Biil Geetis: 'Rakkoo jijjiirama qilleensa waliin yeroo ilaalamu Covid-19 furuutu salphata'

Biil Geeti fi haati warraan isaa Milindaa Geet bara 1994 dhaabbata gargaarsaa hundeessan

Madda suuraa, GETTY IMAGE

Ibsa waa'ee suuraa, Biil Geeti fi haati warraan isaa Milindaa Geet bara 1994 dhaabbata gargaarsaa hundeessan

Dureessibeekamaafi hundeessaan kampaanii Maayikiroosoft Biil Geetis dhalli namaa rakkoo jijjiirama haala qilleensaa furuu yoo danda'e milkaa'ina seenaa keessatti guddaa ta'edha jedhe.

Rakkoo jijjirama haala qilleensaa furuun rakkisaa akka ta'e yeroo ibsan dureessichi, bira-qabaan yeroo ilaalamu weerara Covid-19 furuun baayyee salphaadha jechuun ibsu.

Biil Geet kitaaba haaraa "How to Avoid a Climate Disaster" jedhu barreessaniiru. Hiikni isaas akkaataa balaa jijjiiramni qilleensaa qaqqabsiisu ittiin ittisan jechuudha.

Kitaabichi addunyaan keenya kun osoo balaa hamaa jijjiiramni haala qilleenssaa qaqqabsiisutti hin seeniin dura wantota fudhatamuu malu jedhurratti xiyyeeffata.

Geet rakkoo jijjirama haala qilleensa dhufu gadi xiqqeessanii ilaaluun hin sirrii miti jedha.

Addunyaarratti gaazota atomoosfarii keessatti ho’a of keessatti qabatan (greenhouse gases) toonii biliyoona 51 ta’anitu atomoosferii qilleensa addunyaatti waggaa tokko keessatti dabalama.

Taatullee addunyaa gaazota qilleensatti dabalamaniirra bilisa gochuuf yaadameera.

Biil Geet teeknoloojiin akkatti hamma gaazota atomoosfaritti gadhiifamanii hir’isuun danda’amurratti xiyyeeffateera.

Annisaan haaromafaman kanneen maddi isaanii akka humna qilleensaa/bubbeefi aduurraa argaman fayyadamuun elektirkii kaarbonii qilleensa faalurraa bilisa ta’e argachuuf fayyada. Geet garuu kun gaazii qilleensa faalu harka 30% qofaan hir’isaa jedha.

Itti dabaluun, dinagdee addunyaa 70% ta’u kaarboniirra bilisa gochuuf jirra jedha- simintoo, hadiida, sirna geejjibaa, omisha xaa’oofi kanneen biroos kaarboonnirraa bilisa ta’e qabaachuuf deemna jedhe.

Ammatti garuu dameewwan kana harka caalasaanii kaarboonnirra bilisa gochuu hin danda’amne jedhe. Kanaaf, tattaffii amma karoboonii qilleensa faalu hir’isu mootummoonni biyyoota addunyaa deegggaruu qabu jedha Biil Geet.

‘Mootummoonni dura bu’uu qabu’

Biil Geet tattaaffiin kalaqni addunyaarratti haala duraan argamee hin beekamneen guddataa jirachuu kaasuun, tattaffichi mootummootaan dabalamu akka qabu jedhe.

Ammatti sirni dinagdee miidhaa boba’aatti fayyadamuun qaqqabsiisu tilmaama keessa hin galchine.

Namonni boba’atti gargaaraman hedduunis miidhaa boba’aan konkolaataa ykn gaazii fi cileen manasaatti itti fayyadaman qaqqabsisu hin hubatan.

Biil Geet’’miidha miidha kaarboon daayooksaadii qilleensatti gadhiisuun qaqqabsiiftu ammaatti hin argitu’’kanaaf jecha mootummoonni dhimmicha gidduu seenu qabu jedha.

Biil Geet dhimma jijjirama qilleensa baramaan walqabatu wayita kaasetti, mootummoonni biyyoota addunyaa yoo tattaffiicha hin deeggarre, namoota naannoo mudhii lafaa jiraatan balaan akka hin miidhamne balaa jijjirama qilleensa baramarraa itti fufinsaan ittisuun hin danda’amu jedhe.

Ameerikaattis paartiin Rippaabilkaanotaa jijjirama qilleensa baramaa to’achuun qabuuf beekamtii kennuu qabu jedha Geet.

Kunis ganna 30 dhufaniif itti fufinsaan irratti hojjachuu akka barbaachisu kaase.

Biil Geet eenyu?

