa ogeessonni biyyoota lixaa ni dubbatu.

Chaayinaan sirna misaa’elii akkamii akka ijaaraa jirtu ifatti beekamuu baatus, sirnooti ijoo lama ni jiru.

Chaayinaan sirnoota lameen kana cimdeessuun yoo toleefii misaa’elii haayiparsooniik xiyyaara hawaa socho’uun dhukaasuu dandeessi.

Akka Dr Liyoon jedhanitti, misaa’elonni haayiparsooniik jedhaman ofi isaaniittin maarshii kan jijjiiran ta'uu baatanis qiyyaafannoowwan tokko tokko garuu baayyee akka saaxilaman godhu.

‘’Misaa’elonni haayiparsooniik baatota xiyyaaraa ittisuuf rakkisaa gochuu malu," jechuun dubbatu.

Loltoota Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images

‘’Yaaddoon kuni dhugaa dha. Garuummoo kan akka malee xiyyeeffannoo argates fakkaata,’’ jechuunis ibsaniiru.

Artiifishaal Intelejensiifi haleellaawwan saayibarii

Chaayinaan yeroo ammaa meeshaalee waraanaa guutummaan guutuutti hubannoo nam-tolcheen (Artiifishaal Intelejensii), AI, qajeelfaman oomishuuf kutatteetti. Kanas ministirri ittisaa Ameerikaa ibsaniiru.

Akkaadaamiin Saayinsii Waraanaa Chaayinaa siviilii fi waraana walitti hidhuun kana milkeessuuf aangoon kennameeraafi.

Kana jechuun dhaaboti teeknolojii dhuunfaa Chaayinaa indaastirii ittisaa biyyattii waliin qindeessuudha.

Akka gabaasonni agarsiisanitti Chaayinaan yeroo dheeraatii qabee hubannoo nam-tolchee roobotiksii waraanaa, sirna misaa’elaa, xiyyaarota nama maleeyyii fi dooniiwwan nama maleeyyii irratti fayyadama jiraachuu dandeessi.

Gamaaggama ogeessotaa yeroo dhiyootti adeemsifameen Chaayinaan kana dura duula saayibarii bal’aa biyyoota alaarratti geggeessiteetti.

Waggaa darbe baatii Adoolessaa keessa UK, Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa kuusaa odeeffannoo maayikiroosoofti irratti haleellaa saayibarii aggaame taasifteetti jechuun himataniiru.

Haleellaan kun sadarkaa addunyaatti yoo xiqqaate dhaabota 30,000 akka miidhe amanama. Kaayyoonsaas odeeffannoo dhuunfaafi abbummaa qabiyyeerrattii basaasa bal’aa tahe gaggeessuurratti kan kaayyefate jedhamee amanama.

Humna galaanarraa guddaa, garuu jabaa hin taane

Chaayinaan humna waraanaa galaanarraa guddaa qabaachuun Ameerikaa dursiteetti.

Baay’ina doonii dorgomsiisuun humna galaanarraa gamaaggamuun safartuuwwan biroo akka hambisu ogeessonni ni ibsu.

Doonii Chaayinaa Niwukilara baattu

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Doonii Chaayinaa Niwukilara baattu

Walumaagalatti faara jiru qorachuun faayidaa qabeessa tahuu mala jechuunis ibsu.

Yeroof Ameerikaan madaala baayyeen humna galaanarraa jabaa tahe qabachuun dursaa jirti.

Ameerikaan dooniiwwan xiyyaara baatan 11 kan qabdu yoo tahu, Chaayinaan lama qabdi. Dooniiwwan niiwukileera baatan, kiruuzaraafi dooniiwwan waraanaa gurguddaa qabaachuunis ni dursiti Ameerikaan.

Chaayinaan humna waraanaa ishee caalaatti akka babal’istu garuu ni eegama.

Koloneeliin duraanii Raayyaa Bilisa Baasaa Chaayinaafi Yuniavarsiitii Siinguwaa Beejingitti argamu keessa kan hojjetan Zhuu Boo, Chaayinaa yaaddoo haleellaa galaanarraa qabdu ittisuuf humnasheee jabeessuun ‘’baayyee barbaachisaadha,’’ jechuun amanu.

‘’Rakkoon keenya inni guddaan Ameerikaanoti daangaa bishaanii irratti isa dubbii barbaadanidha,’’ jedhu.

Tilmaama humni waraanaa Ameerikaa kaa’een bara 2020-2040tti dooniin humna galaanaa Chaayinaa harka 40 dabala.

Egeree hin beekamne

Chaayinaan lola baqachuurraa baatee gara haleeluutti ce’aa jirtii?

Ammallee adeemsi Chaayinaa ‘’waraana malee mo’achuudha,’’ jedhu Dr Liyoon. Gara fuulduraatti garuu tarsiimoo kana jijjiiruu dandeessi jechuunis himu.

‘’Humna galaanarraa guutummaan guutuutti ammayyaa tahe qabaachuun qabxii ijoo tahuu mala.’’

Koloneel Zhuun garuu sodaan biyyoota lixaa bu’uura hin qabu jechuun jabeessanii falmu.

‘’Ameerikaadhaan addatti Chaayinaan yaada addunyaa to’achuu hin qabdu. Chaayinaan gaaf tokko biyya jabduu addunyaa keenyaa otoo taatellee imaammatashee bu’uuraa qabatteeti itti fufti,’’ jedhaniiru.

Bara 1979 Veetinaam waliin erga wal waraanteen as Chaayinaan lolatti galtee hin beektu.

Humni waraanaa ishees qorannoo keessa hin galle.

Namoonni biyyoota lixaa keessa jiranis tahe Chaayinaatti argaman kanumaan akka itti fuftu abdii qabu.