Walitti bu'iinsi Itoophiyaa akkan qorannoo kootiin uummata hin fayyadne na danqeera-Pf . Gabbisaa Ejjetaa

Madda suuraa, Getty Images
Dhiheenya badhaasa sadarkaa olaanaa Ameerikaarraa kan argatan Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaa sababa walitti bu'iinsaa naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Tigraay keessatti hojjechuu akka hin dandeenye himan.
Mishingaa sanyii fooyya'aa fi hongee fi haramaa balaafamaa dandamachuu danda'u akkasumas qabiyyee soorataa gabbataa qabu argachuun argachuun addunyaaf kan gumaachan Pireofeesar Gabbisaa Ejjetaa, kanaanis badhaasa hedduu argataniiru.
Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaa badhaasa olaanaa saayintistootaaf US keessatti kennamu - Medaaliyaa Biyyaalessaa Saayinsii [National Medal of Science] tibbana argatanii fi dhimmoota hojiisaaniin walqabatan kaan irratti bakka amma jiran Yuniversitii Parduu irraa BBCtti dubbatan.
Gaaffii fi deebii Pirofeesar gabbisaan BBC sagantaa Focus on Africa waliin taasisan akkanaan qixeessineerra. Dhihaadhaa!
BBC: Yeroo dhihoo as rakkoon jijjiirama qilleensaa akkaan hammaataa jira. Hongee, rooba hamaa fi lolaa balaafamaan hedduummaateera. Kanarratti dabalataan biyyoota Afrikaa hedduu keessatti waraanni fi walitti bu’iinsi jiruu lammiileef yaaddoo ta’aniiru. Haalota kana keessatti yaaddoon oomisha midhaanii fi wabii nyaataa akkamiin ilaalama?
Pirofeesar Gabbisaa: Hunda keessaa kan akka walitti bu‘iinsaa badii qaqqabsiise hin jiru. Hojii jireenya lammiilee jijjiiruuf hojjetamuu fi guddina teeknooloojiitti kan gufuu ta’u isa kana. Fakkeenyaaf Itoophiyaa keessatti akka feenetti sochoonee bakka mishingaan itti oomishamu geenyee hojjehcuu waan hin dandeenyeef raawwiin jiru akkaan gadi bu’eera.
Imalli keenya akkaan harkifate. Kan keenya qofa osoo hin taane sagantaawwan qorannoo kaanis sababa kanaan gufataniiru. Kan diinagdeetti gufuu ta’ee fi jireenya lammiilee gadadoof saaxilaa jiru walitti bu’iinsa. Ana ammatti kanatu sammuu koo keessa jira.
BBC: Osoo waraanni fi walitti bu’iinsi oomishaaf qormaata ta’e kun Itoophiyaa keessa hin jiru ta’ee silaa yoona maalfaa hojjettu? Oomishi naannolee 11 irraa dhufuhoo hagam ta’uu mala?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirofeesar Gabbisaa: Sanyii mishingaa diqaalome kan oomisha guddaa kennuu fi haramaa balaafamaa dandamatu kan Itoophiyaa keessatti shaakalle hedduu qabna. Silaa osoo waraanni Itoophiyaa keessa hin jiraannee qaamaan achi deemnee sektaroota dhuunfaa waliinis hojjennee sanyii kana baayyisnee facaafna turre. Kanaan dura shakkallee bu’a qabeessummaasaa argineerra. Hojiin sun garuu sababa waraana naannolee nuti keessatti hojjetaa turre (Oromiyaa, Amaaraa fi Tigraay) achumatti dhaabbate. Waggoota shanan darban iddoowwan kunneen seennee ba’uu waan hin dandeenyeef dhiisneerra.
BBC: Wabii nyaataa biyyoota Afrikaa mirkaneessuu keessatti mishingaan faayyidaa akkamii yookiin hagamii qaba?
Pirofeesar Gabbisaa: Mishingaan ardichaaf midhaan nyaataa isa murteessaadha. Addunyaarratti haala qilleensaa dandamachuun kan akka midhaan mishingaa hin jiru. Biyyoota Afrikaa hedduuf mishingaa bu’uura jireenyaati. Midhaan kun daabboo, marqaa, dhugaatii naannoo fi kaan irraa hojjechuun miiliyoononni Afrikaa keessatti ni fayyadamu. Keessattuu biyyoota Gaanfa Afrikaa fi Lixa Afrikaa keessatti soorata lafee dugdaa jireenya lammiilee miiliyoonotaa ta'edha.
