'Jijjiirra qilleensaa''n balaa dhufurraa adduunyaa baraaruuf waamicha ijibbaata godhame

Fakki addunyaa kan Kaaba Afriikaa, giddu galeessa Bahaa, Ruusiyaa hanga tokkoo dabalatee Chaayinaafi garba Indiyaa agarsiisuu

Madda suuraa, Getty Images

Akkeekkachiisa dabalaa jiraachuu ho'iinsaa qilleensaa ilaalchisee, addnyaa maraaf kun yaamicha ijibbaataati, jedhu saayintistoonni.

Ho'iinsaa digirii seentigireedii (dc) 1.5 caalaa akka hindaballee gabaasa akkeekkachiisu ilaalchisee addunyaan kanarra darbuun gara dc3 deemaa jiraachuun kan nama yaadddessuudha.

Safara xiyyeeffanaan itti kenname dc1.5 akka hindabarre gochuun ''bira gahuun kan cimu, saffisa addaa fi kallatti hundaanuu jijjirama haawaasaa' kan gaafatuudha.

Baasiii haalaan guddo ta'ees kan gaafatuudha - haa ta'u malee carraan isaa ammalee banaadha.

Qorannoo waggoota sadiifi falammi torban tokkoof saayintistootaaf angaawoota mootummaa gidduutti Kibba Kooriyaatti godhameen booda, korri jijjirama qilleensaa mootummoota (IPCC) dhiibbaa ho'iinsi addunyaa dc1.5 qabu ilaalchisee gabaasa addaa baaseera.

Baarreefama fuula 33 namoota himaamata baasaniin cuunfamee kaa'ame kun akka jedhuutti, mareen qorattoota argama (firi) qorannoosaanirratti asiif achi jedhu didanifi bakka buutoota siyaasaa waa'ee sadarkaa jireenyaafi dinagdee yaada'an gdduutti godhamne haala rakkisa ta'e kan agarsiisuudha.

Waligaltee hambisuun hindanda'amne kana boodas ergaan gurguddoon muraasni sirriitti mul'atanii akka achi as bahan ta'aniiru.

''Inni jalqaba ho'iinsa dc2 irra gara dc1.5tti daangessuun jijjirrama qiilleensaa fiduuf mala guddaadha,'' jechuun dura taa'oota IPCC lamaan keessa tokko kan ta'aniifi Profeesar KJIm Skea dubbatu.

''Inni lammaaffa ammoo haalawwan jijjiramoota hinyaadamne kun dc1.5 akka hincaalle kan daangeessuu kan barbaachiisuudha - jijjirama haniisaa, jijjirama akkaata buulchinsa lafaa akkasumas jijjirama gejjibbaa kan ilaalatuudha.''

What's the one big takeaway?

Kanarra maal barannaa?

Rakkoo jijjiirama qilleensaa waa hedduuf yaaddoo ta'aa jira
Ibsa waa'ee suuraa, Rakkoo jijjiirama qilleensaa waa hedduuf yaaddoo ta'aa jira

''RAATOOTAA, YEROON ITTI HOJJETAN AMMA'' jechuun qubee guddaan akka barreeffamu kan fedhan saayintistoonni, lakkoofsafi dhugaa jirurraa ka'uun akka ta'e,'' waligaalte Greenpeace gaggeefamutti daawwataa kan ta'e Kaayisaa Kosooneen dubbata.

Qorattoonni dhugaafi lakkoofsa kanneen fayyadamuun ho'iinsa bala qabeessa namnootaan addunyaarratti dhufe agarsiisuuf yaala jiru. Jaarra kana keessa, ho'iinsa qiilleensaa digirii sentigireedii (dc) lama (2) caalaa akka hindaballe yoo goone, jijjiramni jiraatu hama hinta'u jenne amana turre.

Amma garuu amanata akkana hinqabnu. Qorannoo haaraan akka agarsiisutti,ho'iinsi degirii seentigereedii 1.5 caalu kan mudatu taanaan adduunyaa kun bakka jiraachuuf hindanda'amne taati. Daangaan dc 1.5 kun ammoo waggoota 12n dhufan ykn bara 2030tti kan bira darbamuudha jedhama.

Daanga jedhamee kanaa gaditti eeguun ni danda'ama - haa ta'u malee kana gochuuf tarkaanfii jijjiramaa guruddoon hatatamaan mootummaafi namoota dhuunfaan fudhatamuu qaba. Baasiin daran guddaa ta'ee kan akka galii addunyaa kana keessaa %2.5 ta'u wagga waggaan baasii ta'u qaba jechuudha. Akkasumas qabeenyi gatii homiishaafi tajaajiloota adda addaa waggoota digdaamaa keessatti argamuun walqixxaatus irratti dhangala'u qaba jechuun dubbatu.

Kanuma boodayyu, maashinii, mukootaafi biqiltoota kaarboonii qilleensa keessaa qabbuu danda'an qabaachuu nu barbaachisa.

Maal gochuu danda'a?

Gabaasichi akka jedhutti inarjii, itti-fayyadama lafaa, magaalotaafi indastirii irratti jijjiiramni guddaan ni dhalata.

Kanaafuu, addunyaan galma ka'ame akka gahuuf namoonni:

  • foon, annan, areera, akkasumas dhadhaa muraasa akka bitan. Dabalataanis, soorata nannootti waqtiidhaan gahan daran fayyadamuun kan irraa gatanis xiqqeessuu barbaachisa jedha. Konkolaataa elektirikii akka konkolaachisan garuu lafa gabaabaa miilaan ykn biskileetin akka deeman himu. Xiyyaararraa baaburaafi baasiitiin osoo imalan gorsu. Hojiif olii gadi deemurra 'viidiyookonfiransiin osoo haasa'ani yaada kennu. Maashiniin uffata qorsuurra fannisanii osoo gogsani jedhu.

Haalli jireenyaa jijjiiramuun jijjiirama guddaa fida jedhu Dr. Debraa Roobarts.

Akka gabaasichi jedhutti 1.5C fiduuf ''waggaa 2016- 2035'tti sektara inarjii irratti invastimantiin dolaara tiriliyoona 2.4 barbaachisa.''

Lafa goginsa irraan kan ka'e babbaqaqe

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lafa goginsa irraan kan ka'e babbaqaqe

Yoo guddina tempirecharaa digrii sentigireedii 1.5'n gadi qabuu baanne, jijjiirama guddaatu dhalachuuf deema jedhu qorattoonni.

Yoo digrii sentigireedii 2 gahe sirriin galaanaa sentimeetira 10'n ol guddata. Tempireechara ykn ho'iinsaa garba guddaa, akkasumas guddina boqqolloo, ruuzii fi qamadii irratti dhibbaa qaba jedhu.