Badhaasa olaanaa US'tti kennamu kan fudhatan Pirof. Gabbisaan eenyu?

Pirof. Gabbisaa Ejjetaan badhaasa guddaa kana Pirezidantii US Joo Baayidaan harkaa fudhatan

Madda suuraa, White House

Ibsa waa'ee suuraa, Pirof. Gabbisaa Ejjetaan badhaasa guddaa kana Pirezidantii US Joo Baayidaan harkaa fudhatan
    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaa badhaasa olaanaa saayintistootaaf US keessatti kennamu - Medaaliyaa Biyyaalessaa Saayinsii [National Medal of Science] badhaafaman.

Walumaagala damee saayinsii, tekinoloojiifi kalaqaan lammiileen Ameerikaa 21 gumaacha olaanaa taasisan guyyaa Kibxataa Pirez. Joo Baayidan harkaa badhaasa fudhataniiru.

Kanneen keessaa tokko kan ta‘an saayintistiin qonnaa beekamaa kuni bisingaa hongeefi dhibee dandamatu waan argataniif beekamtiin guddaa kuni akka kennameef ibsameera.

Pirofeesar Gabbisaa dhalootni isaanii Itoophiyaa yoo ta’u badhaasa Ameerikaatti kabajaa olaanaa qabu kana argachuun alattis kana dura badhaasota gurguddaa biroo argataniiru.

Gorsaan duraanii Pirezidant Baaraak Obaamaa kun badhaasa argataniif yunivarsitiin isaanii, Yunivarsitii Parduu [Purdue] ergaa baga gammaddan dabarseera.

Pirezidantiin Yunivarsiitichaa Mung Chiyaang Pirof. Gabbisaatiin ‘’modeela cichoominaa’’ jechuun ibsan.

Imbasiin Itoophiyaa Ameerikaa jiruus ergaa baga gammaddanii dabarse.

Pirezidantiin US Joo Baayidan qorattoonni kunneen ija keenyaatii eegalee hanga hawaa guutuutti hubannoo keenya bal’isaniiru jechuun jajan, galateeffatanis.

Waajjirri isaanii badhaasni kuni ‘’gumaacha dorgomaa hinqabne beekumsa, saayinsiifi fooyya’iinsa diinagdee, naannoofi hawaasummaa biyya keenyaaf taasisaniif,’’ kenname jedhe.

Badhaasa olaanaa US

Badhaasni ‘Medaaliyaa Saayinsii Biyyaalessaa’ kuni badhaasa olaanaa Ameerikaa keessatti gumaacha guddaa saayinsii keessatti nama taasiseef kennamudha.

‘’Gumaacha olaanaa saayinsii qorannoo sanyii biqilootaaf [plant genetics] taasisaniif,’’ Pirof. Gabbisaaf kennamuu sagantaa Waayit Haawusitti taasifamerra ibsameera.

‘’Bisingaa hongeefi waagii dandamatu qoratanii argachuun ummata miiliyoonaan lakkaa’amuuf wabii midhaan nyaataa fooyyessan.’’

Saayinsiin akka babal’atu, imaammatiifi jaarmiyaaleen cimuun guddina diinagdeef ijoo ta’u dalaguun isaanii ibsameera.

Kunis, ‘’jiruufi qabeenya qonnaan bultootaa fooyyessuu,’’ sagantaa badhaasaarratti himame.

Pirof. Gabbisaan yeroo isaanii dheeraa bisingaa qorachutti dabarsan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirof. Gabbisaan yeroo isaanii dheeraa bisingaa qorachutti dabarsan

Badhaasni kuni bara 1959 Kongirasii US’n kan hundaa’eefii Faawundeeshinii Saayinsii Biyyaalessaa US’n hoogganamudha.

Badhaasichi namoota beekkamtiin addaa maluufi gumaachi isaanii gama saayinsii garagaraan olaanaa ta’ef pirezidantii biyyattiin kan kennamudha.

