Pirofeesar Gabbisaa badhaasa Yunivarsiitii Parduu guddicha badhaafamuuf

Sanyiin bisingaa Pirof. Gabbisaan argatan kan hongeefi dhibee dandamatu qofa osoo hin taane oomisha haalaan guddisudha

Madda suuraa, PURDUE UNIVERSITY

Ibsa waa'ee suuraa, Sanyiin bisingaa Pirof. Gabbisaan argatan kan hongeefi dhibee dandamatu qofa osoo hin taane oomisha haalaan guddisudha

Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaa qorannoofi Afrikaa keessa beelli akka badu cichoomina guddaa taasisaniif badhaasa Yunivarsiiti Parduu guddicha badhaafamuufi.

Badhaasni yunivarsitii isaanii keessatti barataniifi waggoota dheeraaf tajaajilaniin kennamu kuni ‘Order of the Griffin’ jedhama.

Yunivarsiitiin Parduu [Purdue] akka beeksisetti badhaasni kuni torban dhufu gaafa Wiixataa kennama.

Pirof. Gabbisaan jalqaba waggaa kanaa badhaasa olaanaa saayintistootaaf US keessatti kennamu - Medaaliyaa Biyyaalessaa Saayinsii [National Medal of Science] badhaafamaniiru.

Badhaasni amma fudhachuuf jedhan tajaajila guddaa namoonni Yunivarsiitii Parduuf darbees addunyaa fayyadeef akka beekkamtiitti kennamudha.

Pirof. Gabbisaan hojii cimaafi maqaa guddaa qabu yunivarsiitii qofa osoo hin taane sadarkaa addunyaatti guddatee mul’atu dalagan jedhan, pirezidantiin yunivarsiitichaa Mung Chiyaang.

‘’Calaqqee mallattoo badhaasa ‘Order of the Griffin’ waan ta’anif, badhaasa yunivarsiitii keenya guddicha badhaasuuf jechuukoon gammachuu guddaatu natti dhagahama,’’ jechuunis ibsan.

Sagantaa badhaasa kennamuurratti waa’ee qorannoo isaanii fi beela Afrikaarraa balleessuuf sochii taasisan hirmaattotaaf ni dhihaata.

Hayyuun kuni yeroo ammaa Parduutti damee horsiisa biqiltuu, jenetiksiifi qonna idil-addunyaan Pirofeesara Kabajamaa [Distinguished Professor] ta’un tajaajilaa jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Badhaasa kana kana dura barataan duraanii yunivarsiitichaa kan yeroo ammaa Pirezidantii Baankii Misooma Afrikaa ta’anii tajaajilaa jiran, Akinwumi Adesina, dabalatee fudhataniiru.

Pirofeesar Gabbisaan qorataa sanyii biqiltuu sadarkaa addunyaattu maqaa guddaa horatanidha.

Haa ta'u malee, qorannoo isaanii kana Itoophiyaa keessa babal'isuuf rakkoon nageenyaa akka isaan danqe kana dura BBC'tti himaniiru.

Saayintistiin qonnaa beekamaa kuni bisingaa hongeefi dhibee dandamatu waan argataniif beekamtiin guddaa argataa turaniiru.

Sanyii bisingaa diqaalome hongeefi waagii hamaa dandamatu qorannoon waan argataniif Bara 2009 Badhaasa Nyaataa Addunyaa [World Food Prize] badhaafamaniiru.

Badhaasi kuni soorataafi qonnaaf akka Badhaasa Nobeeliitti ilaalama.

Yeroos osoo hin turiin gara Itoophiyaa dhufuun Pirezidantii Itoophiyaa yeroosii Girmaa W/Giyoorgiis harkaa ‘Badhaasa Goota Biyyaalessaa Itoophiyaa’ badhaafamaniiru.

Gumaachi badhaasa addunyaa akka argatan ka’umsa ta’e kuni oomisha qonnaan bultoota Afrikaa miiliyoona dhibbaan lakkaa’aman guddiseera.

Guddina dinagdee darbees jijjiirama jiruufi jireenya hawaasichaafis gumaacha taasiseera.

Pirofeesar badhaasaan ala ittigaafatama garagaraa fudhachuun dalagaa turaniiru. Kana dura gorsaa Pirezidantii duraanii US Baaraak Obaamaas turan.

Fakkeenyaaf bara bulchiinsa Pirezidant Obaamaa gorsaa addaa hoogganaa USAID akkasumas ergamaa addaa saayinsii [science envoy] Ministeera Dhimma Alaa US ta’un tajaajilaniiru.

Lammiileen Afrikaa miiliyoona hedduun lakkaa'aman bisingaa qotanii jiraatu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Afrikaa miiliyoona hedduun lakkaa'aman bisingaa qotanii jiraatu

Akkasumas yeroo ammaa miseensa Boordii Akkaadaamii Saayinsii Biyyaalessaa US addatti damee Qonnaafi Qabeenya Uumamaa ta’un tajaajilaa akka jiran ragaan yunivarsitii isaanii agarsiisa.

Dhaabbata Misooma Soorataafi Qonnaa Idil-Addunyaa [IFAD]’tti miseensa boordii US ta’uunis tajaajilaa jiru.

Akkasumas bara Baankii Muun Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii [UN] turan Miseensa Boordii Gorsaa Saayinsii duree UN ta’un tajaajilaniiru.

Kanaan ala dhaabbilee US, UN, idil-addunyaafi Afrikaa garagaraa keessatti miseensa koree akkasumas miseensa boordii ta’un tajaajilaniiru yookiin tajaajilaa jiru.

Pirof. Gabbisaan eenyu?

Bara 1950 [ALI jalqaba bara 1940] qe’ee baadiyyaa Holonkomii jedhamutti dhalatanii guddatan. Bakki kun Finfinneerraa gara Lixaatti 100km gadi fagaattee argamti.

Harmee isaanii Aadde Mootuu Ayyaanoof ilma tokkicha kan ta’an Pirofeesar Gabbisaan ijoollummaatti beela akka isaan qunnamee beeku kana dura BBC dubbataniiru.

‘’Lixa giddugaleessa Itoophiyaatiin dhufe. Maatii hiyyeessaa keessattin guddadhe,’’ jechuun dubbatan.

Harmeen isaanii ofii barachuu baataniis ilmi isaanii mana barumsaa dhiheenya isaanii jiru, kan 20km fagaate argamu, akka baratu erganiiru.

Jireenya isaanii keessatti namootni kallattii jireenya isaanii jijjiiran hedduu jiraatanis ijoon harmee isaanii akka ta’an Pirof. Gabbisaan kana dura dubbataniiru.

Qe’ee isaan dhalatanitti hanga midhaan gahutti namoonni nyaata gahaa dhabuun ni rakkatu ture. Ta’us, barumsa erga eegalanii rakkoon itti cimuu ibsan.

‘’Barumsaaf yeroo qe’eedhaa fagaadhee deeme yeroo hundaa nan beela’a [ture]. Guyyootiin ciree nyaadhee xiqqoodha,’’ jechuun BBC’tti dubbatan.

‘’Yeroon guddadhu irra deddeebiin beela’eera,’’ jechuun himu. Kunis qo’annoon isaan dalagan ummata fayyaduun isaa hojii isaanii guyyuuf kaka’umsa guddaa akka ta’uu ibsan.

‘’Kunis bakkan dhufe yaadachuuni,’’ jedhan.