Chaayinaan Taayiwaan kan haleeltu taanaan US Taayiwaan deeggarti - Baayiden

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaant Joo Baayiden Chaayinaan Taayiwaan kan haleeltu taanaan US Taayiwan deeggarti jedhan. Muddamni Taayiwaniifi Chaayinaa gidduu haalaan dabaleera.
''Eeyyee, kakaa'umsa sana gochuu qabna,'' jedhan US Taayiwaan deeggartii jedhamanii gaafatamuun.
Garuu dubbii himaan Waayit Haawus miidiyaalee Ameerikaa tokko tokkotti akka himanitti yaadni pirezedaantichaa imaammata jiru kan jijjirsisu miti.
Taayiwaan akkasuma deebii yoo laattu ibsi Baayiden Chaayinaa ilaalchisee ejjennoo qaban kan jijjiru miti jette.
US dhimma Taayiwaan deeggaruu irratti waggoota dheeraaf ''imammata ifa hin taane,'' hordofaa turte.
Kana jechuun US beekaadhuma Chaayinaan yoo Taayiwaan kan haleeltu tahe maal gooti kan jedhu kana ifa karaa hin taaneen itti dhiyaachaa turte.
Chaayinaan Taayiwaaniin akka kutaa foxxoqxeetti ilaalti. Garuu guyyaa tokko humnaan deebisuu dandeessi. Garuu Taayiwaan akka kutaa walaba taateetti of ilaalti.
Ameerikaan Taayiwaan waliin kallettiin hariiroo dippilomaasii dilee hin qabdu. Garuu akka hariiroo Taayiwaan jedhuutti meeshaa waraanaa itti gurgurti. Ameerikan kanaan Taayiwaan daangaa ishee akka ittistuuf gargaara jette.
Waajjirri pirezidaantii Taayiwaan ibsa baaseen waan kanaan dhiibbaa keessas hin gallu, deeggarsa arganne jennees ''iiti hin ariifannu,'' jedhe.
Taayiwaan ofirraa ittisuuf kutannoo guutuu qabdi,'' jedhan dubbii himaan pirezidaantii nJaaviyer Cheengi. Akkasumas deeggarsa bulchiinsi Baayiden itti fufinsaan kennaaf jiruuf galateeffataniiru.
Torbanoota darbe keessa erga Beejingi xiyyaarota waraanaa samii taayiwan irra balaliisaa turtee muddamni lamaan isaanii gidduutti dabaleera.
Baayiden walitti bu'insa Chaayinaa waliin tahe jedhamee ka'uuf akka hin yaaddofne himan.
Itti dabaluun Chaayinaan ''biyya humna guddaa qabdu taati jennee sodaa hin qabnu,'' sababni isaas Chaayinaa, Raashiyaa fi biyyootni adunyaa kaan adunyaa irraa biyya aangoo guddaa qabdu akka taate ni beeku jedhan Baayiden.
Baayiden gaazexessaa CNN'n Taayiwaan akka deeggaran gaafatamanii ifatti deebisan. Dubbii himaan Waayit Haawus boodarra dubbii Baayiden kana yoo ibsan imaammata Chaayinaa waliin qabdu hin jijjiirtu.














