Jijjiirama qilleensaa: Karaawwanhin eegamne ja'a jijjiirama qilleensaa qolachuuf fayyadan

Kolleejjiin tokko muka akka abbaa seeraatti uffate, sanyii ruuzii akka gootaatti mudhii qabatee dhaabbatee fooggalu, fi firiijii akka waan miidhaa namarraan geessisuuf ka'eetti uffate mul'ise

Jijjiirama qilleensaa qolachuun rakkoo dhala namaa fi dachee mudatee jiru isa hamaadha. Akka carraa ta'ee garuu sammuun rakkoo kanaaf fala qoru ulaa addunyaa guutuu keessaa tattaafataa jira.Furmaata nuti hin eegne hedduu qabatanii as ba'aa jiru. Maloonni ja'a, kanneen dhala namaaf haaraa ta'an, kan sagantaan BBC '39 Ways to Save the Planet' jedhu qixeesse kunooti.

1. Shamarran barsiisuu

Addunyaarratti shamarran barnootaan ala jiran kan dargaggootaa miiliyoona 5.5 caalu-Unicef

Madda suuraa, Amelia Flower @ameliaflower

Ibsa waa'ee suuraa, Addunyaarratti shamarran umriinsaanii ga'ee garuu barnootaan ala jiran kan dargaggootaa miiliyoona 5.5 caalu-Unicef

Shamarran addunyaarra jiran barsiisuun bu'aa diinagdee fi hawaasummaa qofa osoo hin taane jijjiirama qilleensaa qolachuufillee faayidaa qaba.

Kunis sababiinsaa shamarran yoo baratan erga barnootasaanii xumuranii booda turanii daa'ima godhatu waan ta'eef baay'inni uummataa ni hir'ata.

Shamarran hundi hanga bara 2050tti osoo mana barumsaa seenanii baay'inni uummataa kan tilmaamerraa miiliyoona 840 hir'isuu danda'a.

Rakkoo faalama qilleensaaf sababi guddaan baay'ina uummata addunyaati-biyyoonni guddatan aara guddaa qilleensatti gadi dhiisu, biyyoonni hiyyeeyyiin ammoo baay'ina uummataa qabaniin naannoo faalu.

Dubartoonni paarlaamaa keessa yoo baayyatan karoorri cimaan dhimma jijjiirama qilleensaa qolachuurratti ni ba'a-qorannoo

Madda suuraa, Amelia Flower @ameliaflower

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoonni paarlaamaa keessa yoo baayyatan karoorri cimaan dhimma jijjiirama qilleensaa qolachuurratti ni ba'a-qorannoo

Shamarran barsiisuun baay'ina uummataa hir'isuu caalaa faayida qabeessayyuu, dubartoonni hojii mootummaa, biizinasii fi siyaasa keessatti osoo baay'atanii hojiin faalama qilleensaa qolachuu daran cimuu mala.

Dubartoonni osoo heddumminaan dirqama fudhatanii adda durummaan hojjetanii imaammati jijjiirama qilleensaa fooyya'aa fi jabaan lafa qabata jedha qorannoon.

Sababiin ammoo dubartoonni uumamaan gorsaa fi argannoo saayinsiif gurra kennanii dhaggeeffachuun warra dhiirotaa ni caalu jedhe.

Kunimmoo wayita weerara Covid mirkanaa'eera jedha qorannoo haaraan.

2. Biqiltuu Leemmanaa(Bamboo) heddumminaan dhaabuu

Leemman(Bamboo) muka haala margaa qabudha

Madda suuraa, Rohan Dahotre @rohandahotre

Ibsa waa'ee suuraa, Leemman(Bamboo) muka haala margaa qabudha

Leemman muka dafee guddatuun beekamudha, guyyaatti hanga meetira tokkoo guddata, aara gubataa ofitti fudhachuunis muki isa ga'u hin jiru.

Manaa fi meeshaalee mana keessaaf yoo ta'es sibiila caalaa umrii qaba.

Chaayinaa keessatti leemman akka muka hiyyeessaatti ilaalama, amma garuu akkaan beekamaa jira.

Leemman baay'inaan yoo dhaaban dhiqama biyyee fi balaa lolaas ni ittisa

Madda suuraa, Rohan Dahotre @rohandahotre

Ibsa waa'ee suuraa, Leemman baay'inaan yoo dhaaban dhiqama biyyee fi balaa lolaas ni ittisa

Muki leemmanii akkuma muramee meeshaalee garaagaraa tolchuuf fayyadu, wayita dhaabbiin jiruttimmoo dhiqama biyyoo, balaa lolaa ittisuuf akkasumas biyyoo gabbisuuf ni gargaara.

3. Kanneen naannoo faalan seeraan gaafachuu

Muka akka abbaa seeraatti uffati itti godhamee fi warshaa akka waan mana hidhaa jiruutti fakkeeffamee bocame

Madda suuraa, Rohan Dahotre @rohandahotre

Ibsa waa'ee suuraa, Muka akka abbaa seeraatti uffati itti godhamee fi warshaa akka waan mana hidhaa jiruutti fakkeeffamee bocame

Yeroo ammaa qaamoleen seeraa jijjiirama qilleensaa qolachuuf dhaabbatan addunyaarra hedduudha, mootummaa fi warshaalee humna qaban fayyadamuun nannoo faalan kan gaafatamtoota godhuu danda'u keessaa inni ijoon sirna seeraati.

