Itoophiyaan, Ameerikaan balfa pilaastikii natti ergaa hin jirtu jette

Madda suuraa, Getty Images
Gabaasa guyyoota muraasa dura gaazexaan Ingilizii Gaardiyaan jedhamu baaseen, biyyoota balfa pilaastikii Ameerikaan itti erguf jettu keessaa Itoophiyaan tokko akka taate ibsee ture.
Gabaasaa gaazexichaa kan itti haala Ameerikaan balfa ofiirraa gattuu ifa baase kanaanis, biyyoonni akka Chaayinaa lafa balfaa pilaastikii Ameerikaa turan dhimmicharratti imaammatasaanii waan geeddaraniif amma biyyoonni hiyyeeyyiin filatamusaaniis dabalee ibseera.
Kanaan alattis, biyyoonni akka Baangilaadish, Laa'oos, Seenegaal kanneen itti aansee lafa Ameerikaan balfa itti gatuf filataman ta'u ibsa gaazexaan kuni.
Dabalataan, imaammanni eegumsa naannoo biyyatti baayyee laafaa ta'uu, akkasumas pilaastikoota deebiisanii hojiirra oolchuuf baasiin olaanaa kan qabu waan ta'eef, biyyoonni kunneen ammoo humna rakasaa waan qabaniif filatamoo ta'u eereera.
Gabaasa kan irratti hundaa'uunis midiyaalee biyya keessaa hedduurratti lammiilee hedduun 'attamin lafa balfaa warra soreessaa taanaa?' jechuun komii cimaa dhiyeessaa jiru.
Haa ta'u malee, Komishiniin Naannoo, Bosonaa fi Haala qilleensaa Federaalaa BBC'tti akka himeetti, ragaan balfi Itoophiyaatti gatamuf jedhu dhara jedheera.
Balfa pilaastikii rakkina biyyattii olaanaa ta'ee wayita jirutti biyyattiiin balfa dabalataa biyya alaa irraa sababiin itti fudhattuuf hinjiru jedheeras.
Komishinichatti Daarektara Hordooffii fi To'annoo haala jijjirama qilleensaa kan ta'an Obbo Masarat Abdiisaa akka ibsaniitti, ragaan bahe jedhame kun bu'uura hin qabu.
''Balfi pilaastikii faalama guddaa fida. Kana ittisuuf ammoo sadarkaa biyyaaleessaatti hojii olaanaatu hojjatamaa jira. Qaamni hayyama kennuus kanaaf kan hayyamu natti hinfakkaatu. Hinkennuus,'' jedhaniiru.
Akkasumas, tibba ammaa wayita mootummaan rakkina faalama magaaloota keessatti mul'atu hiikuuf xiyyeeffannaa olaanaan hojjataa jiruutti balfa biyya biraatii simachuuf hayyamaa akka hintaanee himaniiru.
Dhimmicha ilaalchisee waan waajjira isaaniitiin hojjatamuufu hordoffii akka taasisan kan dubbatan Obbo Masarat, ragaan gaazexaa kanaan ibsame dogongora jedhaniiru.
Balfa jedhame 'biyyattiin haala oomisha pilaastikii fi ittisa isaa irratti rakkachaa osoo jirtu alaa hinsimattu'' jedhaniiru.
''Kun ta'u hindanda'u, attamiin galchiina?'' jechuun dhimmicha mormu Obbo Masarat.
''Dhimmicha namaafi naannoorratti dhiibbaa waan qabaatuuf callisee waanuma midiyaan himameef qofa kan gara biyyaa galfamu hinta'u.
''Sadarkaa biyyaatti dhimma ifa taasifamu qabaatuudha. kallattii kanaafu qaamni balfaaf hayyama kennu ni jiraata jedhee hin amanu,'' jedhaniiru.
Yeroo tokko tokko dhaabbileen dhuunfaa oomishaalee pilaastikiitti fayyadamuuf galchu akka danda'an himanii, ''kan galchan yoo ta'ees dursanii qaama dhimmisaa ilaallatu irraa hayyama fudhachu qabaatu. Innis adeemsa dheeraa qabaata,'' jedhaniiru Obbo Masarat.
Obbo Masarat biyyattiin oomishaalee pilaastikii irratti ijjaannoo cimaa akka qabdu himanii, haala labsiitiin balfa pilaastikii dhabamsiisuuf tarkaanfii cimaan taasifamaa jiraachusaafi warshaalee hedduun babal'ataa jiraachu ibsaniiru.
Kana malees, oomishaalee pilaastikii daakuun gara biyya alaatti ergamaa jiraachu dubbataniiru.
Gara fuula duraattis, akkuma biyyoota ollaa biroo magaalaa fi biyyaa pilaastikii irra bilisa ta'e uumuuf akka danda'amu abdii guutuun qaba jedhaniiru.