BBC: Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaa dhimma mishingaa irratti waa hedduu dalagan. Yaaddoo midhaan kun jala jiru irratti xiyyeeffachuun hojjetan. Yaaddoon isin hordofaa turtan maali? Yaaddoon maaliif uumame?
Pirofeesar Gabbisaa: Yaaddoo midhaan mishingaa keessa jiru ergan qorachuu eegalee waggoota kurna afur ta’eera. Mishingaa hongee dandamatu, haramaa balaafamaa ofirraa qolatu, sona qabiyyee soorataa olaanaa qabuu fi dhukkuba ilbiisotaa kan dandamatu argachuun baayyee murteessaadha. Haalonni kunneen midhaan uummata miiliyoona hedduun sooratamu miidhaa turan waan ta’eef. Biyyoota Afrikaa guutuu fi Kibba Baha Eeshiyaa keessatti haala qilleensaa hunda keessatti kun midhaan mishingaaf yaaddoodha.
BBC: Pirofeesar Gabbisaan gosa mishingaa sanyii fooyya’aa addunyaaf gumaachuun badhaasa sadarkaa olaanaa argataniiru. Biqiltuu sanyii fooyya’aa argachuu qofa osoo hin taane yaaddoowwan midhaan kun qabus addunyaaf ibsuun akka irratti hojjetamu akeekaniiru. Garuu hojiinsaanii kun hagam qabatamaan mul’ateera? Sababa kanaan oomishi qonnaan bulaa dabaleeraa?
Pirofeesar Gabbisaa: Mishingaa diqaalomee fi sanyii fooyya’aa ta’e wayitan argadhu reefun digirii koo jalqabaa xumura. Waggaa shaniif Jaarmiyaa Misoomaa UN (UNDP) keessa hojjedheen sanyii mishingaa fooyya’aa (diqaalome) yeroo jalqabaaf Sudaanitti dhiheesse.
Sanyii fooyya’aa dhiheessuu qofa osoo hin taane haala midhaan kun keessatti oomishamuu danda’us uumeera. Sanyii biqilaa fooyya’aa achuma namoota naannoof qoodee akkasaan oomishan hojjedheera.
Achirraa eegalee waggoota kudhaniif walitti aansuun hektaara miiliyoonaan lakkaa’amurratti sanyiin mishingaa kun oomishameera. Xumura bara 1980oota keessaa fi jalqaba bara 1990ootaa keessa sanyiin biqilaa mishingaa kun Sudaan keessatti bal’inaan oomishameera.
Isa booda gara US imaluun hojii qorannoo saayinsii bu’uuraa fi sanyii biqiloota haramaa balaafamaa dandamatanii fi hongee danda’anii hojjehcuun itti fufe. Waan laaboraatoorii keessatti hojjenne bakkeetti baasuun hubannoo uumuun itti fufe. Mishingaa diqaalome kan amma waa’eesaa dubbataa jirru sanyiisaa babal’isuurratti hojjetaan ba’e.
Biyyoota Baha, Lixaa fi Kibba Afrikaa hedduu keessatti fakkeenyaaf iddoowwan bebbeekamoo 34tti mishingaa diqaalome kanarratti waggootaaf yaaliin taasifameera. Dandamannaa fi oomishtummaan midhaan diqaalome kanaa haala ajaayiba ta’een milkaa’e. Amma biyyoota kunneen waliin akkaataa biqilaa sanyii kanaa baayyisuun oomishasaa guddisuun danda’amurratti hojiiechuuf sirna diriirsuuf yaalaa jirra.
Kun yoo baayyate biyyoota Afrikaaf abdii guddaadha. Kan nuti Itoophiyaa keessatti hojiirra oolchine bu’aa ajaa’ibsiisaa argamsiiseera. Oomishi sanyii diqaalomerraa argame sanyii isa kaan dhibbeentaa 40n caale.
BBC: Qorannoowwan itti fufiinsaan gaggeffamanii fi teeknooloojii haaraaf xiyyeffannoon investimantii hagam taasifamaa jira?
Pirofeesar Gabbisaa: Baayyeedha. Dhugaadha invsetimantiin Afrikaa harkifataa ture. Garuu waggoota kurna darban akkaan fooyya’eera. Kanaaf ammoo Faawundeeshinii Geetis, jaarmiyaan USAID fi mootummoonni Awurooppaa galata qabu.