Bu’aan dhamaatii qorattoota kanaa Ameerikaan damee saayinsiin olaantummaa akka cimsituufi kaaniif fakkeenya akka ta’an akka gargaaru Waayit Haawus ibseera.

Kana dura maal badhaafaman?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirof Gabbisaan badhaasaaf haaraa miti.

Sanyii bisingaa diqaalome hongeefi waagii hamaa dandamatu qorannoon waan argataniif Bara 2009 Badhaasa Nyaataa Addunyaa [World Food Prize] badhaafamaniiru.

Badhaasi kuni soorataafi qonnaaf akka Badhaasa Nobeeliitti ilaalama.

Yeroos osoo hin turiin gara Itoophiyaa dhufuun Pirezidantii Itoophiyaa yeroosii Girmaa W/Giyoorgiis harkaa ‘Badhaasa Goota Biyyaalessaa Itoophiyaa’ badhaafamaniiru.

Gumaachi badhaasa addunyaa akka argatan ka’umsa ta’e kuni oomisha qonnaan bultoota Afrikaa miiliyoona dhibbaan lakkaa’aman guddiseera.

Guddina dinagdee darbees jijjiirama jiruufi jireenya hawaasichaafis gumaacha taasiseera.

Pirofeesar badhaasaan ala ittigaafatama garagaraa fudhachuun dalagaa turaniiru. Kana dura gorsaa Pirezidantii duraanii US Baaraak Obaamaas turan.

Fakkeenyaaf bara bulchiinsa Pirezidant Obaamaa gorsaa addaa hoogganaa USAID akkasumas ergamaa addaa saayinsii [science envoy] Ministeera Dhimma Alaa US ta’un tajaajilaniiru.

Akkasumas yeroo ammaa miseensa Boordii Akkaadaamii Saayinsii Biyyaalessaa US addatti damee Qonnaafi Qabeenya Uumamaa ta’un tajaajilaa akka jiran ragaan yunivarsitii isaanii agarsiisa.

Dhaabbata Misooma Soorataafi Qonnaa Idil-Addunyaa [IFAD]’tti miseensa boordii US ta’uunis tajaajilaa jiru.

Akkasumas bara Baankii Muun Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii [UN] turan Miseensa Boordii Gorsaa Saayinsii duree UN ta’un tajaajilaniiru.

Kanaan ala dhaabbilee US, UN, idil-addunyaafi Afrikaa garagaraa keessatti miseensa koree akkasumas miseensa boordii ta’un tajaajilaniiru yookiin tajaajilaa jiru.

Pirof. Gabbisaan eenyu?

Bara 1950 [ALI jalqaba bara 1940] qe’ee baadiyyaa Holonkomii jedhamutti dhalatanii guddatan. Bakki kun Finfinneerraa gara Lixaatti 100km gadi fagaattee argamti.

Harmee isaanii Aadde Mootuu Ayyaanoof ilma tokkicha kan ta’an Pirofeesar Gabbisaan ijoollummaatti beela akka isaan qunnamee beeku kana dura BBC dubbataniiru.

‘’Lixa giddugaleessa Itoophiyaatiin dhufe. Maatii hiyyeessaa keessattin guddadhe,’’ jechuun dubbatan.

Harmeen isaanii ofii barachuu baataniis ilmi isaanii mana barumsaa dhiheenya isaanii jiru, kan 20km fagaate argamu, akka baratu erganiiru.

Jireenya isaanii keessatti namootni kallattii jireenya isaanii jijjiiran hedduu jiraatanis ijoon harmee isaanii akka ta’an Pirof. Gabbisaan kana dura dubbataniiru.

Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaan harmee isaanii qofaa guddisteef jaalala addaa akka qaban kana dura dubbataniiru

Madda suuraa, World Food Prize Documentary/Screenshot

Ibsa waa'ee suuraa, Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaan harmee isaanii qofaa guddisteef jaalala addaa akka qaban kana dura dubbataniiru

Qe’ee isaan dhalatanitti hanga midhaan gahutti namoonni nyaata gahaa dhabuun ni rakkatu ture. Ta’us, barumsa erga eegalanii rakkoon itti cimuu ibsan.

