Saayintistii Itoophiyaa qonnaan bulaarraa 'baratan'

Pirof Mitikkuu Haayila

Hundeessaan Yunivarsiitii Maqaleefi pirezidantiin jalqabaa yunivarsiitichaa Pirofeesar Mitikkuu Haayilee, badhaasa idil-addunyaa gama qonnaan torban darbe badhaafamaniiru.

Konfedereeshinii Waldaalee Barnoota Olaanoo Qonnaafi Laayif Saayinsii (GCHERA), Pirof. Mitikkuufi Yun. Geentirraa Pirof. Maark Vaan Montaagu Looretii Qonnaa Addunyaa 2021 jedhuun Waxabajjii 11, 2022 badhaase.

Pirof. Mitikkuun qorannoo misooma qonnaa, biyyoo, foolii biqilootaa, jijjiirama qilleensaafi kanaan walqabatanirratti hojiiwwan hojjetaniin kaadhimamuun ibsameera.

Sagantaa baga gammaddanii Yunivarsiitiin Maqalee qopheesserratti pirofeesarichi Itoophiyaa keessatti ‘’qorannoo qonnaan, barnoota saayinsiifi qorannoo saayinsawaa irratti gumaacha olaanaa’’ taasisan jedhameera.

Qorataan kuni Naannoo Tigraay tajaajilli bilbilaafi intarneetaa adda cite keessa jiraatu.

Torban muraasa dura, ergaan injifachuu isaanii imeeliin [ergaa elektironiksii] yeroo itti ergamu ‘’waliin dhahuuf ta’innaa’’ jedhanii shakkanii akka turan BBC’tti himaniiru.

‘‘Haala amma jirruun waan akkanaa waan hin eegneef badhaasichi na dinqisiseera,’’ jechuun ibsan. ‘’Mana galee haadha warraafi mucaakootti gaafan agarsiisu, hundi keenya dinqamne.’’

Pirofeesar Mitikkuun qofaa isaaniifi qorattoota kaan waliin ta’un qorannoowwan 200 ol maxxansiisaniiru.

Pirof. Mitikkuun eenyudha?

Namoonni rigaa mukaa gaafa kutan, marga bareedinaaf dhaabamerra yoo ejjetan akkasumas bishaan akka hin taanetti yoo itti naqan argan ni komatu.

Kunis qabeenya uumamaaf falman waan ta’aniifi.

Bara 1993 Kolleejjiin Qonnaa Maqalee akka hundaa’u taasisan. Bara 2000 hanga 2011 immoo pirezidantii yunivarsiitichaa ta’un tajaajilaniiru.

Maqaan yunivarsiitichaa gaafa ka’es ‘’abbaa yunivarsiitichaa’’ jedhamuun waamamu.

Yeroo ammaa yunivarsiitichi sadarkaa barattoota kuma 31 simachuurra gaheera. Haa ta’u malee, sababa waraana Kaaba Itoophiyaan kanneen tajaajila dhaaban keessaati.

Namoonni isaan waliin dalagan nama yaada namni kamiyyuu kennu dhagahan, dargaggoota irraa abdii kan qabaniifi nama kabajaa namaa qaban akka ta’an eeru.

Maatii isaanii keessumaa ijoollee isaanii waliin akka nama guddaa taa’anii akka waliin nama mari’atan akka ta’an namoonni isaan beekan dubbatu. Nama namatti dheekkamu hin beekne akka ta’an ibsu.

‘Qonnaan bulaarraan baradha’

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Xiyyeeffannoon qorannoo qorataa kanaa gabbina lafaa mirkaneessuurratti xiyyeeffata.

Hojiiwwan isaanii gara caalu Tigraay irratti kan xiyyeeffatedha. Bakkeewwan naannichaa garagaraatti gosa biyyoo jiru qorachuu eegaluu isaanii himu.

Hawaasni yeroo dheeraaf jireenya isaa qonnarra kan bu’uureeffate waan ta’ef bakkeewwan hedduu hubamaniiru.

