'Aniifi vaayoliiniin adda hin baanu, maatii tokkodha' -Yegillee Siraaj

Ogeettii vaayoliiniifi barsiiftuu muuziqaa Yegillee Siraaj

Madda suuraa, Yegillee Siraaj

Yegillee Siraaj jedhamti. Ogeettiifi barsiistuu muuziqaadha. Meeshaa muuziqaa vaayooliin jedhamuun ammoo addatti beekamti. Piyaanoofi meeshaa muuziqaa aadaa kan ta’e masiinqoollee akka dandeessu dubbatti.

Kanaan dura vaayooliiniin waltajjiiwwan gurguddoo irratti kan beekamtu Yegilleen, dhiyeenya kana ammoo muuziqaa akaakuufi qabiyyeen isaa adda ta’e hojjettee gadi dhiifteetti.

Muuziqaa meeshaa qofaan qophaa’e kunis mata-duree Jiituu jedhuun hojjetame. Muuziqaan kun qabeenya uumamaa haalaan hawwatoo ta’an Oromiyaa godina Bunnoo Baddallee agarsiisa.

Yegilleenis moggaasa maqaashee irraa ka'uun muxannoo jireenyaashee akkasiin gaaffiifi deebii BBC waliin taasifteen nuuf qoodde.

Maqaa Yegillee jedhu akkamiin argatte?

Ishee waliin obbolaan shan ta’anii akka dhalatan dubbattu Yegilleen. Ollaan maatii ishee tokkoos dhala hin qaban waan tureef haatishee warra ollaa sanaaf ishee kennitee booda gaabbitee deebifachuu himti.

“Nuti shan taane dhalanne; ani ammoo mucaa dhumaan ture. Maatii ollaa keenyaa tokkoos qabeenya malee dhala hin qaban ture. Kanaaf, haadha kiyyaan mucaa kana naaf kennaa ittiin jedhan'' jetti haalicha yoo ibsitu.

Haatishes tole ''jettee erga waliigalanii ana kennitee guyyaa tokkoon booda garaan ishee dide. Achinis ni gaabbite.

''Maatiin ollaa sunis afaan Amaaraa malee hin beekan ture. Erga isaaniif na kenaniin booda ani ishee kennuu hin danda’u, isheen ‘Yegillee’ ykn kan dhunfaa kiyya jette,” jechuun akkaataa haatishee maqaa itti baasiteef himti.

Vaayoliin taphachuu akkamiin jalqabde?

Yegillee Siraaj

Madda suuraa, Yegillee Siraaj

Meeshaan muuziqaa vaayoliin jedhamu maal akka ta’eyyu hin beeku kan jettu Yegilleen, hawisoo yeroo ijoollummaa keessa hojjechaa turtee fi barnoota muuziqaa digiriin Yuunivarsiitii Jimma irraa ittiin eebbifamnte akka oggumaa kanaan walitti hidhe ibsiti.

Achittiis "Narsingiin baradha jechuun maatiikoo muuziqaa akkan baradhu dhoksaan ture," jetti ogeettiin vaayoliinii Yegillleen.

Yunivarsitichatti carraa narsingii barachuu ishee qaqqabulleen muuziqaa caalsifachuun ittiin eebbifamte.

“Yeroon Yuunivarsiitii Jimmaatti muuziqaa barachuuf deemu akka carraa ta’ee vaayoliinii na qaqqabe. Kanumaan vaayoliinii akka meejariitti, piyaanoo ammoo akka maayinariittin baradhe,” jetti Yegilleen.

Yuunivarsiitiitti yeroo barattu irraa jalqabdee vaayoliinii taphachuu kan eegalte Yegilleen, boodarra waltajjiiwwan gurguddaa akka ‘Oda Award’ marsaa afraffaa irratti ittiin beekamteetti. Yeroo ammaattis Yuunivarsiitii Wallaggaa Mana-barumsaa Muuziqaa Haacaaluu Hundeessaatti barsiistuu kan taate Yegilleen, barattoota baayyee horachaa akka jiranillee dubbatti.

Yaadni ummataa maal fakkaata?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mana-barumsaa Muuziqaa Haacaaluu Hundeessaatti vaayoliinii barsiisuun alatti Yegileen waltajjiiwwan gara garaa irrattis dhiyaachuun vaayoliinii taphatti.

Hojiishee kana ilaalchisuun yaanni namootaan kennamuuf kan isheen yaaddee olii fi madda hamilee akka ta’eefi ibsiti ogeettiin vaayoliinii kun. “Waanuma ani hin yaannetu dhufaa jira ummata keenya irraa.

''Ummanni keenya hanga kana hubateera jedhee hin yaaduun ture; sababiin isaa anu mataankoo hubannoo isaa hin qabu ture. Ummanni koo baayyee na jajjabeessu. Hojiin kun hojii jalqabaafi adda waan ta’eef jajjabaadhu naan jedhu.”

