US fi Chaayinaan dhimma Taayiwaan irratti walitti dhaadatan

Baayidenii fi Shi Zhinpingi

Madda suuraa, Reuters

Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayideni fi gitisaanii kan Chaayinaa Shi Zhinpiing sa’aatii lamaaf dhimma Taayiwaaniirratti bilbilaan erga waliin haasa’anii booda wal akeekkachiisan.

Baayiden gitasaanii kan Chaayinaa Shi Zhinpiing wayita dubbatan, Chaayinaan qophaatti odola Taayiwaan dhuunfachuuf tarkaanfii fudhattu kamiyyuu akka cimsanii balaaleeffatan himan.

Taatullee imaammanni Ameerikaan dhimma Taayiwaan ilaalchisuun hordoftu ammas akka hin geeddaramne himan.

Beejingi akka jettuutti, Pirezedant Shiin gitasaanii Baayiden waliin haasa’an imaammata ‘’Chaayina tokko’’ jedhu fudhachuu qabdu jechuun akeekkachisanii booda’’namni ibiddaan taphatu ni gubata,’’jedhanii dubbatan.

Afyaa’iin Mana Maree Ameerikaa Naansii Peelosii Taayiwaan daawwachuuf karoorsan hamiin jedhu dhaga’amuu hordofee muddamni Ameerikaa fi Chaayinaa gidduutti hammaatera.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa ammalleen Afi-yaaittiin gara Taayiwaan imaluunshee ifa miti jedhulleen, Chaayinaan garuu Pilooson gara Taayiwaan yoo imalan daafaansaa cimaadha jechuun akeekkachiifte jirti.

Torban darbe Baayiden gaazixeessitootatti wayita himan ''waraanaan yaaduun yaada gaarii miti,’’ jechuun Waaayit Haawus gochi akkasii faayidaa hin qabu jedhe.

Otoo Peelosiin garasitti kan imalan ta’ee erga bara 1997 asiiti qondaala siyaasaa Ameerikaa olaantuu odola kana daawwatan ta’uuf jiru.

Baayidenii fi Shiin Kamisa kaleessaa bilbilaan erga mariyatanii booda kallattiin wal arganii mariyachuuf haala akka mijeessan waliin haasa’an.

Wayita Baayiden Pirezedantii ittaanaa turanitti Shiin bara 2015tti Ameerikaa daawwatanii turan.Amma erga Pirezedantii Ameerikaa ta’anii asitti garuu qaamaan wal arganii hin beekan.

Chaayinaan odola Taayiwaan akka kutaa qaama biyya isheetti lakkoofti. Kana milkeessuuf ammo tarkaanfii waraanallee akka fudhavchuu dandeessuu irra deddeebitee beeksisaa turte.

Ameerikaan garuu imaammata Cahaayinaan Taatyiwaan ilaalchisuun horodoftuuf beekamtii hin kennine.

Ameerikaan odola karaa dimookiraatawaan of bulchitu kanatti meeshalee waraanaa weerara Chaayinaa ittiin ofirraa qolattu gurguraa turte.