Irrattimmoo waraanni yeroo dheeraaf waan tureefi irra-deddeebiin hongeen waan miidhameef beela hamaaf saaxilameera.

Waan kana jijjiiruuf qorannoowwan oomishtummaa qonnaa guddisuu danda’an adeemsisuun, qonnaan bulaa deeggaruufi jijiiramni ilaalchaa akka dhufu tumsuun barbaachisadha.

Kana mirkaneessuunis Yunivarsiitii Maqaleefi isaanirraa eegama ture.

‘’Kanaafi, qonnaan bulaa ofii isaatiin xaa’oo akka oomishu, muuxannoo oomisha jallisiis yoo jiraate isatti fayyadamee akka oomishu gochuu qabna turre,’’ jedhu.

Waggoota 30 darban misooma qabeenya uumamaa qonnaan bultoota waliin hojjechuun oomishi qonnaa akka guddatu, gabbinni lafaa akka dabaluufi burqaan bishaanii akka dabalu taasifamuu himu.

Pirof Mitikkuu

Dabaluunis, bishaan lafa jalaa akka baay’atu, itti-fayyadamni jallisiifi tekinolojii akka guddatu fi hammi bosonaa akka dabalu taasisuun danda’ameera jedhaniiru.

Pirof. Mitikkuun hojiiwwan kana gara sadarkaa idil-addunyaatti geessuun beekkamtii akka argatu gochuuf hojii guddaa hojjechuu himu.

Kanaanis, waggaa afur dura Itoophiyaan hojiiwwan Naannoo Tigraayitti beela balleessuuf hojjetameen badhaafamteetti.

‘’Ani rakkoo qonnaan bulaa arguun qonnaan bulaarraan baradha. Qonnaan bulaarraa barannee saayinsii irratti daballee gaafa kenninuuf jijjiirama fiduu akka danda’u hojiiwwan kuni natti agarsiisaniiru.

‘’jijjiirama yoo fiduu baatanimmoo itti-gaafatamumaan natti dhagahama,’’ jechuun dubbatu.

Haa ta’u malee, Naannoo Tigraayitti waraanni deebi’e eegaluu, jireenyi baqaafi hanqinni dhiheessii nyaataa mudateera. Sababa kanaan, qonnaan bultoonni hedduu sirnaan qotuu akka dadhaban himu.

‘’Fedhii qotee, sanyii filatamaa fayyadamee hiyyummaa keessaa baha jedhu dukkanesseera. Qonnaan bultoonni hedduu buqqa’anii gargaarsaan jiraatu. Tokko tokko deebi’anii sadarkaa qotuu hin dandenyeerra gahaniiru.’’

Akka hayyuu tokkotti haalichi isaan gaddisiisuus, ‘’nagaan ni dhufa abdii jedhun qaba. Deebisanii misoomsuurrattimmoo abdii guddaa qonnaan bultoota ni gargaarra jedhuun qaba,’’ jedhu.

Sababa weerara kanaan qorannoowwan garagaraa dalagan danqamuufi barattoonni isaanii bittinaa’uu himu.

‘’Hojiin eegalle hunduu danqamaniiru, laaboraatoriin guddaa Yun. Maqalee ture gubateera. Yunivarsiitiiwwan kaanis akkasuma,’’ jechuun dubbatan.

Miilaan adeemuu jaalatu

Abbaa ijoollee sadii kan ta’a Pirofeesar Mitikkuun, guyyaa keessaa yeroo isaanii dheeraa yunivarsiitii keessa barsiisuun dabarsu ture. Akkasumas qonnaan bultoota waliin qorannoo taasisuun dabarsu.

Wanti guyyuu isaan hin daganne biroo tokkommoo imala miilaati.

‘’Hiriyyoota waliin yoo xiqqaate 10km miilaan deemna. Fayyaaf qofa osoo hin taane, yeroo kanatti ture kan mari’annu akkasumas yaada adda addaa maddisiifnu.

‘’Guyyaatti 23km lafoo adeemees qaba. Imalli dheeraa miilaan taasise isadha [kolfa].’’