Namoonni baayyeen maaliif 'ija xixiqqoo' akka bareedinaatti hin ilaalan?

Madda suuraa, Weibo
Moodeliin beekamtuu Chaayinaa Cai Niangniang haleellaa balleessaa isheen kallattiin keessatti hin hirmaanneen karaa miidiyaa hawaasummaa isheerratti raawwatameen mufachuun jechoota nama aarsan barreessaa turte.
Dubartiin akkaan beekamtu kun ''Waanan ija xixiqqoo qabuuf qofa anaaf lammummaan Chaayinaa naaf hin ta'u jechuudhaa?'' jechuun mufiidhaan barreessite.
Modeliin kun beeksisa kubbaaniyyaa nyaataa-Three Squirrels- irratti erga mul'attee booda lammiileen biyyattii karaa onlaayinii, dubartiin kun itti yaaddee hammeenyashee fi miira badaa biyyaaf qabdu mul'iste jechuun irratti duulan.
Ifatti yakka ta'ee kan mul'ate ija xixiqqoo qabaachuusheeti.
Kubbaaniyyaan kun mufannaan karaa miidiyaa hawaasummaa hammaachuu erga hubatee booda beeksisicha haqe, uumata mufachiisuusaafis dhiifama gaafate.
Aadde Cai garuu ''waan namoonni narratti duulaniif hin beekne, an akka modelii tokkootti hojii kiyyan hojjedhe malee waanan yakke hin qabu,'' jette.
''Danaa fi fakkii kiyya maatii kiyyarraan dhaale. Sababa bifa kiyyaa akkuman dhaladheen Chaayinaa arrabseera jechuudhaa?'' jechuun miidiyaa hawaasummaa tiwiitarii fakkaatu Weibo irratti barreessite.
'Warri lixaa waan nu jenne qofatu ta'a jechuun hafeera'
Beeksisi jalqaba bara 2019 keessa hojjetame kun wayita Chaayinaan waa'ee interneetiirratti seera akkaan cimaa ta'e hojiirra oolchuu eegaltetti, lammiilee biyyattii interneetii fayyadamuu aadaa godhataniin sakatta'amee ba'ee mata duree dubbii ta'e.
Chaayinaan beeksisoota lammiileesheetti fayyadamuun hojjetaman to'achuuf jecha seera to'annoo cimaa hojiirra oolchuu eegalte.
Sadaasa darbe ogeettiin suuraa faashinii Chaayinaa, suuraa modelii Chaayinaa ijishee diphoo ta'e tokkoo, beeksisa kubbaaniyyaa faashinii Firaans-Dior- jedhamu keessatti fayyadamuun uummata waan mufachiifteef dhiifama gaafattee turte.
Dhiyeenya kanas kubbaniyyaawwan Mercedes-Benz fi Gucci jedhaman suuraa moodelii Chaayinaa ijishee dhidhiphoo fayyadamanii beeksisa hojjechuunsaanii miidiyaa hawaasummaarratti mufii guddaa kaaseera.
Wayita sabboonummaan lammiilee Chaayinaa karaa onlaayinii dagaagaa jiruu fi ilaalchi warra lixaa biyyattii keessatti gatii dhabaa jiru kanatti, beeksisoonni haala kanaan hojjetaman jibbiinsa sanyii Chaayinaarraa qaban karaa ittiin mul'isaniidha jechuun kanneen kaasan hedduudha.
Kubbaaniyyaan kunneen moodeliiwwan Chaayinaa ijisaanii dhidhiphoorratti xiyyeeffatanii beeksisan hojjechuunsaanii akkaataa warri lixaa Chaayinaa itti ilaalan kan agarsiisuudha jedhu namoonni kunneen.

Madda suuraa, Chen Man/Dior
Namoonni hedduun kubbaaniyyaawwan wayita beeksisa hojjetan maaliif moodeliiwwan Chaayinaa kanneen babbareedoo fi ija gurguddaa qabanitti hin fayyadamne gaaffii jedhu kaasu.
Maddi oduu Chaayinaa-China Daily- jedhamu ''dubartoota Eeshiyaa akka waan ija dhidhiphoo qabaniitti yeroo hunda mul'isuun akkaataa warri lixaa itti yaadan agarsiisa. Ulaagaa bareedinaa, dhandhama, waan jaallatamuu fi jibbamu-hunduu kan isaanii akka ta'u fedhuurraa madda,'' jedhe.