Biyya keessatti hojiiwwan investimantii hedduun hojjetamaaru. Mootummoonni biyyoota Afrikaa saayinsii fi teeknooloojiirratti investi gochaa jiru. Carraan jira, hojii abdachiisaanis jira. Yoo nageenyi fi tasgabbiin mirkanaa’e Afrikaan damee qonnaan baayyee deemuu dandeessi. Qonnaan bultoonni sodaa malee akka hojjetan osoo haala mijeessinee jireenyisaanii fooyya’uu danda’a.
BBC: Sanyiiwwan midhaanii diqaaloman Afrikaa keessatti wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti ga’ee ba’aa jira jettanii yaadduu?
Pirofeesar Gabbisaa: Eyyeen akkasittan yaada, garuu hojiin addatti rakkoo Afrikaa keessa jiru furuurratti xiyyeeffate hojjetamuu qaba. Saayinsii fi teeknooloojiin amma jiru ajaayiba. Garuu akkaataa rakkoo Afrikaa furuun danda’amuun bocamanii kan jedhu gaaffiidha.
Saayinsii akka an itti jiruu kanatu Afrikaa fayyada. Sanyii haramaa hamaa fi hongee dandamatu dhiheesuutu rakkoo Afrikaa amma jiruuf furmaata ta’a.
Teeknooloojiiwwan duraan turan biyyoota guddatan ilaalcha keessa galchuuni. Isaan fayyadeeras. Amma investimantii rakkoo biyyoota guddataa jiranii furu irratti xiyyeeffachuu qabna. Haala Kanaan oomishi argamus rakkoo Afrikaa ani fura jedheen abdadha.
BBC: Biyyoonni Afrikaa humna namaa damee qonnaa ammayyeessee sadarkaa fooyya’aatti ceesisu baayyinaa fi qulqullinaan barsiisaa jiru jettanii yaadduu? Gama humna namaa biyyoota Afrikaan maal taajjabdan?
Pirofeesar Gabbisaa: Koleejonni fi yuniversitoonni kumaa kitila. Waggoota 10-15 darban kanatu mul’ata. Carraan barnootaa akka ajaayibaatti babal’ateera. Hiyyeeyyiinillee carraa barachuu argataniiru. Garuu qulqullinni barnootaa gadi aanaadha.
Kanaaf furmaati jiru nuti yuuniversitiiwwan Afrikaa keessa jiran, kanneen Awurooppaa fi Kaaba Ameerikaa keessa jiran walitti hidhuun barattoonni barnoota qulqullina qabu argachuun dorgomoo akka ta’an gochuudha.
Dargaggoonni keenya gara duraatti ba’aa jiran baayyina qabu. Yoo qixa sirriin leenjisne carraa argachuu danda’u. Damee qonnaas ta’e kaan keessatti bu’aa busuu danda’u. Kun ammoo carraaqqii keenya qofaan osoo hin taane biyyoonnis ga’ee mataasaanii ba’uu qabu.
Kaayyoon yuniversitii barattoota baayyee barsiisuu qofa miti, dhimmi ijoon barnoota qulqullina qabu kennuudha. Barattoonni barnoota qulqullina qabu kan dorgomaa isaan taasisuun ga’oomuu qabu. Yoos ofis tajaajilanii hawaasa isaaniis fayyadu. Barnoota hojiirratti xiyeefatedha kan barbaadamu. Barnoota damee dhuunfaa, mootummaa fi jaarmiyaa kaan biratti barbaadamu. Barataa ga’umsa qabu kan biyyasaafis addunyaarrattis jijjiirama uumutu barbaadama.
BBC: Afrikaan dachee qonnaaf mijattuu biyyee gabbataan badhaate kan addunyaan hawwitu taatee garuu midhaan soorataa biyyoota alaarraa bittaanis ta’e bifa gargaarsaan galchuun beekamti. Kanarratti hundaa’uun mootummoota biyyoota Afrikaaf maal dhaamtu?
Pirofeesar Gabbisaa: Kun gaaffii yeroo dheeraati. Afrikaan of sooruu dandeessii? Addunyaarratti dacheen qonnaaf mijataan dhibbeentaa 60 ta’u Afrikaa keessatti argama. Lakkoofsi dargaggootaa Afrikaa keessatti hedduudha. Osoo hojii qonnaa keessatti hirmaachisanii fooyya’iinsa guddaatu dhufa.
