COP 25: Yaa'ii jijjirama qilleensa gartokkeen milka'e

Madda suuraa, Kiara Worth/IISD
Mariin dhimma qilleensa baramaarratti xiyyeeffatu Ispeen,magaalaa Maadiriiidiitti taa'ame to'annoo amma kaarboonii qilleensa faaluurratti waliif galuudhaan goolabame.
Biyyoonni addunyaa hundi yaa'ii guddaa dhimma kanarratti xiyyeeffatu bara dhufu Gilasgootti taa'amurratti waliigalte haaraa akka qabanitu eegama.
Daldala Kaarboniin walqabatee garaagartummaan yaada amma jirurraa kan ka'e yaa'ii itti aanutti akka darbu ta'eera.
Marii jijjiirama qilleeensa Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii qopheesse isa dheeraa jedhame kanaan hirmaattootni halkanii fi guyyaa dabalataa lama turuuf dirqamaniiru.
Maalirratti waliigalan?
Namoonni biyyoota gargaaraa bakka bu'anii yaa'ii kanarratti hirmaatan halkan fi guyyoota dabalataa lamaaf erga mariyataniin booda waliigaltee karoora foyya'e, amma karbooni hir'isuuf yaadame irratti walii galuuu ibsan.
Qooda fudhattonni hundi waan saayinsiin jijjirama qilleensa baramaa ittisuuf barbaachisadha jedhuufi haala qabatamaa amma jiru giddu garaagarummaa jiru dhiphisurratti akka hojjatanitu eegama.

Madda suuraa, Kiara Worth/IISD
Yaadni gamtaan Awurooppaa fi biyyooota odolota xixiqqoorra jiran dhiyeessaan biyyoota akka US, Biraazil,Indiyaafi Chaayinaatu morme.
Haata'u malee biyyoonni dinagdeen badhaadhaan waadaa jijjiirama qilleensa baramaa ittisuuf seenan bara 2020 dursanii akka hojiin agarsiisanirratti waliigalle jedhu.
Marii kanarratti bu'aan argame walmakaadha. Dhimmoonni gurguddoon waliigaltee qooda fudhattootaa hin argannee yaa'ii Gilaasgow bara dhufu taa'aamuuf darbeera.
Hirmaattonni marii kanaa qabiyyee waliigalaa mariichatti gammadoo miti. Murtoon ariifachiisaa akka fudhatamuu waan akeekuu hin turre. Mariin walxaxaan kun otoo addaan hin citiin itti fufuusaatti warreen mariisisan garuu gammado turan.