· Bara 1975tti Maayikiroosooft hundeesse

· Dureessaa addunyaarratti soorummaan sadarkaa 4ffaarra jirufi doolara biliyoona100 fi bil.24 qabu ta’u barruun Foorbis kan gabaase.

· Doolara Ameerikaa bil.50 karaa dhaabbata gargaarsa haadha warraasaa Milindaa Geet wajjin ta’uun bara hundeessee arjoomera.

· Bara 2008 gahee hoggansa Maayikiroosooft keessatti qabu dhiisuun gara tola ooltummaarratti fuulleffate.

· Geet dhimmoota fayyaa, barnootaa, guddina fi jijjirama qilleensa baramaarratti xiyyeeffachuun hojjataa jira.

Bill Geet biliyeenara jiruu qananii jiraatu, jeetti dhuunfaa isaa boba’aa hambaa biqiltuurra hojjatamu -baayifiyulitti gargaarama.

Boba’aa kana bituuf waggaatti doolara miliyoona torba kan baasu wayita ta’u, ‘’maallaqa boba’aan xiyyaaraa idilee ittiin bitamu harka sadii caaluun baasa jira’ jedheera.

Kana malees Geet jeettii dhuunfaa addunyaarratti guddaa ta’e tokko doolara Ameerikaa biliyoona sadiin bitachuuf caalbaasii morkiin itti hammaatu tokkotti dabalameera.

Kitaaba addunyaan balaa jijjirama qilleensa baramaa akkaata itti qolachuu dandeessu jedhu yeroo barreeffamu qabu amma jette yaadda? jedhamee kan gaafatame Geet, ‘’deebii kan ta’u danda’u gosa boba’aa xiyyaara naannoorratti miidhaa dabalataa hin qaqqabsiifne fi faalama qaqqabsiisurra bilisa ta’e baayofiyulii ykn annisaa elektriin kan hojjatu ykn annisaa haayidiroojiin maddutti gargaaramuudha’’jedhe deebise Geet.

Yeroo sirrii

Namoota shiraa koronaavaayrasiin dhimma walqabuuf haasa’an biratti Biil Geetii akka nama hamaa ta’eetti maqaa isaa dha’ama.

Namoonni kun Geet akka vaayirasii giddugaleessa yaalii keessatti dhoksaan qopheessee, sagantaa lakkoofsa ummata addunyaa hir’isuuf akka qabutti, talaalli qaama namaa keessa maayikirochipsiin olkaa’uun namotaa ittiin hordofu fi to’achuuf akka namatti gargaaramuutti hamatu.

Dhimma kanaa ilaalichisuun Biil Geet wayita gaafatametti ni kolfe.

‘’Maaliifan namoota hordofa? Iddoo namoonni yaadan kana bira gahuuf fedhaas hin qabu, itti hin gammadu’’ jedhe Geet.

Xiyyeeffannoon dhaabbata gargaarsaa Biil Geet tattaffii rakkoolee fayyaa walqabatan biyyoota guddataa jiran keessatti furuun irraa jalqaba, Keessattu dhibee busaa fi sombaa to’achuurratti Geet gumaacha gudda qaba.

Bifuma walfakkaatuun Geet dhimmoota jijjirama qilleensa baramaan walqabatan ilaalchisuun yaadota dhiyeessuu isaaf shirri biraa maqaa isaatiin akka hin dalgamne yaaddoo qabaachuu dubbateera.

‘’Busaa fi pooliyoo addunyaarraa balleessuu dhimmoota ilaallataniirratti sagalee koo gadi hin laaffisu, ‘’

Geet, karoora jijjirama qilleensa baramaa qolachurratti kitaaba barreesse maxxansuun yeroon isaa ‘ammuma’ jedhee ibse. Itti dabaluun yaadonni inni dhiyeesse yaa’i jijjirama qilleensa baramaarratti fuulleeffachuun bara kana UK magaalaa Gilaasgowitti Sadaasa , bara 2021 keessa taa’amuuf galtee akka ta’un fedha.

Geet itti dabaluun, falmiin dhimma jijjirama qillensa baramaa yeroo murteessaa ta’erra qaqqabeera jedheen yaada jechuun ibeera.

Geet dhalooonni haaraan jijjirama fiduu keessatti ejjannoodhaan dhimma jijjirama qilleensa baramaa keessatti hirmaachuu qabu jedha.

Kana milkeessuuf imaammata jijjirama uumu danda’uun qajeelfamaa jirachulee mirkaneeffachuun qabna kan jedhu Geet, balaa jijjiramna qilleensaan dhufu qolachurratti ammas abdii hin kutu jedheera.