Akka fakkeenyaatti dhiheenya kana manni murtii Nezarlaands kubbaaniyyaan boba'aa guddichi-Shell-aara gubataa naannoo gadi lakkisu akka hir'isu murteessee ture.

Kunis waliigaltee Paarisiif akka bitamuu qabu ajaja dabarsuudhaan ture.

Abbootiin seeraa qaroowwan ta'an seera mirga dhala namaa, seera hojjetaa fi hojjechiisaa, akkasumas seera warshaalee fayyadamuun jijjiirama qilleensaa qolachaa jiru.

4. Firiijii gaazii hedduu fayyadamu dhabamsiisuu

Meeshaalee qixa sirrii ta'een dhabamsiisuun bu'aa gaarii qaba

Madda suuraa, Dandy Doodlez @dandydoodlez

Ibsa waa'ee suuraa, Meeshaalee qixa sirrii ta'een dhabamsiisuun bu'aa gaarii qaba

Firiijii yookiin meeshaaleen waa qabbaneessanii fi haala qilleensaa mijeeffachuuf dhalli namaa itti fayyadamu hunduu keemikaala waa qorrisiisu haayidiroojiinii fi filooriinii of keessaa qabu-hydrofluorocarbons (HFCs) jedhamu of keessaa qabu.

Humni haayidiroojiinii fi filooriinii fiiriijii keessatti uumuuf hojiirra oolu ammoo addunyaaf yaaddoo guddaa uuma.

HFCs'n ammoo akka greenhouse gaazii isa hamaatti ilaalama - CO2 illee kan caalu-kunimmoo akka dhabamuu qabu hooggantoonni addunyaa 2017 waliigalanii turan.

Sochiin kun qofaansaa ho'a biyya lafaa digirii 0.5'n hir'isa jedhamee abdatama.

Isaan kana murteessanis garuu yeroo ammaa lakkoofsi firiijii fi air conditioner addunyaarratti baay'ataa jiru.

Gaaziin isaan keessaa ba'us hedduumaataara, deebisanii hojiirra oolchuu fi dhabamsiisuun meeshaalee kunneenii rakkoo guddaa fidaara.

Gareen dhimma naannoof quuqaman kanneen ogummaa teeknooloojii kanaa qaban garuu firiijiiwwanii fi meeshaalee akkanaa adamsuun dhabamsiisuuf irratti qabsaa'aa jiru.

5. Doonii qaamni mucucaatu baay'inaan hojjechuu

Doonii konteenara hedduu baatee jiru, uumamni bishaan keessaa baay'inaan jalatti maxxananii jiran

Madda suuraa, Kingsley Nebechi @kingsleynebechi

Ibsa waa'ee suuraa, Saayintistoonni doonii qabeenya bishaan keessaa hin miinee fi hin faalle oomishuuf qorannoorra jiru

Gara daldalaa addunyaatti wayita dhufnu, uumamni xiqqoonshee dhabamuun kasaaraa guddaadha.

Imalli bishaanirraa dooniidhaan taasifamu ammoo addunyaarratti dhibbeentaa 90 qabata.

Faalama qilleensaa sababa harka namaan dhufu keessaa dhibbeentaa lama kan qooddatu isa kana.

Haala ammaa jiruun rakkoon imala galaanarraan qilleensa naannoorra ga'u baay'ee hammaataa deema.

Roobootiin uumama bishaan keessaa dooniirraa qulqulleessaa deemu akkaan faayida qabeessa

Madda suuraa, Kingsley Nebechi @kingsleynebechi

Ibsa waa'ee suuraa, Roobootiin uumama bishaan keessaa dooniirraa qulqulleessaa deemu akkaan faayida qabeessa

Aara gubataa qilleensatti gadi lakkifamu hir'isuuf jecha saayintistoonni qaamni doonii akkaan mucucaataa akka ta'uuf hojiitti jiru.

Akkuma baakteeriyaan akka ilkaan keenyarra hin teenyeef rigannu, uummamni bishaan keessaas dooniitti qabatee rakkoo hamaan akka hin dufneef dursinee of-eeggannoo gochuu qabna jedhu ogeeyyiin.

6. Sanyii ruuzii fooyya'aa oomishuu

Walakkaan baay'ina uummata addunyaa ruuzii fayyadama

Madda suuraa, Sarina Mantle @wildsuga

Ibsa waa'ee suuraa, Walakkaan baay'ina uummata addunyaa ruuzii fayyadama

Ruuziin baay'inaanyoo oomishame faalama naannoo akka fidu quba qabduu? Eeyyee, ruuziin akkuma aviyeeshinii qilleensarratti dhiibbaa guddaa qaba.

Kunis sababni isaa oomishtoonni ruuzii yeroo baayyee lafa jabaataa bishaan heddumminaan ofirratti kuusurra ruuzii qotu.

Bishaan kun ammoo oksijiiniin akka dachee hin seenne ittisa, kunimmoo dacheen baakteeriyaa keemikaala miiteen jedhamu baastu akka oomishu godha.

Gaaziin miiteenii kaarboondaayioksaayidii caalaa harka 25 naannoo faala.

Kanaafuu sanyii ruuzii fooyya'aa bakka bishaan heddumminaan hin jirree fi lafa jabaa hin taanerratti guddatu oomishuutu furmaata jedhu saayintistoonni.

Sanyii ruuzii 650 ta'an qorachuun isa fooyya'aatti fayyadamuuf saganteeffatanii jiru.

Odeessaalee dabalataa: