Jijjiirama qilleensaa: Konkolaattonni moofaan ‘balaafamoofi gadheen’ Afriikatti gurguramu

Naayijeriyaa

Madda suuraa, Getty Images

Konkolaattonni moofaan baayyee qilleensa faalam niliyoonoonni biyyoota dureeyyiirraa gara biyyoota guddataa jiranitti “gatamaa” jiru jedha gabaasni motummoota Gamtoonan (UN) bahee tokko.

Bara 2015 hanga 2018 jidduutti konkolaattonni moofaafi qulqullina gadaanaa qaban miiliyoona 14 ta’an Awurroppaa, Jappaanii fi US irraa gara biyyoota guddataa jiranitti ergamaniiru.

Shan keessa afur biyyoota hiyyeeyyitti kan gurguraman yoo ta'u, walakkaan ol gara Afriikaatti ergamu.

Ogeeyyiini akka jedhanitti, konkolaatawwan kanneen keessaa an %80 ta’an ulaagaa sadarkaa nageenyaa fi eegumsa naannoo biyyoota galchanii hinguutan.

Konkolaattonni kunneen balaa uumuun alatti faalma qilleensaaf caalaa hammeessuun jijjirama qiilleensaatiif gumaatu.

Konkolaattonni hedduunsaanii qaamoleen barbaachisoon isanii kan keessaa fudhatameedha.

Yeroo ammaa kanatti guutuu addunyaarratti abbaan qabeenyummaa konkolaataa guddachaa dhufuun konkolaatawwan biliyoona 1.4 ta'utuu hojiirratti argama. Bara 2040tti ammoo lakkoofsi kun biliyoona lama akka gahu eegama.

Konkolaataa moofaa

Madda suuraa, Getty Images

Gabaasni Sagantaa Naannoo UN (Unep) baase akka jedhutti, qaamoleen konkolaattota ala erganiifi galchan haala konkolaattota kanneeniirratti seera qabaachuu qabu.

Dabaluun irra caalli konkolaatoota akkasii kunis Afriikaa, Eeshiyaa fi Laatin Ameerikaa keessatti mul’ataa jira.

Qorannoo qorattoonni waggoota sadiif biyyoota 146 irratti taasisaniin, haalli to'annoo konkolaattonni gara biyyootaa galan “dadhabaa” yookiin “baayyee dadhabaadha” ta'u mul’isa.

“Konkolaattota miiliyoona 14 ta’an, jechuunis %80 kan ta’an daandiirratti hojjachuu kan hin qabne yookiin gaaziin isaan keessaa bahu ulaagaa Euro 4 jedhamu kan guutan miti,” jedhan Roob de Joong, Unep irraa barreessaa gabaasichaa kan ta’an.

Seerri Euro 4 jedhamu kun Awurroppaa keessatti Fulbaana bara 2005 hojiirra kan oole.

“Kana jechuunis konkolaattonni kunneen ulaagaa guutuu qaban guutaa waan hin jirreef gaazii %90 baasaa jiru,” jedhan Boob.

Konkolaattonni kunneen “hamaa fi xuriidha” jedhu barreessitoonni kunneen.

Isaanis dabalaa dhufuu lakkoofsa balaa konkolaataa biyyoota hiyyeeyyii Afriikaa fi Eezhiyaatiif sababadha jedhu. Dabalataanis faalama qilleensaatiif gumaachaa jirus jedhaniiru.

“Bara 2017’tti konkolaataan gara Yugaandaa gale kan waggoota 20 ol tajaajileedha,” jetti Jeen Akuumuu, Unep irraa.

“Zimbaabuwee keessattillee akkanamu. Biyyoonni Afriikaa 30 ta’an konkolaattotarra daangaa umurii hin qaban. Konkolaataan gosa kamuu, umurii meeqa tajaajilillee inuma gala.”

Konkolaattota gabaasni irratti hojjataman keessaa %54 ol kan ta’an Awurroppaaraati. Hedduunsaanii gama Neezarlaandisiin kan biyyootatti ergamaniidha.

Qondaaltoonni Neezarlaandis daldalli kun isaan kan yaachise yoo ta’u, tarkaanfii sadarkaa Awurroppaatii fudhatamu fudhachuu barbaadu.

“Biyyi keenya kophaashee dhimma kanaa furmaata kennuu hin dandeettu,” jedhan ministeerri eegumsa naannoo Stientje van Veldhoven.

“Kanaafis Gamtaan Awurroppaa konkolaattota tajaajilaaf gahumsa gahaa qabanii fi ulaagaa kolnkolaattota gara biyyaa galchuuf bahe guutan qofa akka galchuuf mootummoonni Awurroppaa fi Afriikaa dhimma kanarratti nu waliin akka hojjataniif waamicha kiyya dhiyeessaaf.”

Morookoon konkolaattota waggaa shanii gad tajaajilan qofa kan biyyasheetti galchitu. Keeniyaan ammoo konkolaattota waggaa saddeet tajaajilan hayyamti.