Jijjirama qilleensaa: Guyyoota qilleensa ho'a hamaa 50C ol ta'e addunyaan itti argitu dachaan dabale

Guyyoota adunyaan haala qilleensaa baayyee ho'aa 50c ol ta'e itti argitu dachaan abaleera.

Waggaa waggaan guyyoonni ho'a hamaa 50c ol addunyaarratti mudatan bara 1980ta irraa kaasee dachaan dabaluu isaa qorannoon BBCn gaggeesse mul'ise.

Kutaalee addunyaa gara garaa keessatti ho'i garmalee cimaa ta'e galmaa'uun fayyaafi mala jireenyaa dhala namaatiif qormaata guddaa ta'eera.

Waggoota 40 darban keessa guyyoonni ho'i guddaan selshiyesii 50 ol itti galmaa'an dabalaa dhufaniiru. Giddugaleessaan 1980 haga 2009tti, waggaa keessa qilleensi seelshiyeesii 50 ol kan dabre guyyoota 15 kan tahu ture.

Lakkoofsi kun baroota 2010 haga 2019 gidduutti gara guyyoota 26tti ol guddate.

Annisaa maddisiisuuf jecha gaaziifi cilee bobeessuun akka ho'i dabaluuf sababoota ijoo ta'uu qorataan jijjiirama haala qilleensaa Dr Fireediriik Otoon ni dubbatu.

Wantoonni boba'an yeroo dabalan, qilleensi ho'aa ta'e addunyaarratti dabalaa dhufuun isaa ammoo waan hin oolle. Ho'i akka malee dabalaa deemuun ammoo dhala namaatiifis ta'e uumama birootiif balaa guddaa fida.

Buufataaleen anniisaa maddisiisan, gamoowwan, akkasumas daandiiwwan haala ho'a guddaa ta'e keessatti umuriin tajaajila isaan itti kennanii baay'ee gabaabbachaa deema.

Ho'i cimaan 50c ol ta'e kutaa addunyaa gara Baha Giddu-galeessaafi gara zoonii Galoo Galaanaa keessatti galmaa'uun isaa waan haaraa miti.

Haata'u malee, biyya Xaaliyaan keessatti ho'i 48.8C ta'e, akkasumas ho'i cimaan 49.6C ta'e Kanaadaa keessatti galmaa'uun isaa waan adda ta'eefi kan nama yaaddessu ta'eera.

Wantoonni annisaa argachuuf oolan akka cileefi gaazii boba'aa hangi itti fayyadaman hir'isuun hin danda'amu taanaan, ho'i hamaan kutaa addunyaa biroo irratti mul'achuun isaa waan hin oolle ta'aa jira.

Qorataa jijjiirama haala qilleensaa kan ta'an Dr Sihaan, dhalli namaa qormaata itti dhufaa jiru jalaa ooluudhaaf tarkaanfii wantoota qilleensatti gadi dhiifamuun qilleensa faalan hir'isuu danda'an fudhachuu qaba jedhu.

World map showing change in average maximum temperatures between the last decade and the reference period of 1980-2009

Akka qorannoo BBCn gaggeesse agarsiisutti brkurnee darban muraasa keessatti hangi ho'a qilleensaa 0.5Cn dabaleera.

Kutaalee addunyaa ho'i hamaan keessatti galmaa'e keessaa Awurooppaa gama Bahaa, Afrikaa Kibbaa, akkasumas Biraazil kanneen eeraman keessaati. Naannoleen kanneen keessatti ho'i 1C oliin akka dabale hubatameera. Arkitikiifi Baha Giddu-galeessatti ammoo 2C ol dabaluun isaa mul'ateera.

Yeroo ammaa haalli ho'a qilleensa kun akka amma jiruun kan itti fufu yoo ta'e bara 2100tti ummanni biliyoona 1.2 rakkoo fayyaa ho'a hamaa mudatuun dhufaniif ni saaxilamu. Ongeeniifi balaan ibiddaa irra deddeebiin ni uumamu.

Sheek Kaazeem Al Kaabii

Sheek Kaazeem Al Kaabii qonnaan bulaa qamadii omishudha. Kan jiraatan ammoo giddu-gala Iraaq keessadha.

Sheek Kaazeem Al Kaabii lafti qonnaa qamadii isaanii dur baayyee bajjiifi gabbataa ture. Omishni argatanillee mataa isaaniirra darbee olloota isaaniitiif qallaba kennaa akka turan ni yaadatu. Har'a garuu lafti qonnaa isaanii kun gogaa akka dhufe dubbatu.

"Lafti kun kanaan dura magariisa uffatee ture. Amma garuu wanti hundumtuu jijjiirameera. Amma gammoojjii ta'eera," jechuun dubbatu Sheek Kaazem.

Yeroo ammaa namoonni bakka Sheek Kaazem Al Kaabii jiran jiraataa turan hojii qonnaatiin itti fufuu waan hin dandeenyeef, jireenya fooyyee qabuufi carraa hojii barbaachaaf gara bakka birootti baqataniiru.

"Obboleessi kiyya anarraa adda baheera; hiriyyoonni kiyyaafi ollaawwan kiyya amanamoo ta'an dhabeen jira. Wantan qabu ana waliin ni qooddatu ture. Amma ana cinaa namni kamiyyu hin jiru. Lafa qullaa waliin fuulaafi fuulatti wal ilaaluu qofa," jedha qote-bulaan kun.