UK, US fi Awustiraaliyaan waliin ta'uun Chaayinaa ofirraa qolachuuf waliigalan

Madda suuraa, Ministry of Defence
UK, US fi Awustiraaliyaan dhimma nageenyaa irratti wal tahuun Garba Hindii fi Paasfik irratti sochiin ishee cimaa kan dhufe Chaayinaa qolachuuf waliigalana.
Akka waliigaltee isaaniitti Awustiraaliyaan niwukileera galaana keessaa hojjetti. Ameerikaan ammoo teeknoloojii isaa dhiyeessitiif.
Waliigalteen isaanii 'Aukus' jedhama. Biyyootni sadeen artifishaal intelejensii, saayiberii fi teeknoloojii jajjaboo biraa irrattis waliin hojjechuuf wlaiigalaniiru.
Kun waliigaltee humna ittisaa cimaa waggota kurnan keessatti mul'atedha jedhu xiinxaltootni.
Waggoota dhiyootiin as biyyootni Lixaa humna waraanaa Chayinaa cimaa dhufee fi sochii naannichatti gootuun yaadda'uu himaniiru.
Ibsa hoggantootni biyyoota sadeenii baasan ''tokkummaan isaanii kun naannichatti badhaadhinaa fi nageenya jajjabeessuuf'' jedhan.
Imbaasiin Chaayinaa Waashingitan jiru ammoo biyyootni ''garee kaan hin hammanne ijaaruu hin qaban'' jechuun waliigaltee isaanii irratti deebii kenne.
Aukus maali?
Erga Waraana Adunyaa Lammaffaan as qindoomina nageenyaa isa guddaa mul'atedha jedhan xiinxaltootni.
US, UK fi Awustiraaliyaan yeroo dheeraaf michoota turanis 'Aukus' tumsa humna ittisaa isaanii cimsan.
Qindoomina biyyoota kanneenii keessatti Niw Zelaandi fi Kanaadaas dabalata. Awustiraaliyaan ijaarsa niwukileeraa galaanarraa fudhachuunshee carraa guddaadha jedhu xiinxaltootni.
Humni waraanaa Chaayinaa jabaachaa dhufuun isaa akka kaan yaddahan godheera.
Daangaa galanarraa Kibba Chaayinaa tahu irratti biyyattiin Veetmaan, Jaappaan, Filiippiinsii fi kaan waliin wal dhabaa turuun yaaddoo kaaseera.
Yeroo dhiyoon as Chaayinaan humna waraanaa ishee irartti hojjechuun jabeessaa jirti. Humni eegumsa galaanarraas ishee ammoo gara humna waraanaa biyyoota kaan waliin wal dura dhaabbachuuttii jijjiirameera.
Biyyootni Lixaa sochii Chaayinaan bakka biraatti gochaa jirtu kanaan yaaddahuu himan. Ijaarsi bu'uuraalee misoomaa Chaayinaan iddolawwan garba paasfik irratti gochaa jirtu fi daldalli isaa fedha Awustiraaliyaa waliin walitti bu'a.
US fi Awustiraaliyaan lamaan isaanii kun ''waldhabdee dinagdeeti'' jedhan.
Humni galaanarraa niwukileraan gabbate maaf barbaachise?
Humni galaana keessaa kun saffisa guddaa fi jabina kan qabu yoo tahu adda baasuuf illee meeshalee waraanaa kaan caalaa ulfaataadha. Galana jala yeroo dheeraaf turuu danda'a.
Fageenya dheeraa imaluu kan danda'uu fi ba'aa baay'ees qabachuu danda'a.
Awustiraaliyaatti akka ijaaramu tahuun isaa Ameerikaan nageenya naannichaa eeguuf baayee murteessaadha jedhan xiinxaltootni.
Ameerikaan meeshaa waraanaa galaana keessaa kana kan hojjettu yoo tahu, mirga abbaa qabeenyummaa [patent] waggoota 50 booda qooddachuuf jetti.
US kana dura teeknolojii humna galaanarra ishee UK'f qofa ture qoodde.
Awustiraaliyaan adunyaa irraa humna waraanaa galaanarraa niwukileraan gabbifame qabaachuun biyya torbaffaa tahuu isheeti. Kaan UK, US, Faransaay, Chaayinaa, Indiyaa fi Raashiyaadha.
Teeknolojii US kana fayyadmuuf Awustiraaliyaan doolara biliyoona 50 kana dura pirojektii humna waraana galaanarraa kana hojjechiisuuf Faransaay waliin waliigalte adda kutti jechuudha.















