Yaa'ii COP26 kan addunyaa hirmaachisu irraa maaltu eegamaa?

Illustration showing a person trying to put out fire that has engulfed planet Earth.

Madda suuraa, Getty Images/BBC

Yaa'ii COP26 kan bara kana Iskootlaandiitti gaggeeffamu irraa wanti eegamu dhimma olaanaadha.

Ofii eenyu fa'itu irratti hirmaataa? Dhugaatti maaltu irraa eegamaa? Dhimma kanarratti wantoota baruu barbaaddan hundaaf kunooti.

COP26 maaliidha?

COP dheereffamee yeroo barreeffamu-Conference of the Parties jechuudha. Innis yaa'ii waliigalaa biyyoonni miseensa ta'an(biyyoonni addunyaa hundi) bakka bu'ummaa argachuun irratti hirmaataniidha.

Yaa'ii waggaa kana irrattis hirmaattoonni biyyoota 197 irraa walgahun attamiin dhiibbaa jijjirama qilleensaa haala itti hir'achu danda'urratti mari'atu.

Yaa'iin kunis qaama Waliigatee Firemworkii UN Jijjirama Qilleensaati.

Waliigalteen kunis biyyoota addunyaa hunda haala jedhamuun kan mallattaa'eefi kaayyoon isaas dhiibbaa sochiilee ilmaan namaa qilleensa irraan gahu hir'isuu irratti kan kiyyeeffateedha.

Erga waliigalteen kun Bitooteessa 21, 1994 hojiirra oolfamee kaasee COP26 yaa'ii 26ffaadha.

Bara kanas magaalaa guddoo Iskootlaandi Gilaasgoo keessatti Sadaasa 1-12tti gaggeeffama.

COP26 hangam barbaachisaadha?

Illustration showing a person injecting planet Earth with love

Madda suuraa, Getty Images/BBC

Baayyee.

COP26 waltajjii erga bara 2015tti Waliigalteen Haala Qilleensaa Paariis mallattaa'een booda jijjirama taasifamaniifi dadhabiiwwan jiran kan irratti ilaalamu ta'a.

Waliigalteen sunis karoora balaa jijjirama qilleensaa hambisuuf galamee jedhamee beekama.

Innis ho'ii addunyaa (global warming) haala qilleensaa bara industiriin hinbabal'atiin duraa irraa 1.5C ol bahuu kan itti fufuu yoo ta'e, jijjiramni hedduun pilaaneetii irratti mudate deebiisuu akka hindanda'amne beekkamtii kenna.

Akkuma karoora kamiittuu, waliigaltichi akka bu'aa fiduuf hojirra olmaan barbaachisa.

COPs kanaaf barbaachise. Yaa'icharratti hunduu waliin ta'uun maloota irratti mari'achuufi hundi saanii kan gaheesaanii bahachu mirkanneessu.

Illustration showing a difficult path to a target

Madda suuraa, Getty Images/BBC

Haaluma kanaanis Yaa'ii bara 2015tti Paariisiitti turee irratti kaayyoowwan mummeen adda baafamuun biyyoonni waliigalticha mallatteessan hunduu kan asiin gadii raawwachuuf dhaadatan:

  • Ammantaa giriin gaazii hir'isuuf,
  • Omisha anniisaa haaromsamuu dabaluu,
  • Haala qilleensa addunyaa 2C (3.6F) gadiitti eeguufi akka 1.5C (2.7F) hincaallee kan kaayyeeffatee, fi
  • Biyyooti iyyeeyyiin dhiibbaa jijjirama qilleensaa irratti akka hojjataniif doolaara biiliyoonoota ramaduu kan jedhudha.

Akkasumas waggaa shan shanii yeroo hunda, jijiirama ta'ee irratti xinxalli akka taasifamus waliigalameera.

Yeroo xilxalaa inni jalqabaas bara 2020tti COP26 gaggeessisuuf kan ture ta'ulleen sababii weerara tureetiin, bara 2021tti akka darbu ta'e.

Weerarri Covid-19 gargaagarummaa attamii uume?

Illustration showing coronavirus kicking a person off a cliff

Madda suuraa, Getty Images/BBC

Weerarichi hojii keessatti danqaa olaanaa uume. Kan biraa hafee yaa'ichi waggaa tokkoon akka harkifatu taasiseera.

Gama biraatiin ammoo Covid weerarichaan booda attamiin diingdeen akka itti dadamaqu danda'urratti irra deebiin akka yaadamuuf carraa gaarii umeera addunyaadhaaf.

Fakkeenyaaf, akka duriitti balalii'uun dhuguma nu barbaachisaa? Manaa hojjachuun faalama sa'aatii hojii dhaqamuufi galamuu hir'isu danda'aa? Magaalaa xiqqeessuun karoora gara fula duraa ta'aa? kkf.

Pirezidaantiin Ameerikaa (kan murtee Waliigaltee Paariis keessaa bahuu pirezidaantii duraanii geeddaran), karoora bayyanachiisuu diingdee US koronaavaayirasiitiin boodaa keessatti imaammatawan haala qilleensaa irratti dhiibbaa hinqabaanneef dura olaanaa kennaniiru.

Kanaafu COP26 irratti yoo walgahaniittis, murteessitoonni addunyaa kaanis jijjirama qilleessaa furuuf galmawwan yeroo-dheeraa haaraa akka baasan eegamu.Galmiwwan sunnis cimoofi bal'aa akka ta'an eegamu.

COP26 maal fiixaan baasuuf abdata?

Illustration showing two people arguing

Madda suuraa, Getty Images/BBC

Dhimmoota baayyee. Hunda dura garuu Yaayii kana dura Maadriidtti taasifame COP25 irratti dhimmoonni hinfuramiin hedduutu jira.

Rogeettiin Siwidish Gireettaa Tunbargi haasaa cimaa yeroo sana isheen taasifte ni yaadattu ta'a. Balaa ragaalee saayinsaa'oo dagachuun qabaatu irratti dureewwan addunyaa akeekkachiifte ture.

Garuu biyyoonni addunyaa dhimmoota wal falmisiisoo ta'an irratti waliigalte irra akka gahaniif kun gargaaru hindandeenye.

Fakkeenyaaf, biyyoonni iyyeeyyiin kanneen dursaan dhiibbaa jijjirama qilleensaan miidhaman keessaayi. Hongeefi dambalii ho'aa omishinni midhaanii akka dadhabe taasisaa jira biyyoota kanarratti.

Illustration showing a person standing in a flood of water holding an umbrella

Madda suuraa, Getty Images/BBC

Kanaafuu, dureewwan COP26 kan biyyoota guddinarratti argamanii 100 ol fedhiiwwan isaanii adda baasuun kaa'aniiru:

  • Jijjirama qilleensaa dandamachuufi ittisuuf (biiyyoota dureeyyii irraa) deeggarsa maallaqaa
  • Dhiibbaa jijjiramni qilleensaa isaaniirratti qabaatuuf beenyaa (biyyoota durreeyyii irraa) ammas, fi
  • Akka diinagdee isaanii magarisa taasisaniifi maallaqa (ammas biiyyoota dureeyyii irraa) gaafataniiru

Mee biyyoota dureeyyii keessaa akka tokko taateetti yaadi mee.

Waliigalattis gaaffii kanaaf bara 2020tti dolaara biliyoona 100 gummaachaniiru. Garuu ammoo bara 2021 keessaa hanga ammaatti doolaara biliyoona 79 qofaa walitti qaban. Irra caalaan maallaqa kanaatis keessaa osoo hintaane liiqaa (booda deebiisanii kafalu kan qabuudha).

Illustration showing a rich person dangling a coin in front of three other people who want it

Madda suuraa, Getty Images/BBC

Mata dureen - deeggarsa Jijjirama qilleensaa ( climate finance) kunis matadureewwan marii ijoo keessa tokko ta'a.

Qabxiin gara biraa ammoo sirna gabaawwan kaarboonii fi liiqaawwan kaarboonii kan ilaalatu ta'a. Kunis mala biyyoota qilleensa faalan akka faalama qilleensatti gadhiisanii kanfalan ittiin taasifamaniidha.

Biyyoon warra diinagdee magariisa qaban ammoo 'kaarboonii' akka gurguratan gargaara.

Kunis akkasiin yoo iaalan waan garii fakkaata. Haata'u malee kun jijjirama guddaa fiduurra biyyoonni sooreeyyiin ''hayyama qilleensa faaluuf '' kan kanfalan yoo ta'e hoo? Akkasumas biyyoonni faalama qilleensa keessatti gadhiisaniif hangam akka kanfalanii eenyuutuu murteessaa?

Yaa'iin Gilaasgoo kun dhimmoota armaan olitti kaafaman hunda irratti waliigalu yoo baatan illeen, hunduu hubannoo walfakkaataa akka qabaatu gochuuf, galmawwan magariisaa kaa'amaniif hunduu yeroo karooraa waloo qabaachuun barbaachisaa ta'a.

Haata'u malee kan mana gaddisiisuu kunis dhimma akka salphaatti sir'atu hinta'u.

Illustration showing a person at the foot of a big hill with the target on top

Madda suuraa, Getty Images/BBC

Kanaafu, COP26, dhimmoota haaraa agantaa isaa irra jiruo soo furuu hin eegaliin dura danqaawwan hedduu darbuutu irraa eeggama ta'a.

Inni duraa biyyoonni jidduu jaaraa kanaatti biyyoonni amma faalama qilleensatti gadhiisanii zeeroo gochuun waliigalu ta'a. Kunis bara 2030tti tarkaanfii cimaa fi saffisaa kaarboonii hiriisuu fudhachuutiin ta'a.

Akkasumas mariin mala umamaatti fayyadamuun rakkoolee jijjirama jilleensaa muraasaa furuutiin ni gaggeeffama ta'a.

Kunis kaarboonii ukkamsanii qabuun, fi biqiltuuwwan dhaabuun balaawwan jijjirama qilleensaa hamaa kan akka lolaafi fi bubbee hamaa ittisuu fa'iidha.

Rakkoolee adda bahan kan akka fayyadama cilee hambiisuu fi sirna bidoollee eeguuf karoorri hedduun ni kaa'amu jedhamee eegama.

Gireetaan yaa'ii bara kanaa irratti hin eegamtu.

Haata'u malee Lubni Kaatoliikii haasaa addaa akka taasisuu danda'an oduuwwan ni mul'isu. Waan hundumaaf waan eegamu baayyee waan ta'eef gurra itti qabachuun gaarii ta'a.