Marii Baayidan-Shii: Chaayinaan dhimma Taayiwaanirratti 'ibiddaan taphachuu' dhiisi jechuun US akeekkachiifte

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jinping walga'ii karaa virchuwaal gita isaanii Pirezidantii US Joo Baayidan waliin taasisaniin walabummaa Taayiwaan jajjabeessuun 'ibiddaan taphachuudha' jechuun akeekkachiisan.
Shii Jinping fi Joo Baayidan marii bal'aa waliin kan gaggeessan yoo ta'u, dhimma Taayiwaan ilaalchisee ammoo dubbii jajjabduu walitti dubbataniiru.
Mariin pirezidaantonni biyyoota gurguddoo addunyaa lamaanii kun erga Amajji darbe Joo Baayidan aangootti bahaan booda marii dhimmoota bal'aa irratti taasisanidha.
Lamaanuu akka dhuunfaatti hariiroo gaarii akka waliin qaban himuun, karri isaanii kun ammoo muddama biiyyota lamaan gidduu jiru qabbaneessuuf yaaluu akka ta'e himu.
Haata'u malee, dhimma lamaan isaanii gidduutti baayyee hamtuu taate tokkorra darbuu hin dandeenye. Innis waa'ee odola ofiin of bulchitu garuu Chaayinaan qaama bulchiinsa kiyyaai jettu Taayiwaanidha.
Chaayinaan Taayiwaan kutaa bulchiinsa anarra cittedha jechuun guyyaa tokko biyyuma haadhoosheetti deebiti jettee yaaddudha.
US kan Chaayinaan jettu kanaaf beekamtii kennuun hariiroo idilee dhimma Taayiwaan kana ilaalchisee Chaayinaama waliin taasifti. Ta'us garuu yoo haleellaan irratti raawwatameef akka ofirraa ittistuuf Taayiwaaniif gargaarsa ni taasifti.

Madda suuraa, Reuters
Qabeenya mootummaa Chaayinaa kan ta'e Global Times akka jedhetti, Shii muddama dhiyeenya kana uumameef "aanga'oota Taayiwaan ajandaa walabummaa isaaniif deeggarsa US argachuuf irra deddeebiin yaalan, akkasumas fedhii Ameerikaanota Chaayinaa dhaabuudhaaf Taayiwaaniin fayyadamuu fedhanidha," jechuun komatan.
"Gochi akkasii kun akka malee hamaadha; waan akka ibddaan taphachuudha. Namni ibiddaan taphatu kamiyyuu ni gubata," jedhan.
Mariin kunis tibba biyyoota dinagdeen guddatan lamaan jidduutti waa'ee Taayiwaan, daldala fi mirga namoomaa irratti muddamni jidduusaaniitti umamaa jiruutti.
Baayidan biyyoonni lamaanuu wal dhabdeen jidduu isaanii akka gara 'waraanaa ifaatti' hin ceene mirkanneessuuf itti gaafatamummaa qabu jedhan.
Mariin kunis erga Baayidan Amajjii keessa aangoo qabatanii asi marii murteessaa isa jalqabaati.
Walgahicharratti maaltu jedhamee?
Hogganoonni lamaan haala ho'aa ta'een nagaa kan wal gaafatan yoo ta'u, Shii ''hiriyyaa kiyya durii'' arguutti gammadeera jedhan Baayidaniin.
Baayidan gama isaanitiin ''aniifi ati waliin haala idilee hordofne kan beeknu ta'u baatulleen, mee haala idilee (formaa) ta'eenan hordofa,'' jedhuu isaanii Rooyitarsi gabaaseera.
Itti dabaluunis jarreen lamaanuu ''yeroo hunda baayyee dhugaa fi haala kabajaatiin haasa'u'' jechuun, ''haala namoonni kaan yaadaniin takkaa waliin haasoofnee hin beekun'' jedhan.
Shii ammoo biyyoonni lamaan haala ''waliin haasa'an'' fooyyeessuu fi ''waliin'' rakkoolee fuldura dhaabbachuu qabu jedhan.
Shii walitti dhufeenyi nagaa qabeessa ta'e Chaayinaafi US jidduu rakkoolee addunyaa kan akka jijjirama qilleensaa fi Covid-19 waliin fuldura dhaabbachuuf akka barbaachisu dubbachuus miidiyaan Chaayinaa gabaase.
Biyyoonni waliin mormaa turan wayita torban darbe yaa'ii jijjiirama qilleensaa Iskootlaandiitti gaggeeffame irratti waliin ibsa baasaniitti addunyaa dinqisiisanii ture.
''Jireenyii namoomaa mandara addunyaati. Waliin rakkoolee hedduu fuuldura dhaabbanna. Chaayinaa fi US waliin mari'achuufi wal ta'iinsa cimsuun barbaachisa,'' jedhan Shiin.
"Baayidan ani si waliin hojjachuuf qophaa'eera, akkasumas walitti dhufeenya US fi Chaayinaa kallattii gaariidhaan cimsuufiis,'' jedhan.

Madda suuraa, Reuters
Dhimmoota kam fa'itu ka'ee
Baayidan dorgommiin biyyoota keenya lamaan jidduu jiru gara walitti bu'insaatti akka hin ceenee mirkanneessuuf ''miira wal hubannaa'' ummachuu qabna jedhan.
''Biyyoonni hunduu seerawwan adeemsa wal fakkaataan deemuu akka qaban, US maaliif yeroo hunda akka dantaawwaniifi dudhaawwan keenyaafi kan michoota keenyaatiif akka dhaabbattu aniifi ati dhimma kana waliin dubbanneera. Akkasiin amannas,'' jedhan.
Yaadni Baayidan kunis dhimma Taayiwaan kan biyyoota lamaan irratti wal dhabaa jiranii kan ilaallatuudha jedhameera.
Chaayinaan garuu Taayiwaaniin akka bulchiinsa biyya isheerraa adda baatee haftee tokkootti ilaalti, garuu dimokraatoftuun Taayiwaan akka biyya walabaatti of ilaaliti.
US odola kana gargaaruuf yeroo baayyee dubbataa jirti.
Baatii darbe keessas Baayidan Chaayinaan yoo Taayiiwaan irratti haleellaa raawwattee akka ittisan dubbachunsaanii ni yaadatama.
Dhimmoonni akka nageenya saayibarii, daldalli fi nukilariin fa'is marii isaanii kana keessatti akka ka'an eegamaa jira.












