Qorattuun waa’ee biqiltootaa, gargaartuu pirofeesaraa Masarat Tasammaa eenyu?

Hedduun keenya biqiltoota naannoo keenya jiran hubannee hin ilaallu. Kana qorattoonni ‘plant blindness’ jedhanii waamu.
Gargaartuu pirofeesar Masarat Tasammaa garuu daa’imummaa irraa kaasee qalbii ishee keessaa kan hin badne gosa biqiltuu yaadattu tokko qabdi – Mushuxii (Xaji Saar).
“Akkoon koo uffata miiccattee mushuxii itti gooti waan ta’eef, yeroo hunda loomii baattee waan deemtu natti fakkaata ture. Gaaf tokko ammoo anaaf uffata naaf tolchitee mushuxii itti gootee naaf fidde, urgaan isaa hanga har’aa qalbiikoo keessaa hin badu,” jechuun yaadatti.
Sana booda jiruu fi jireenyi ishee guutuun biqiltoota waliin ta’e.
Wayita ammaa yuunivarsiitii Hawaasaatti qorattuu biqiltootaa kan taate gargaartuu pirofeesaraa Masarat Tasammaa haadha ijoollee lamaati.
Wayita ammaa gosooti biqiltootaa gara garaa akkamiin gogiinsa ykn hongee dandamachuu akka danda’an irratti xiyyeeffatee hojjetaa akka jirtu himti.
Keessumaa gosootni midhaanii akka boqqoolloo fi mishingaa akkamiin jijjiirama qilleensaa dandamachuu akka danda’an irratti qorannoo gochaa jirti.
‘Biqiltoota akka namaatti sodaatan’
“Nuti [namoonni] ni dadhabna, ni dhiphanna, ni sodaanna. Keessaahuu yeroo dhiphannu, qaamni keenya hoormoonii dhiphina ni dandamachiisu maddisiisa. Biqiltoonnis akkasuma. Ni dhiphatu, jijjiirama qilleensaa dandamachuufis hoormoonii maddisiisan qabu.”
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biqiltoonni jijjiirama qilleensaa dandamachuuf dheerinaa fi baala isaanii xiqqeessanii hidda baay’ifachuun jiidhina iddoo biraatii ofitti harkifatu jetti.
Gargaartuu pirofeesaraa Masarat waa’ee biqiltootaa yoo dubbattu, haalli jireenya isaanii iccitii of danda’e qaba jetti. “Waan isaan barbaachisu yeroo fi bakka isaan barbaachisutti sagantaa tolfatanii itti fayyadamu” jetti.
Fakkeenyaaf “hidda isaanii yoo ilaalle, yeroo akkamii hidda akkamii akka isaan barbaachisu ni murteessu. Yeroo bishaan dhaban dalga osoo hin taane hidda gadi guddifatu, hiddi isaaniis furdaa osoo hin taane qaqal’aadha. Gara bishaan jirutti guddatani, bishaan harkisu.”
Gama kaaniin lubbu qabeeyyiin xixiqqoon miliyoonotaan lakkaa’aman biyyee keessa jiran biqiltootaaf faayidaa akkamii akka kennanillee qorachaa jiraachuu himti Masarat.
“Biqiltoonni salphaatti urgaa naannoo isaanii jiru akka fudhatan, bishaan salphaatti iddoo biraatii akka argatan godhu. Karaa keemikaalota maddisiisanii biqiltoonni hanqinni bishaanii yoo uumamu baranii akka of qopheessan godhu.”
Kanaaf jecha lubbu qabeeyyii kanneen irratti xiyyeeffatte akka hojjettu himti.

Madda suuraa, Getty Images
‘Fayyaa barachuun barbaada ture’
Warra isheef mucaa jalqabaa kan taate Masarat, barnoota sadarkaa lammaffaa xumurtee qabxii Yuunivarsiitii seensisu argattullee, barnoota qonnaa ishii gahuutti hin gammadne.
“Yeroos yuunivarsiitii barattoonni seenan muraasa turre. Ani ammo fedhiin koo fayyaa barachuu ture. Abbaan koo hakiima bineeldotaa ture, kitaaba saayinsii hedduu na dubbisiisaa na guddise. Kanaafan saayinsii fayyaa barachuu fedha ture.”
“Ramaddii koo kan arge Wasiilakoo ture, maal akkan fedhu ni beeka ture waan ta’eef dursee abbaa kootti hime. Abbaa fi haatikoo waliin mari’atanii akkan ani hin gaddine, wanti guddaan yuunivarsiitii seenuudha jedhani na jajjabeessan.”
Yeroos Kolleejjii Qonnaa Hawaasaa jedhamaa kan ture yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti barnoota ‘Plant Production’ barachuu eegaluu himti. Booda barnootichaaf jaalala horachuu fi ammas fedhii guddaan hojjechaa akka jirtu himti.
Waa’ee amala biqiltootaa qorachuun jiruu ishee kan ta’e Masarat, biqiltoonni “sababa jiraachuu keenyaati” jetti.
Haata’u malee sababa jijjiirama qilleensaatiin hedduumminni biqiltootaa xiqqaachaa jiraachuun ishee yaaddessa.
Rakkoon sababa jijjiirama qilleensaatiin biqiltootarra gahu inni cimaan hanqina bishaanii fi gogiinsadha.
“Namoonni yoo aduun nutti cimtu, bakka jijjiirranna, biqiltoonni garuu akkas miti. Achuma taa’anii dandamatu. Gariin ammoo dandamachuu hin danda’an. Kanaaf kana dandamachuu hin dandeenye akka dandamachuu danda’an hojjechaa jirra,” jetti.
Gargaartuu pirofeesaraa Masarat Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa keessatti gogiinsi uumame sababa jijjiirama qilleensaafi rooba waqtii isaa hin eegganneen kan dhufu ta’uu himu.
Waggoota sadan dhufaniin qonnaan bultoota sadarkaa xixiqqaarra jiran gargaaruuf jecha qorannoowwan qonnaa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf gargaaran irratti fuulleffattee kan akka hojjettu looreetii feelooshiippii ‘One Planet’ jedhamu taatee filatamteetti.
















