Komishiniin Itoophiyaa humnoota nageenyaa Naannoo Somaalee ajjeechaa namoota 11'n himate

Magaalaa Jigjigaa
Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Jigjigaa

Miseensonni gosa Akishoo Naannoo Somaalee magaalaa Bombaasitti osoo sirna aadaarratti hoogganaa gosaa isaanii filachuuf mari'ataa jiranii humnoota nageenyaafi kanneen hidhataniin ajjeechaa raawwateen lubbuun namoota 11 darbuu komishiniin Itoophiyaa ibse, balaaleeffate.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa har'a baasen ajjeechaan ala namoota 33 irratti miidhaan salphaafi cimaa dhaqqabuu akka mirkaneesse ibseera.

Ajjeechaan kuni A.L.I Bitootessa bultii 11fi 12, bara 2014 raawwate jedhame. Kanaanis, humnoonni nageenyaa naannichaa sirnaa ol humna fayyadamani jechuun komishinichi komate.

Humnooti mootummaa ajjeechaan yoo himataman kuni yeroo duraa miti.

Mootummaan naannichaa maatii namoota du'anii fi kanneen qaamni isaanii miidhameef beenyaa kaffaluu kan ibse ta'us, jaarmiyaan mirga namoomaa Itoophiyaa garuu yakka raawwateef haqni argamuu qabaata jedhe.

Komishinarri Olaanaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Dr Daani'eel Baqqalaa ajjeechaan qaamolee nageenyaan raawwatame kan balaalefatamuu qabuudha jechuu komishinichi himeera.

Kanneen miidhamaniif beenyaan kaffalamuun tarkaanfii gaarii tahee otoo jiruu, garuummoo ''Haqni akka jiraatu mirkaneessuu fi fuulduraafis yakki akkanaa ummatarratti akka hin raawwanne gochuuf itti gaafatamummaan jiraachuu qaba,'' jedhan.

Komishinichi wanta guyyoota lamaan keessa mudate qamaan dhaqee qorachuufi jaarsolii biyyaa, ragaa baatota, midhamtoota, maatii midhamtootaa akkasumas maddeen hospitaalaafi qondaalota naannichaa eeyyamamoo ta'an dubbisuu hime.

Bakka owwaalchaa jumlaa kanneen guyyaa jalqabaa ajjeefaman itti owwaalaman akkasumas bakka dubartiin guyyaa lammataa ajjeefamtee owwaalamte jedhame arguu hime.

Ka'umsa waldhabdee

Ka'umsi waldhibdee Godina Faafan Aanaa Gursuum, magaalaa Bombaas keessa kan jiraatan miseensonni gosa Akishoo hooggana isaanii filachuuf sochii taasisaniin walqabata.

Akkuma gosoonni kaan Naannoo Somaalee keessa jiran taasisan gosoonni Akishoos nama isaan hoogganu filachuuf bulchiinsa aanaa beeksisuu isaanii himu.

Kana dura Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Bahaa Aanaa Gursuum kan turan gosoonni kuni waliigaltee naannolee lamaan bara 2011'tti ture bulchiinsa Naannoo Somaalee jala kan galan.

Waggaa darbe hoogganaa gosaa isaanii filachuuf barbaadanii waan dhorkameef wladhibdeen dhalatee namoonni miidhamanii turan. Kanaafis jecha hoogganaa gosa Warra Humee jala turani.

Yeroo ammaa gosa Warra Humee jalaa bahuun hoogganaa gosaa isaanii filachuu akka barbaadan komishinichi jaarsolii yeroo dubbise hubachuu hime.

Taatullee bulchiinsi Aanaa Gursuum gosi Akishoo sirna Warra Humee jala kan bulu akka ta'eefi hooggana haaraa filachuu akka hin dandeenye dhorkuutu himame.

Kanaanis dhimma isaanii Godina Faafan akkasumas biiroo bulchiinsaafi nageenya naannichaa bira dhaqanii gaafachuu himu.

Hoogganaan biiroo kanaa filachuu akka danda'an akka itti himame jaarsoliin kuni dubbatu.

Osoo kuni jiruu sagantaa nama gosa isaanii hoogganu filuu itti fufuu isaaniifi kanaaniis walitit bu'iinsi mudachuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibseera.

Guyyaa filannoo maaltu mudate?

ALI gaafa Bitootessa 11, 2014 magaalaa Boombaas ganda 02 keessatti guyyaa filannoon gaggeffame, namoonni 4,000 sa'aatii tokko irratti ba'uun dursaa gosa Akiishoo filachaa turan jedhame.

Qophiin eegalamee sa'atii lamarratti humni addaa naannoo Somaalee namoonni walga'ii diiganii akka bittinnaa'an wayita ajajan walitti bu'iinsi eegale.

Walitti bu'iinsi kun hammaatee wayita hookkarri uumamu humnoonni addaa dhukaasa eegalan, namoonni saddeet addaa fi garaarra rasaasaan rukutamanii bakka filannoof walga'anitti du'an jedhe Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa.

Jaarmiyaan kun gabaasa kana kan baase maatii fi namoota ijaan argan dubbisee akka ta'e ibseera.

Ibsa waa'ee viidiyoo, ‘Jaarmiyaan keenya dhiibbaa mootummaarraa guutummaatti bilisadha’ - Dr Daani’el Baqqalaa

Namoonni miidhaan irra ga'es akka wal'aansa hin arganne hidhattoonni kunneen dhorkaa turuu jaarmiyaan kun hima.

Kanneen miidhaan irra ga'e garaasaanii, harkasaanii fi miilarra rasaasaan rukutamuu kan ibse jaarmiyaan kun, namoota lafeen isaanii caccabellee ofiif akka arge ibse.

Kanneen haala kanaan miidhaman dubartoota, daa'imman fi jaarroleefaadha jedheera.

Gaafa Bitootessa 12, guyyaa awwaalchi warra ajjeefamanii raawwatus, hidhattoonni guyyaa filannoon dureewwan gosaa gaggeeffamu haleellaa raawwachaa turan, deebi'anii ammas ummata haleelaniiru jedheera jaarmiyaan mirga namoomaa kun.

Haleellaa kanaanis namoota soorata qopheessaa turan keessaa dubartiin umriin jaaran tokko ajjeefamuu, dubartiin ulfaa tokko ammoo rasaasaa rukutamtee miidhamuu eereera jaarmiyaan kun.

Dabalataan miseensonni gosa Akiishoo 11 gosa keessaa namoota hidhataniin uleedhaan reebamanii miidhaan akka irra ga'e jaarmiyaan kun gabaaseera.

Jaarmiyaan mirga namoomaa kun pireezidantii fi poolisii naannichaa argatee kan dubbise yoo ta'u, humna addaa fi biiroo nageenyaa naannichaa akkasumas Aanaa Gursum irraa qaama dhimmi ilaallatu argachuuf yaalus hin milkoofne.