Chaayinaan namoonni siyaasaa US gara Taayiwaan yoo imalan 'gatii baasu' jechuun dhaadatte

Madda suuraa, Getty Images
Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota uummataa Ameerikaa gara Taayiwaan deemuuf karoora qabdi oduun jedhu dhagahamuun Chaayinaa kan dheekkamsiise yoo tahu, Waayit Haawus immoo mataa bowwaa siyaasa idila-addunyaa itti taheera.
Gaafa Wiixataa, af-yaa’ii Naansii Peloosiin torbee dhufu keessa Taayiwaan yoo daawwatan, Ameerikaan ’’gatii jabaa tahe baasti’’ jechuun Chaayinaan akeekkachiiste.
Pelosiin garas kan imalan yoo tahe bara 1997 as gara odola bulchiinsa walabaa qabdu kanaa deemuun nama siyaasaa aangoo guddaa qaban tahu.
Haa tahu malee Chayinaan, odola walabaa Taayiwaan kana bulchiinsa foxxoqxee fi dhumarratti deebitee qaama Chaayinaa taatutti ilaaltiiin. Haa tahu malee kana dhugoomsuuf humna hin fayyadamne.
Imalli taasifamuu mala jedhame kuni Beejiing aarsuurra darbee, bulchiinsi Baayidan miseensi paarlaamaa demookiraatotaa Kaalfoorniyaa bakka buutu Naansii Peloosiin garas akka hin deemne gochaa jira jedhameera.
Torbee darbe, Pireezidant Joo Baayidan, ‘’waraanni keenya imalli kuni yaada gaarii miti jedheera,’’ jechuun gaazexeessitootatti himanillee, Waayit Haawus garuu dubbiin Chaayinaa imala kanarratti jettee,’’kan homaa hin fayyadneefi barbaachisaa hin taane dha,’’ jedhe.
Waajirri hajaa alaa Ameerikaa Peeloosinn hamma yoonaa imalli ifatti himte hin jiru, ejennoon Ameerikaa dhimma Taayiwaan irratti qabdu hin geeddaramne jette.
Ameerikaa keessatti uummataa fi miseensonni paarlmaa illee Taayiwaan deeggaruu kanarratti waliigalu. Naansii Peloosiin hojii paarlaamaa waggaa 35 itti dabarsite kanaan Chaayinaa qeequun beekamti.
Qabiinsa mirga namoomaa Chaayinaa mormiti, kanneen demookiraasiif falman wajjin immoo wal-agarteetti.
Peloosiin imala kana baatii Ebla keessa karoorsitullee sababa Koovid-19’n qabamuun as darbuu danda’eera. Dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataa kennuu baattus, torbee darbe garuu ‘’Taayiwaaniif deeggarsa agarsiisuun nuuf mala,’’jetteetti.












