COP26: Chaayinaafi US dhimma jijjiirama haala qilleensaarratti waltumsuuf waliigalan

Madda suuraa, Reuters
Chaayinaafi US waggoota kurnan dhufaniif dhimma jijjiirama haala qilleensaarratti waltumsuuf waliigalan. Waliigalteen kora dhimma jijjiirama haala qilleensaa, COP26, Gilaasgoow irratti ifoome kun kan hin eegamneefi nama ajaa'ibsiise jedhameera.
Addunyaarratti biyyoota lamaan CO2 gara qilleensaatti gadhiisuun faalama hunda caalaa qaqqabsiisaa kan jiran Chaayinaafi US kora COP26, irratti akka waltumsan beeksisuun isaanii tarkaanfii abdachiisaa ta'uu isaa himamaa jira.
Biyyoonni kunneen lamaan faalama qilleensaaf gumaacha hunda caalaa qabaataniyyu yeroo dheeraa waltumsuu dhiisanii walmorkiirra turan.
Galma hanga ho'a (tempirechera) 1.5C irratti ittisuu Waliigaoltee Paaris bara 2015 kaa'ame milkeessuuf lamaan isaanii "waliin hojjechuu akka dhimmamuu qaban gaafata" waliigalteen amma tolfatan kun.
Saayintistoonni akka jedhanitti ho'a qilleensaa (tempireecharaa) akka 1.5Ctti hin daballe gochuun akka dhiibbaan jijjiirama haala qilleensaa dhala namaa hin miine gochuuf gargaara.
Kun ammoo ho'a qilleensaa (tempireeshara) kan baroota warraaqsa industirii duraanitti deebisa jedhameera.
Kora Paaris bara 2015 gaggeeffameen gaggessitoonni adunyaa faalama qilleensaa hir'isuun akka ho'i 1.5C hanga 2C gidduutti eegamuuf waliigalan.
Chaayinaa bakka bu'uun dhimma jijjiirama qilleensaarratti kan mariyatu aanga'aan olaanaa Xie Zhenhua jedhamu rippoortarootatti akka himetti jijjiirama haala qilleensaa irratti "garaa garummaa caalaa Chaayinaafi US gidduu waliigaltee caalaatu jira," jedhe.
Pireziantiin US Joo Baayidaniifi Pireziantiin Chaayinaa Xi Jinping torban dhufu karaa virchuwaal walgahu jedhamee eegama.
Biyyoonni kunneen lamaan dhimmoota hedduu irratti waliif masaanuu akka ta'anitti ilaalamu.
Waliigaltee waloo kanaan dura hin baramne Roobii labsan kanaan, gaazii methane hir'isuu, ce'umsa gara inarjii qulqulluutti taasifamuufi de-carbonisation dabalatee dhimmoota hedduu irratti waliigalaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Dhimma jijjiirama haala qilleensaarratti ergamaa US kan ta'e ministirri dhimma alaa duraanii US Joon Keeriin, Chaayinaafi US "hanqina dhimmoota irratti wal dhabanii hin qaban, garuu jijjiirama haala qilleensaa irratti ammoo milkaa'uun karaa waltumsuun qofadha," jedhan.
Chaayinaa bakka bu'uun dhimma jijjiirama haala qilleensaarratti kan mariyatu Mr Xie Zhenhua ammoo, "Yeroo fuulduratti karaa fagootu nu eeggata waan ta'eef ammaa tarkaanfiin kamiyyu murteessaadha," jedhe.

Tarii wanti biraan waliigaltee kana barbaachisaa taasise labsiin waloon baasan kun tarkaanfii jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisuun tarkaanfiiwwan fudhataman baroota 2020n keessa cimsuu kan jedhudha.
Galma ho'a qilleensaa 1.5C akka hin dabarre taasisuuf adunyaan qabatte milkeessuuf tarkaanfiiwwan wantota qilleensa faalan gahiifaman waggoota sagal itti aanan keessatti hir'isuun haalaan murteessaa ta'a jedhameera.
Chaayinaan faalama qilleensaa cileen biyyashee keessaa gadhiistu hir'isuudhaaf harkifattullee, ejjennoon ammaa kun garuu dubbichi waan atattamaa akka ta'e waan akeekuuf itti muddisiisuu mala.
Aanga'aan dhimma jijjiirama haala qilleensaa Gamtaa Awurooppaa (EU) Frans Timmermans Chaayinaafi US dhimma kana irratti waliin hojjecuuf waliigaluu isaanii arganuun "dhugaatti waan jajjabeessaadha," jjedhe.
"Kun Chaayinaafi US dhimmi akkasii [jijjiirama haala qilleensaa] darbee wantota biroo keessallee kan seenu ta'uu isaa akka hubatan agarsiisa. Kanaaf, nu warra as COP gaggeeffataa jirruuf waliigaltee tokkorra gahuudhaaf nu gargaara," jedhe itti dabaluun.
Barreessaan Olaanaa Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez ammoo beeksisni kun [Chaayinaafi US waliigaluun] "tarkaanfii barbaachisaa kallattii sirriira" jedhan.
COP26 kora idil-addunyaa guddicha dhimma jijjiirama haala qilleensaa irratti mariyatu Paaris keessatti bara 2015 hunaa'edha.
Biyyoonni 200 ta'an wantota jijjiirama haala qilleensaaf gumaachan gara qilleensaatti gadhiisan akkaataa ittiin hir'isan irratti karoora qaban kan gaafataman kora COP26 irratti.
Biyyoonni adunyaa gurguddoo shanan faalama qilleensaaf gumaachan duraaf duubaan: Chaayinaa, US, EU, Indiyaafi Raashiyaadha.

Kora jijjiirama haala qilleensaa COP26 ilaalchisee waan bur'uuraa:
- Jijjiiramni haala qilleensaa rakkowwan hedduu addunyaa yaaddessan keessaa isa tokkodha. Mootummoonni ho'a addunyaa dabalaa jiru ittisuudhaaf taanaan gaazii qilleensatti gadhiisan caalaa hir'isuuf waadaa galuu qabu.
- Korri Gilaasgootti gaggeeffamaa jiru bakka jijjiiramni itti ta'uu danda'udha. Waadaa biyyoonni addunyaa faalama qilleensaa hedduu qaqqabsiisan akka US fi Chaayinaa taasisan hoedofuufi biyyoonni iyyeeyyii ta'an ammoo deeggarsa isaan barbaachisu argachuu danda'uu isaanii ilaaluu feesisa.
- Jireenyi keenya martinuu ni jijjiirama. Murteewwan asitti taasifaman kunneen hojii keenyarratti, akkamitti akka mana keenya ho'isnutti, maal akka nyaannuufi akkamitti akka imallurratti dhiibbaa ni qabaata.















