Chayinaan xiyyaarota waraanaa 30 gara zoonii ittisa qilleensaa Taayiwaanitti ergite

Chaayinaan xiyyarota waraanaa 30 itti eguu Taayiwaan beksifte

Madda suuraa, Getty Images

Taayiwaan Chaayinaan xiyyaarota waraanaa 30 ta'an gara zoonii qilleensaa isheetti bobbaasuu hordofee akeekkachisuudhaaf jecha jeettiiwwan waranaa itti erguu himte.

Taateen Wiixata darbe mudate kun erga Amajjii darbeetii as kun Chaayinaan daangaa qilleensaa Taayiwaan cabsitee yoo seentu kan jalqabaati jedhameera.

Kun pirezidantiin US Joo Baayidan Chaayinaan akka Taayiwaaniin hin weerarreef akeekkachiisa dabarsanii booda guyyoota muraasa keessatti kan ta'edha.

Kana malees, guyyaadhuma Chaayinaa waraana xiyyaaraa gara Taayiwaanitti bobbaaste kanatti aanga'aan US tokko gaggeessitoota biyyattii waliin dhimmoota nageenyaa irratti mariyachuudhaaf gara biyya odola kanaatti imalanii jiru.

Ji'oota dhiyoon asitti Chaayinaan maqaa shaakala waraanaa jedhuun xiyyaara waraanaa gara Taayiwanitti ergitu baayyisaa jirti.

Gochi Chaayinaa kun ammoo Taayiwaaniin kan aarse yoo ta'u, naannicha keessatti muddamni akka baayyatu godheera.

Chaayinaan Taayiwaan akka qaama biyyattii irraa fottoqxeetti waan ilaaltuuf barbaachisaa taanaan humnaan nan deebifadha jettee yaaddi.

Chaayinaafi Taayiwaan: Hubannoo bu'uuraa

  • Chaayinaafi Taayiwaan maaliif hariiroo hin taane qabaata? Chaayinaafi Taayiwaan waraana baroota 1940oota keessa gaggeeffameen gargara bahan, haata'u malee Chaayinaan odolli kun barbaachisaa taanaan yeroo tokko humnaan deebiti jechuun dubbatti.
  • Taayiwaan akkamiin bulti? Biyyi odola taate kun gaggeessaa karaa dimokirtawaa ta'een akkaataa heera mootummaatiin filatame qabdi. Taayiwaan miseensota humna waraanaa ciccimoo 300,000 ta'anis qabdi. m
  • Taayiwaaniif eeynutu beekamtii kenneeraaf? Taayiwaaniif beekamtii kan kennan biyyoota muraasa qofadha. Biyyoonni baaayyeen kka qaama Chaayinaa taatetti fudhatu. US ammoo hariiroo seera qabeessa ta'e Taayiwaan hin qabdu garuu seera biyyi odola taate kun ittiin of ittisuu dandeessu dhiyeessitu gaafatu qabdi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taatee ammaa kana malee xiyyaarri waraanaa 22 fi meeshaan waranaa elektiroonik ta'an, akkasumas xiyyaaronni akkeekkchiisa dabarsaniifi xiyyaarota farra humna waaanaa galaanarraa dhiyeenya akka turan miniseerri ittisaa Taayiwaan himeera.

Akka maappii ministeerichi dhiyeesseetti xiyaaronni Chaayinaan ergite kunneen kaaba-baha Odola Pirataas jedhamtu kan zoonii ittisa qilleensaa Tayiwaan (ADIZ) keessa bilinjaataa turan.

Haata'u malee, qilleensa Taayiwaan cabsaii kan hin seenne yoo ta'u, kun ammoo osoo ta'eera ta'ee akka gocha dubbii barbaaduuttii fudhatama.

ADIZ zoonii daangaa biyyattiifi daangaa qilleensaa biyyattiin ala ta'ee garuu bakka xiyyaaronni biyyoota alaa nageenya biyyattiif jecha keessatti adda baafamaniifi to'atamanidha.

Taayiwaan xiyaaronni Chaayinaa waggaa tokkoo olirraa kaasanii daangaa ishee ADIZ keessa balali'uuti jiran gabaasaa turteetti.

Xiinxaltoonni Chayinaan zoonii ittisa qilleensa Taayiwaan cabsitee seenuun kun akeekkachiisa gocha mootummaan Taayiwaan seeraan walabummaa labsachuutti deemtuuti jedhu.

Chaayinaan garuu kanaan dura gochi kun birmadummaa ishee eeggacuudhaaf shaakala taasistu akka ta'e dubbatte.