Jijjiirama Qilleensaa: Biyyoonni saaxilamoon sababa jijjiirama qilleensaan baduu malla jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Biyyootni addunyaa balaa jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta'an tarkaanfiin fudhatamuu baannaan ''fiixee badiisaarra'' jirra jechuun akeekkachiisan.
Akeekkachiifni biyyoota guddinarra jiranii kun kan dhagaahame Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii ho'i addunyaa dabaluun (Global warming) kutaalee addunyaa gariin lafa namni irra hin qubanne godha gabaasa jedhu baasuu hordofeetu.
Ministira Muummee UK Booris Joonsan dabalatee hooggantootni biyyoota addunyaa hedduun gabaasni kun ''addunyaan hirriibaa akka dammaqu'' ergaa dammaqsituudha jedhan.
Gabaasni kun garuu biyyoota kaan caalaa kanneen balaa jijjiirama qilleensaan guddoo hubamu jedhaman yaaddesseera.
''Kaarbanii qaamni biroon gadhiisuuf nuti aarsaa lubbuu kaffalaa jirra'' jedhan biyyoota addunyaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta'an 50 bakka kan bu'an pireezidantiin duraanii Maldivees Mohaammad Nasheed.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti walta'insi mootummootaa dhimma jijjiirama qilleensaa (Intergovernmental Panel on Climate Change) gabaasni baase biyya isaanii fiixee badiisaarra akka kaahees dubbatan.
Akka gaabaasa bahetti ho'i jabaan, yandoo cimaa fi hongeen wanta baratamaa fi hammaataa ta'aa adeema. Hoogganaan UN gabaasni kun dhala namaaf mallattoo balaa hamaa "code red for humanity" jechuun ibsan.
Gabaasichi waakkii malee dhalli namaa jijjiirama qilleensaa hammaachaa adeemee kanaaf gaafatamaadha jedha.
Waggoota kurna lama dhufan keessattis ho'i akkaan dabalu isa jabana indaastirii duraa 1.5C'n caala jedha.
Kunimmoo sirriin galaanaa walakkaa meetiraan akka ol ka'u godha. Tilmaamni dhuma jaarraa kanaatti sirriin galaanaa meetira lamatti ol siiqa kan jedhus dhugaa ta'uu mala jedhameera.
Kun ammoo biyyoota lafa gad-aanaarra jiraniifi qarqara galaanaa jiraniif balaa hamaadha jedhan gamtaa biyyoota odolowwan xixiqqoo bakka bu'uun dhimma jijjiira qilleensaarratti kan falman Diann Black-Layne.
''Sun hiree keenya hegereeti'' jedhu.
Gabaasni kun yaa'iin idila addunyaa jijjiirama qilleensaarratti xiyyeefatu COP26, Gilaasgootti eegalamuu isaa torbee sadii dura bahe.
Ministirri Muummee UK Booris Joonsen kan yaa'ii kana biyya isaaniitti keessummeessan gabaasni kun biyyoota dhiibbaa jijjiirama qilleensaa baataniif deeggarsi ni barbaachisa jedhaniiru.
''Gabaasni har'aa kun dubbisuuf nama yaaddessa, waggaan kurni dhufu hiree pilaanetii keenyaa wayyeessuuf gahee guddaa qaba'' jedhan Booris.
Ho'a addunyaa xiqqeessuuf maal gochuun akka nurra jiru ni beekna kan jedhan Booris, ''dhagaa cilee fayyadamuu seenaa goonee gara madda anniisaa qulquulluutti ce'uu qabna, uumama kunuunsuufi biyyoota sababa jijjiirama qilleensaan miidhamaniif maallaqa gumaachuudha'' jedhan.
Waliigaltee Paaris bara 2015'n biyyootni addunyaa 190 ta'an ho'a addunyaa isa jabana indaastiriin dura tureerraa 2C ykn 1.5C caala akka hin daballe gochuuf walta'anii turan.
Gabaasni haaraan UN garuu kaarbonii xiqqeessuuf tarkaanfii guddaan hin fudhatamu yoo ta'e, karoottii lamaanuu jarraa kana keessatti fashalaa'u.
Ergamaan dhimma qilleensaa US Joon Keerii galma kaahame bira gahuuf biyyoonni diinagdee isaanii atattamaan jijjiiruu qabu jedhan.
''Waggaan kurni kun gochaaf yeroo murteessaadha, COP26 kan Gilaasgoow ammoo gaaga'ama kanaaf bakka ofirra garagalan ta'uu qaba'' jedhan Keeriin.
Yaa'ii COP26 akka hirmaattu kan beeksifte rogeettiin dhimma jijjiirama qilleensaa Greetaa Tanberg ''gabaasni kun waan durumaanuu barre, haala hamaa keeessa jiraachuu keenya kan mirkaneessedha,'' jette.
''Dhiibbaa hammaataa kana caalu hambisuu ni dandeenya, garuu akka amma jirutti yoo itti fufne miti, gaaga'ama akka gaaga'amaatti ilaaluu dhiisuudhaan hin ta'u'' jechuun tiwiitara gubbaa barreessite.