"Kanaan booda inni warri lixaa waan nuti jenne qofatu ta'a jedhan hin hojjetu,'' jechuun barruun yaada namootaa irratti hundaa'uun qophaa'e kun ibseera.
Dhimmi walfamii guddaa kaasise inni ijoon seenaa akkaataa uumama ijaan walqabatee akka arrabsootti uummata eeshiyaatti maxxanfamee tureedha.
Uummata Eeshiyaantiin uummata ija haguugumaa-slanted eyes- jechuun akka arrabsootti itti maxxansuun kan eegalame jaarraa 19ffaa keessa yoo ta'u, kunis warra lixaarraa dhufe.
Yeroo ammaa ija haguugamaa-slanted eyes- jechuun uummata Eeshiyaa biratti arrabsoo cimaadha.
"Ija haguugamaa-slanted eyes jedhanii uummata Eeshiyaa addatti qoodanii arrabsoon kan eegalame qaata,'' jedha Akkaadaamii Taayiwaan-Sinica irraa Dr Liu Wen.
Bareedinni gosa tokko qofaa miti
Lammiileen Chaayinaa bareedina gosa tokko qofarratti cichuun yaada bareedinni bifa garaagaraan mul'ata jedhuu fi uummata gosa garaagaraa addunyaarra jiru keessa bareedina jiru hubachuu dhabuutti isaan geessa.
Inumaa uummattootuma Ardii Eeshiyaa keessa bareedina gosa gargaagaraa jirullee akka hin beeksisne hudhaa ta'aa jiru.
Kanneen dhimma kana taajjaban akka jedhanitti namoonni tokko tokko beeksisa haala kanaan hojjetamuun mufachuu malu, garuu miidhagina Chaayinaa kallattii biraan kanneen ilaalan tuffachuu ta'uus danda'a.
"Namoota ija haguugamaa qaban waan jiraniif ''ija haguugamaa-slanted eyes- waan jedhu tuffachuu hin qabnu. Kana jechuun bareedinni gosa adda addaa jiraachuu tuffataa jirra jechuudha,'' jedha Yuuniversitii Hong Kong irraa Dr Luwei Rose Luqiu.
Ogeeyyiin kaan ammoo inumaa akka duudhaa fi aadaa Chaayinaatti iji dhidhiphoon mallattoo bareedinaati.
Bara aartii fi aadaa- bara mootummaa Tang(Dhaloota kiristoos booda 618 hanga 907) dubartoonni babbareedoo dhedheeroo ijisaanii dhidhiphoon akka miidhagina bara sanaatti fudhatamaa turan jechuun iji xixiqqoon calaqqee bareedina Chaayinaa ta'uu ibsu.
"Yeroo dheeraa keessa haalli ilaalchaa fi aadaa jijjiiramuu mala, garuu bara durii iji dhidhiphoon ibsituu miidhagina Chaayinaati,'' jedhe Yuuniversitii Delaware irraa Dr Jaehee Jung.
Yeroo ammaa kana ija gurguddaatu miidhagina mul'isa, kunis ulaagaa warra lixaa irraa dhaalamedha.
Ulaagaan bareedinaa kun bara 1970oota keessaa eegalee geeddaramaa dhufe, akkuma Chaayinaan balbalashee addunyaaf banuu eegalteen lammiileen biyyattii gabaawwan beeksisaa fi kaan keessa wayita seenan kansaanii ofirratti jibbuun kan ormaaf bakka kennuu eegalan.
Kanarraa kan ka'e yeroo ammaa inumaa dubartoonni Chaayinaa yaalii baqaqsanii wal'aanuun ijasaanii guddifatu.
Moodeliin dubbii falmisiisaan irratti ka'e Aadde Cai garuu lammiileen Chaayinaa namoota bifa garaagaraa qaban kabajuufi waan gaarii yaaduufii qabaatu jette.
Yoo jaal'achuu baatanillee miidhaa irraan ga'uu fi qoollifachuun hin barbaachisu jette.
"Iji koo akkuma kana, kan waaqni naaf kenne. Inumaa uumamaan isa beeksisarra jiruu gadi. Namni hunduu uumama mataasaa kan ittiin dhaadatu qaba,'' jechuun barreessite.

