Teeknooloojii fi saayinsii keessattis yuniversitoonni Afrikaa dargaggoota ga’oomsuu qabu. Sababni isaa rakkoo Afrikaa kan beeku isaani, furmaata Afrikaaf ta’us isaantu fida.
Investimantii kallattiin alaa dhufuu fi kan biyya keessaas jajjabeeffamuu qabu. Dacheen qonnaa mijataa kun dargaggootaaf banaa ta’uu qabu. Carraan jiru bal’aadha, garuu carraa sana dargaggootaaf kennuun baayyee murteessaadha.

Madda suuraa, Gettyimages
Pirof Gabbisaa: barnoota, badhaasa, seenaa
Bara 1950 qe'ee baadiyyaa Finfinneerraa gara Lixaatti kiilomeetira 100 fagaattee argamtu Holonkomiitti dhalatanii guddatan.
Pirefeesar Gabbisaa Ejjetaa harmeesaaniif ilma tokkicha, osoo hin baratan mi'aa barnootaa hubatanii isaan barsiisan, kanaaf iddoo guddaa qabuuf.
Jiruusaanii har'aaf fakkeenyi harmeesaanii ta'uus waltajjii adda addaarratti dubbatu.
Ijjoollumaatti beela, roobaa fi aduun waxalamaa baratan, kanuma keessa garuu barnootaan akkaan cimoo turan.
Rakkoon beelaa fi kaan ijoollummaatti dhandhaman har'a hojii qonnaaf akka gumaachan isaan dirqamsiisuu hafaa laata? Isaanuu dhugaa bahaniiru.
Barnoota digiriif wayita Koleejii Hara maayaa (kan amma Yuniversitii Hara Maayaa ta'e) wayita turanitti Pirofeesara Yuniversitii Parduu Itoophiyaa keessatti waa'ee mishingaa qorachuuf dhufan waliin walitti dhufan.
Akka isaan gargaaran ramadamuun isaanii kallattii jireenya isaanii jijjiire.
Digirii jalqabaa lammataaf gara Ameerikaa imalanii Yuniversitii Parduu kanatti akka baratan haala mijeesseef pirofeesarri kun.
Eegasii qorannoon keessumaa Sudaanitti bisingaarra taasisan sadarkaa Afrikaatti jijjiirama guddaa fide.
Pirofeesar Gabbisaan bara 1984 eegalee miseensa Yunivarsitii Parduu, bulchiinsa Indiyaanaa keessa argamuuti.
Barumsa isaanii Digirii Lammataafi PhD biqiltuu diqaalomsuufi jenetiksiidhaan Yunivarsitii Parduutti baratan.
Pirofeesar Gabbisaan waggootaaf midhaan bisingaa keessumaa ummati miiliyoona hedduu Afrikaa keessa sooratu qoratani.
Sanyii mishingaa diqaalome hongeefi haramaa hamaa dandamatu qorannoon waan argataniif Bara 2009 Badhaasa Nyaataa Addunyaa [World Food Prize] badhaafamaniiru.
Yeroos osoo hin turiin gara Itoophiyaa dhufuun Pirezidantii Itoophiyaa yeroosii Girmaa W/Giyoorgiis harkaa ‘Badhaasa Goota Biyyaalessaa Itoophiyaa’ badhaafamaniiru.
Bara kana Onkoloolessa keessa ammoo badhaasa olaanaa saayintistootaaf US keessatti kennamu - Medaaliyaa Biyyaalessaa Saayinsii [National Medal of Science] jedhamu Pirezidant Joo Baayidan harkaa fudhataniiru.
Qorannoo isaanii kanaanis, lammiileen Afrikaa miiliyoonaan lakkaa’aman waan nyaatanii bulan akka argatan darbees oomishi isaanii dacha hedduun akka guddatu gargaareera.
Yeroo ammaa Parduutti damee horsiisa biqiltuu, jenetiksiifi qonna idil-addunyaan Pirofeesara Kabajamaa [Distinguished Professor] ta’un tajaajilaa jiru.
Dabalataan, Daarektara Olaanaa Giddugala Wabii Midhaan Nyaataa Addunyaa Yunivarsitii Pardiyuu ta’un hojjetaa jiru.
Yeroo adda addatti Itoophiyaa kan dhufan yoo ta’u, Waxabajjii waggaa darbe Ministira Qonnaa Itoophiyaa Dr Girmaa Amantee waliin marii gaggeessuun isaanii ni yaadatama.












