Komishiiniin qorattoota Mirga Namoomaa UN erga hundeeffamee yeroo jalqabaatiif Itoophiyaa seene

Miseensoota komishinii qorattoota UN

Madda suuraa, FB

Gareen Komishinii qorattootaa UN kun erga Mana maree Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii (UN)n Muddee 2021 keessa hundeeffamee as yeroo gara itoophiyaa yoo imalan kun kan jalqabaati.

Jilli qorattootaa kunis Adooleessa 25 - 30, 2022’tti Itoophiyaa keessatti daawwannaa akka taasisan ibsameera.

Komishiniin qorattootaa Mana maree mirga namoomaa UNn hundeeffame kunis sarbama mirga namoomaa waraana Kaaba itoophiyaatti gaggeeffameen wal qabtee mudatan ilaalchisuun marii taasisuuf Finfinnee galuunsaa kan dhagahame.

Komishiniin garee qorattoota mirga namoomaa of keessatti hammate kunis sarbama mirga namoomaa waraanaa Tigraayiitti eegalamuun gara naannoolee ollaatti babbalatee keessatti gama lamaaniinu raawwatame qorachuuf itti gaafatamummaan mana marichaatiin kan itti kennameedha.

Haaluma kanaanis Komishinichi himannaawwan sarbama mirga namoomaa, seeroota mirga namoomaa idil-addunyaa fi baqattoota addunyaa haala ‘gadi fageenyaafi walaba’ ta’een akka qoratu ibsi UN Wiixata baasee ni mul’isa.

Oggeesootii komishinichaa sadii, lammii Keeniyaa kan taatee dura teessuun Komishinichaa Kaarii Beetii Murungii, lammii Ameerikaa Steevan Raantar fi lammii Sirii Laankaa Raasiikaa Komaaraaswaamii yoo ta’an, isaaniis sakreetariyaatii Yugaandaa Enteebeetti bu’uureeffateen deeggaramu jedheera ibsi kun.

Garee qorattootaa kunnenis turtii isaa Itoophiyaa keessatti taasisuun qaamoolee dhimmisaa ilaalatu garaa garaa waliin akka marii taasisuu kan eegamu yoo ta’u, Adooleessa 30 2022 irratti ammoo daawwannaa isaa ilaalchisuun ibsa akka baasuus himameera.

Waa’ee komishinii kanaa gama Tigraayiin maal jedhame?

Qondaaltoonni Tigraay daawwannaa komishinichi gara Itoophiyaatti taasisuu ilaalchisuun ibsa karaa waajjira quunnamtii alaatiin baaseen, komishinichi aanga’ota Tigraay waliin wal arguurratti harkifachunsaa akka isa yaaddeesse kaasuun, ‘‘mootummaa fi ummanni Tigraay adeemsa qoranichaa keessatti haalaan hirmaachuu qaba jedheera.

Naannichi qorannoo mirga namoomaa Itoophiyaa fi Mootummaa Gamtooman waliin gaggeeffame irraa shakkii qabaachu kan kaase ibsichi, ammas qorannoo gaggeeffamu mootummaa karaa ofiisaatiin barbaaduun akka gaggeefamu taasisuun amanamummaa dhabisiisuu danda’a jechuun yaaddoo qabu ibseera.

Kanaafuu Komishinichi hojiisaarratti bilisaafi walabummaa irratti gaaffiin akka irratti hin kaaneef motummaa irraa walta’insa guutuu gaafachuun garuu qondaaltoonni mootummaa jidduu akka hingallee taasisuu akka qabu eereera.

Waraana Sadaasa 2020 naannoo Tigiraay keessatti eegaluun booda gara naannoollee Affaariifi Amaaraatti babalchuun badiinsa namoomaa fi qabeenyaa olaanaa qaqabsiise irratti qaamooleen waraanicha keessatti hirmaatan hundumtuu ittigaafatamoo ta’uo, UN fi komishiniin mirga namoomaa itoophiyaa qorannoo waliin aggeessaniin akkasumas gabaasaaleen mormiitoota mirgaa garaa garaa ibsu isaanii ni yaadatama.

Hundeeffama komishinii Kanaan wal qabtee maaltu ta’e ture?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Komishiinii kuni kan hundeeffamee erga Komishinii Mirga Namoomaa UN fi Komishiinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa waliin ta’un sarbamoota mirga namoomaa fi yakkawwan waraana Kaaba Itophiyaatti raawwatamaniiru jedhaman qorataniin booda waan tureef gama motummaa Itoophiyaa irraa mormii cimaan mudatee ture.

Motummaan Itoophiyaa adeemsi hundeeffama komishinii kanaa fi itti gaafatamummaan kennameef kan ‘iftoomiina hin qabneefi kaayyoo siyaasaa kan qabuudha’ jechuun akka hin fudhanne ifatti ibsuun isa ani yaadatama.

Haata’u malee, qondaaltoonni motummaa Itoophiyaafi mootummoota Gamtoomanii olaanoon erga Siwiizarlaandi- Jeeneeviitti marii taasisaniin booda, Itoophiyaa komishinii qorannoo kana waliin akka wal taatuu waan ibsiteef, oggeessoonni kunneen marii taasisuuf gara Itoophiyaa imalan.

Waajjirri Komunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa daawwannaa garee qorattootaa kana ilaalchisuun ibsa baaseen, hojiiwwan komishinichi raawwatu kan ‘‘eggannoo buu’uraa mootummaa hubannoo keessa galche, sirna mirga namoomaa idil-addunyaa fi akka sirna seera biyyaaleesaa guutuutti ilaalamu kan qabu akkasumas ulaagaa guutuu (principle of complementarity) kan kabaje’’ ta’u akka qabaatu kaaseera.

Kana malees hojiin komishinichaa kan fedhiiwwan siyaasaa irraa walaba ta’ee fi kan qorannoo Waajjirri Komishinii Mirga Namoomaa Olaanaa UN fi Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa waliin gaggeessan irra hin deebiinee ta’uu qabaata jedheera.

Komishiniin UN kunis haaluma bu’aa qorannoo walootiin argameetiin ittigaafatamummaa hojiirra oolchuudhaaf tarkaanfiiwwan mootummaan fudhatamaa jiran haala hin jeeqneen kan socha’u yoo ta’e, yoo haala kallattiiwwan gadi fageenyaa sochii irratti waliigaluun danda’ame, komishinicha waliin walta’uuf carran deebiisee yaaduu akka jiraatu ibsa waajjiri Komunikeshini baasee Kanaan himeera.