TPLF namoota Tigraayitti tajaajilawwan bu'uuraa suphaniif wabii nageenyaa kenne

Jila ergamtoota UN fi US Maqaleetti

Madda suuraa, GR

Hogganaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el nageenya namoota tajaajilawwan bu'uuraa akka ibsaa fi komunikeeshinii adda cite suphuuf mootummaan federaalaa gara Tigraay erguu tiksuuf wabii kennan.

Dabratsiyoon xalayaa karaa dippiloomaatota Gamtaa Awurooppaa fi Ameerikaa Kibxata Maqalee daawwataniin mootummaa Itoophiyaaf erganiin wabii nageenyaa kan kennan.

Mootummaan Itoophiyaa amma dura tajaajiloonni bu'uuraa kan adda citaniif waraana keessatti waan manca'aniif ta'uu eeruun, namoota tajaajilawwan kana suphan garas erguuf nageenya isaaniif wabii akka hin qabne himaa ture.

TPLF hojjettoota misoomawwan bu'uura manca'an suphaniif wabii kenninaan tajaajilawan waggaa oliif adda citan eegalchiisuuf wanti danqaa tahu hin jiraatu jedhan EU fi US ibsa waloo baasaniin.

Ibsi waloo kun kan bahe Gaanfa Afrikaatti ergamoonni addaa US fi EU, Maayik Haamar fi Aneetaa Weebar gara maqalee imaluun hogganoota TPLF waliin erga mari'atanii booda.

Dippiloomaatonni kunneen gara Maqalee kan imalan waraana baatilee 20 ol lakkoofsise karaa nagaa xumuruuf mariin jaarsummaa Gamtaa Afrikaan godhamu akka eegalu jajjabeesuufi jedhan.

Qaamoleen gama lameenii mariin waraanichatti xumura gochuuf qophii ta'uu ibsuu isaanii kan jaje ibsi waloo kun, Tigraayitti tajaajilawwan bu'uuraa adda citan deebisuun barbaachisaa ta'uufi dhimma kanas mootummaa Itoophiyaa waliin mari'achuu ibsaniiru.

Dubbi himaan TPLF Geetaachoo Raddaa dippiloomaatonni kunneen bulchaa Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa'el waliin wal arganii mari'achuu tiwiitarii irratti barreessan.

Dabratsiyoon ejjennoo gama Tigraayiin jiruu akkasumas "uggura uummata Tigraay irra kaa'ame dabalatee wantoota waraanicha mariin furuuf danqaa ta'an" jila dippiloomaatotaa kanaaf ibsaniiru jedhan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

TPLF amma dura mariin eegaluun dura tajaajilawwan bu'uuraa adda citan guutummaatti deebifamuu qabu jedhee ture.

Dabalataan naannolee waraanaan miidhaman hunda keessatti gargaarsa namoomaa danqaa malee dhaqqabsiisuufi komiishinii UN sarbama mirgoota namoomaa qoratuuf tumsa gochuun barbaachisaa ta'uu ibsi waloo ergamtoonni addaa EU fi US waliin baasan kun hubachiisee jira.

Qaamoleen gama lameenii haasaa jibbaa fi waraanatti wal kakaasuu irraa akka of qusatanis gaafataniiru.

Ergamtoonni addaa kun gara maqalee imaluun dura Kamisa darbe Finfinneetti aanga'oota mootummaa federaalaa waliin mari'atanii kan turan yoo ta'u, marii kana booda mootummaan federaalaa marii eegaluuf qophii ta'uu ibsee ture.

Mariin godhamu haal-duree tokko malee akka eegalu ejjennoo mootummaa Itoophiyaa ta'uu gorsaan dhimma nageenyaa MM fi miseensi koree marii mootummaa federaalaa Ambaasaaddar Reeduwaan Huseen himanii turan.

Amma dura mootummaan Itoophiyaa marii nagaa TPLF waliin godhamuuf koree miseensota torba qabu ministira haajaa alaa fi MM Itti aanaa Obbo Dammaqe Makonnin dursan ijaaruu himee ture.

TPLF gama isaan akkanuma koree marii kan ijaaree yoo ta'u eenyummaa namoota koree kana keessa jiranii garuu ifa hin goone.

Haata'u malee haal-dureewwan mariif hin dhiyaanne jechuun qabxiilee muraasa lafa kaa'ee qaba.

Dursaan TPLF Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el torban darbe ibsa TV Tigraay irrati kennaniin, dhimmi Lixa Tigraay humnoota Amaaraa harka jiru, mirgi riifarandamii gochuu uummata Tigraay, waraana Tigraay hiikkachiisuun akkasumas deeggarsi namoomaa danqaa malee akka dhaqqabu gochuun qabxiilee gonkuma mariif hin dhiyaannedha jedhanii turan.

Dabalataan TPLF amma dura mariin godhamu mootummaa Keeniyaatiin durfamee Naayiroobiitti akka taa'amu fedha qabaachuus himee ture.

Mootummaan Itoophiya adeemsa marichaa kan dursu Gamtaa Afriikaa ta'uu akka qabu kan hime yoo ta'u, ergamtoonni addaa EU fi US ibsa waloon baasaniin marii Gamtaa Afrikaan hogganamu akka deeggaran himan.

Dubartii Kibba Lixa Maqalee Saamreetti netiwoorkii mobaayilii argachuuf yaalaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii Kibba Lixa Maqalee Saamreetti netiwoorkii mobaayilii argachuuf yaalaa jirtu