Chaayinaan Taayiwan irratti waraana banuun waan hin oolledha - US

Jeettii waraanaa Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images

Ammatti ta'uu baatus Chaayinaan Taayiwaan irratti waraana banuunshee waan hin oolledha jette itti dhiyeenyaan dhimmicha hordofaa kan jirtu US.

Ajajaan Humna Waraanaa US Jeneraal Maark Milley BBC'tti akka himetti, Chaayinaan yeroo ta’etti Taayiwaan haleeluuf sadarkaa ishee dandeessisu guuttataa jirti jedhan.

Chaayinaan akka jettutti, Taayiwaan qaama Chaayinaa irraa adda baate waan taateef humnaanis yoo ta’e deebi’uu qabdi.

US walabummaa Taayiwaan deeggaraa jirti waan ta’eef of eeggachuu qabdi jechuun Chaayinaan US akeekkachiisaa turte.

Dhiyeenya kana dhimma Taayiwaan irratti US fi Chaayinaa gidduu wal gaarreeffannaan ka’ee ture.

US michuu Taayiwaan ishee cimtuudha.

Chaayinaan xiyyaarota waraanaa heddu gara naannoo qilleensa Taayiwaanitti ergaa turte, US ammoo dooniwwan waraanaa gara daangaa bishaan Taayiwaanitti ergaa turte.

Ji’a Caamsaa keessa Piresidaantiin US Joo Baayidan, Chaayinaan xayyaarota waraanaa daangaa Taayiwaanitti erguun ishee “abiddaan taphachuudha” jedhanii turan. Taayiwaan ni weeraramti taanan US gara Taayiwaan gortee waraanti jedhan.

Beejing “US keessoo koo keessa harka gakaa’aa jirti” jechuun komatti. Taayiwan walabummaan labsadha yoo jette hanga dhumaatti loluudhaf qophii akka taates Chaayinaan irra deddeebiin dubbataa turte.

‘Sochii Chaayinaa itti dhiyeenyan hordofna’

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ajajaan humna waraanaa US Jeneral Milley, "Akka natti fakkaatutti Chaayinaan humna gahaa ijaaraa jirti. Pirezidaantin Chaayinaa Zii Jinping ifatti waraanni isaanii dandeettii Taayiwaan weeraruu akka qabu dubbataa ture” jechuun dubbatu.

Jeneral Maark Milley BBC tti akka himetti, Chaayinaan Taayiwaan weeraruu fi dhiisun dandeettii waraanaa osoo hin taane miidhaa fi fayidaa isaa shalagdee murtee siyaasaa murteessitu irratti hundaa’a.

"Ammatti weeraruuf qophaa’uu isheef mallattoon mul’atu hin jiru, garuu ammoo ija keenya Chaayinaa irraa hin buqqifannu,” jedhan Jeneral Miiley.

US walitti dhufeenya dippiloomaasii ifatti Taayiwaan waliin hin qabdu, garuu ammoo akkaataa Walii Galtee Walitti Dhufeenya Taayiwan Waliinitti, Taayiwaan akka of ittistuuf US meeshaalee waraanaa itti gurgurti.

Bifuma wal-fakkaatun ammoo US Chaayinaa wajjin walitti dhufeenya dippiloomaasii seera qabeessa ta’eefi ejjennoo mootummaa Chaayinaa tokko jedhu ni fudhatti.

Chaayinaa fi Taayiwan kan gargar bahan bara 1940 oota keessa yeroo waraana waliinii gaggeessaa turanidha. Beejing, oddoolli Taayiwaan humnaanis ta’u gaaf tokko qaama Chaayinaa taati jettee amanti.

Taayiwaan oddoola heera mataa ishee qabdu, mootummaa dimokiraasin filatamee fi loltoota eeggataa osoo hin dabalatin loltuu 300,000 qabdi.

Addunyaa irraa biyyoota muraasa qofatu Taayiwaan akka biyya walabaatti ilaala.