Abbaan ishee kan amma lubbuun hin jirre isheef fakkeenya akka turan kan dubbattu Yegilleen, innis muuziqaa kan jaallataniifi baayyees kan danda’an akka turan himti.

Bunnoo Baddalleetti namoonni baayyeenis dandeettii muuziqaa abbaashee yoo kaasan dhaga’aa kan guddatte Yegilleen, “Innis baayyee na kakaasee,” jetti.

Abbaa isheetiin alatti yeroo hawwisoo keessatti hirmaachaa turte hojjettuun waajjira aadaafi turizimii kan Gannat Raggaasaa jedhamtu fakkeenya jabaa akka taateef yaadatti Yegilleen.

“Isheenis fuulduratti akkan ce’uu, baayyee akka baruufi hojjechuu danda’u na gargaaruun, ofitti amanuun koo akka cimuuf sababa naaf taateetti,” jechuun dubartii Bunnoo Baddallee fakkeenya isheef taate jajatti.

Waa’ee muuziqaa meeshaa qofaan hojjetame -Jiituu

Yegilleen Caamsaa 22, 2022 muuziqaa sagalee namaa malee, meeshaa muuziqaa qofaan bakkawwan uumamaa hawwatoo ta’an agarsiisuu gadi dhiifte.

Muuziqaan sagalee vaayoliinii Yegilleefi meeshaalee muuziqaa kanneen biroon dabalamee kun bakkawwan uumamaa Bunnoo Baddallee waliin miidhagee kan qophaa'edha.

Hojichi haaraa ta’uusaan alatti, kan ogummaan miidhagina uumamaa mul’isuu sagalee muuziqaa waliin qindaa’ee keessatti agarsiifamedha.

Muuziqaa akkasii hojjechuudhaaf yaadni keessa bubbuleelu kan himtu Yegilleen, yerum yuunivarsiitii irraa eebbifamte kaaftee hojii akkasii hojjechuuf akka yaadaa turte ibsiti.

“Bakki hojiin muuziqaan kun itti hojjetame Iluu-Abbaa Booruu - Bunnoo Baddallee keessa bakkawwan uumamaa adda addaatti.

Dubartiifi muuziqaa…

“Muuziqaa barachuunis, barsiisunis, ittiin hojjechuunis baayyee cimaadha. Maaliif jennaan, muuziqaan bar'adha yoo jettu waanta biraatu sammuu namaatti dhufa.

Ani akkan Yuunivarsiitii Jimmaatti Muuziqaa seeneen hiriyyoonni koo kaan Injiinaring fi Fayyaa barachuuf seenan.

Yeroo sana namni ta’e na waamee [dippaartimantii] muuziqaa seentee jedhee yoo na gaafatu, eyyeen jedheen.

Akkas taanaan yeroo booda mana shubbisaa [ciffaraa] ykn mana dhugaatiifaa keessatti si argina jechuudha naan jedhe,” jechuun yeroo jalqaba yuunivarsiitii seenteetti kan ishee mudate yaadati.

Jechi nama sanaas yeroo sanatti akka hamilee ishee tuqe kan himtu Yegilleen, maatittillee ‘intalli keessan muuziqaa barachaa jirti malee waan yuunivarsiitii barataa jirtu isinitti fakkaataa?’ jechuun fuldura dhaabbataa akka ture yaadatti.

Kana qofaas miti, Yegilleen carraan narsii barachuu ishee qaqqabullee muuziqaa barachuu filattee akka galte ibsiti.

“Hanga dhumaatti narsingiin barataa jira jechuun muuziqaa barachuukoo maatii dhoksaan ture.

Muuziqaa barachuutti anatu amane malee maatiin waan hin barbaadneef sammuu jaraa eeguun qaba,” jechuun akka muuziqaa barattu maatiitti gara dhumaa akka himte yaadachuun, rakkoo muuziqaa barachuu keessatti ishee mudate ibsiti.

Ogeettii vaayoliinii Yegillee Siraaj

Madda suuraa, Yegillee Siraaj

Hubannoo dhabuurraan hawaasni muuziqaa akka ogummaatti osoo hin taane, akka hojii [baalagee] ta’etti ilala. “Kanaaf, muuziqaan baayyee dhiibbaa qaba. Garuu kaayyoo yoo qabaatte keessa ni dabarta,” kan jettu Yegilleen, gara fuula duraattis cimtee ogummaa ishee kanaan kan caalu hojjechuuf murannoo qabaachuu dubbatti. Yegilleen akka jettutti, hangam rakkisaa ta’us, namni waan uumameef ykn waamicha isaa ta’e yoo bare galma ni gaha. “Yegilleefi vaayoliiniin ishee adda hin bahan; maatii tokkodha. Yeroo baayyee hojiidhaaf magaalaa Finfinneetti nan deddeebiya, kanaaf vaayoliinii tokko Finfinneedhaa, kan biraa ammoo Wallagga irraan qaba,” jechuun jaalala vaayoliinii qabdu ibsiti.