‘’Barumsaaf yeroo qe’eedhaa fagaadhee deeme yeroo hundaa nan beela’a [ture]. Guyyootiin ciree nyaadhee xiqqoodha,’’ jechuun BBC’tti dubbatan.

‘’Yeroon guddadhu irra deddeebiin beela’eera,’’ jechuun himu. Kunis qo’annoon isaan dalagan ummata fayyaduun isaa hojii isaanii guyyuuf kaka’umsa guddaa akka ta’uu ibsan.

‘’Kunis bakkan dhufe yaadachuuni,’’ jedhan.

Imala barnootaa isaanii

Kanuma keessa garuu barumsa isaanii baay’ee cimoo turan.

Barumsa isaaniin cimanii jalqaba Mana Barnootaa Jimmatti darbees Kolleejjii Qonnaa Hara Maayaa [yeroos Alamaayaa jedhamu] keessatti barataniiru.

Hojjaa dheeraa kan qaban Pirofeesar Gabbisaan kubbaa kaachoon miseensa garee biyyaaf filatamaniis akka turan gabaasi kana dura waa’ee isaanii dalagame hima.

Yeroo Kolleejjii Hara Maayaa [amma yunivarsitii isa ta’e] Pirofeesarri Parduu Itoophiyaa keessa waa’ee bisingaa qorachuu dhufaniin walitti dhufan.

Akka isaan gargaaran ramadamuun isaanii kallattii jireenya isaanii jijjiire.

Yeroos digirii isaanii jalqabaa baratanii waan turaniif digirii isaanii lammataa gara Ameerikaa dhaqanii akka baratan saayintistiin kuni haala mijeessaniif.

Eegasii qorannoon keessumaa Sudaanitti bisingaarra taasisan sadarkaa Afrikaatti jijjiirama guddaa fide.

Pirofeesar Gabbisaan bara 1984 eegalee miseensa Yunivarsitii Parduu, bulchiinsa Indiyaanaa keessa argamuuti.

Barumsa isaanii Digirii Lammataafi PhD biqiltuu diqaalomsuufi jenetiksiidhaan Yunivarsitii Parduutti baratan.

Pirofeesar Gabbisaan waggootaaf midhaan bisingaa keessumaa ummati miiliyoona hedduu Afrikaa keessa sooratu qoratani.

Sanyiin bisingaa Pirof. Gabbisaan argatan kan hongeefi dhibee dandamatu qofa osoo hin taane oomisha haalaan guddisudha

Madda suuraa, Purdue University

Ibsa waa'ee suuraa, Sanyiin bisingaa Pirof. Gabbisaan argatan kan hongeefi dhibee dandamatu qofa osoo hin taane oomisha haalaan guddisudha

Midhaan kuni daabboo, marqaa, dhugaatii dabalatee soorati adda addaa irraa qophaa’a.

Qorannoo isaanii kanaanis, lammiileen Afrikaa miiliyoonaan lakkaa’aman waan nyaatanii bulan akka argatan darbees oomishi isaanii dacha hedduun akka guddatu gargaareera.

Yeroo ammaa Parduutti damee horsiisa biqiltuu, jenetiksiifi qonna idil-addunyaan Pirofeesara Kabajamaa [Distinguished Professor] ta’un tajaajilaa jiru.

Dabalataan, Daarektara Olaanaa Giddugala Wabii Midhaan Nyaataa Addunyaa Yunivarsitii Pardiyuu ta’un hojjetaa jiru.

Yeroo adda addatti Itoophiyaa kan dhufan yoo ta’u, Waxabajjii waggaa darbe Ministira Qonnaa Itoophiyaa Dr Girmaa Amantee waliin marii gaggeessuun isaanii ni yaadatama.