Shaakala waraanaa Chaayinaa hordofee muddamniifi balaaleffannaan itti fufe

Madda suuraa, Reuters
Chaayinaan shaakala waraana guddaa taasistu guyyaa lammaffaaf itti fufuu hordofee balaaleeffannaa fi muddamni naannichatti cimaa jira.
Xayyaaronni fi dooniwwan waraanaa Chaayinaa hedduun daangaa bishaan Taayiwanii fi Chaayinaa gargar baasu keessa seenuu ministeerri Ittisaa Taayiwaan ibsee jira.
Dooniwwan waraanaa 10 fi xayyaaroni waraanaa 20 ta'an daangaa bishaan Taayiwaanii fi Chaayinaa gargar baasu (Taiwan Strait) seenuu isaanii ministeerichi beeksiseera.

Madda suuraa, Reuters
'Gochaa Chaayinaatiif sababiin hin jiru'- Biliinkan
Shaakalli waraanaa chaayinaan Taayiwaan irratti taasisaa jirtu kan ''gita hin qabnee fi dubbii barbaacha sababii hin qabneedha'' jedhan Ministirri Dhimma Alaa Ameerika Antoonii Biliinkan.
Chaayinaan daawwannaa aangooftuu Ameerikaa Naansii Peeloosii Taayiwaaniitti taasifteef deebii kennuuf jecha odolittii irratti shaakala waaraanaa eegalte. ''Gochaa raawwataa jiraniif sababiin kaa'amu danda'amu kamu hin jiru'' jechan Biliinkan haasaa fooramii biyyoota eeshiyaa irraatti taasisaniin.
Kamiisa kaleessaa Chaayinaan misaa'eloota 11 gara bishaan daangaa Taayiwaanitti dhukaastee turte.
Sochii Chaayinaa kana hordofuun humni waraana Taayiwaan misaa'elotaa, xayyaarota waraanaa fi dooniwwan waraanaa qopheessuu beeksise.
Humni Ittisaa Taayiwan akka jedhutti, dandeettii ofirraa ittisuu agarsiisuu cimsee akka itti fufu ibsuun garuu ammoo waraanatti seenuf fedhii akka hin qabne ibseera.
'Chaayinaan hatattamaaan shaakala waraanaa dhaabu qabdi' - Jaappaan
Ministeerri Muummee Muummee Jaappan Fuumiyoo Kishiida, "Chaayinaan hatattamaan shaakala waraanaa akka dhaabdu Jaappaan ni barbaaddi," jedhan.
Fuumiyoo Kishiidan har'a Naansii Peloosii wajjin erga wal arganii booda ibsa gaazexeessitootaf kennaniin, "shaakalli waraanaa Chaayinaan taasisaa jirtu nageenya keenyaf rakkoo guddaa kan uumu fi nagummaa lammiilee keenyaa yaaddoo keessa kan galchuudha" jedhan.
Itti dabaluunis, "Chaayinaan shaakala kana akka haqxuuf waamicha goonerra jedhee Peloositti himeera" jedhan.
Ministeerri Ittisaa Jaappan kalessa akka jedhetti misaa'elonni Chaayinaa shan daangaa Chaayinaa fi Jaappan irratti wal falman "exclusive economic" jedhamu keessati kufan.
Iddoon kun daangaa bishaanii Chaayina fi Jaappan yeroo dheeraf kan kooti jedhanii irratti wal garreefataniidha.
"Taayiwaan akka kophaatti haftu hin feenu"
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Af-ya'in mana maree Ameerikaa Naansii Peloosin, "Chaayinaan angawoonni US Taayiwaan akka hin daawwanne dhorkuudhan Taayiwaan akka qophaatti hambistu hin barbaannu" jedhan.
Naansii Peloosi daawwannaa Taayiwanitti taasisaniin Chaayinaan akka malee dheekamtee shaakala waraanaa akka eegaltuuf sababa ta'era.
Angawaan US kun garuu, "Sagantaa daawwannaa kan nuuf qopheessu Chaayinaa miti" jedhan.
Pelosiin kana kan jedhan Embasii Ameerikaa Tookiyootti argamu keessayi. Daawwannaa biyyoota Eshiyaatti taasisan kanaan dhuma irratti Jaappaan daawwataa jiru.
Ameerikaan dippiloomaasii "Chaayina tokko" jedhu akka deeggartu irra deddeebin ibsitus Taayiwaan wajjin michuummaa cimaa qabu.
Kuni ammoo Chaayinaa hin gammachiisu. Nansii Pelosiin Taayiwaan daawwachuufi oduun jedhamu erga dhagahamee kaasee Chaayinaan akeekkachisaa turte.
Akeekkachiisni kun garuu Pelosii daawwannaa Taayiwaan irraa hin dhorkine. Kana hordofuun, Chaayinaan shaakala waraanaa guddaa daangaa Taayiwaanitti eegalte.
Chaayinaan, Taayiwaan akka bulchiinsa isheetti ilaalti. Taayiwaan garuu of-dandeessee jiraachuu barbaaddi.












