Aadaa Oromoo: Artist Elemoo Alii Haramaayaatti Gola Gameeyyii Arstistoota Oromoo hundeesse

Artisti Elemoo Alii

Madda suuraa, Artisti Elemoo Alii

Ibsa waa'ee suuraa, Artisti Elemoo Alii

Weellisaa beekamaafi jaalatamaan Oromoo Artist Elemoo Alii Haramaayaatti hojii artistoota gameeyyii yaadachuuf kan oolu gidduugala ''Gola Gameeyyii Artistoota Oromoo' jedhu hundeessuu BBCtti hime.

Elemoon ''artistotni Oromoo hedduun dirqama lammumaa isaanii bahuuf hojii gurguddaa hojjetanii wareegama lubbuu kaffalan hedduudha. Kan jiranis ni jiru. Haatahu malee, sabni Oromoo osooma isaaniin qalbii keessa qabanii yaadachuu dhabuun waan na rakkiseefan waa xiqqoo tokko haa dalagu jechuun hundeesse,'' jedhe.

Gigguugalli kun hojii artistootni gameeyyiin bara cunqursaa keessa tahuun guddina Afaan Oromoof gumaachan akka agarsiisu hime Elemoon.

''Gola Gameeyyii Artistoota Oromoo jedhama. Dhaloota dhufuufis akka of bira dhaabbatan, akka of jaalatan, gargaara. Ifatti nama baasa, waan darbe si yaadachiisa, si bohaarsa,'' jechuun dubbate.

Gidduugala kana keessatti wantotni walitti qabaman uffata Aadaa Oromoo, suuraa artistoota Oromoo, ulee Oromoon qabatu, waan shammarran uffatanii fi faaya isaanii qaba jedhe.

''Kan manicha seene of ilaalee, waan qabus ilaalee, aadaa Oromoo ilaalee gammada.'' Gidduuu gala kana keessatti kan akka yaadatamaniif suuraan isaanii walitti qabame artistoota Oromoo qofa osoo hin taane saba kaan irraas guddina Afaan Oromoof gumaacha kan qaban hamatamuu hime.

Arstitoota Somaalee keessa bara Afaan Oromoo dubbachuun yakka ture keessa kan akka Mariya Mursam, Ayisha Abdoo, Faatumaa Qaasim fa'a artistota Oromoo tumsaa turuu himuun ammas yaadannoof suuraan isaanii akka gidduugalichatti walitti qabame hime.

Uummatni bal'aan carraa daawwachuu qabaachuu kan danda'u magaala Finfinnee yookaan gidduugaleessa biyyaa osoo tahe gaarii tahuu kan himu Elemoon, ammaaf ''mana xiqqoo naaf kennan gara kanatti jijjiire jedhe.

Mana barumsaa muuziqaas qaba. Boodarra ammoo Dirree Dhawaattis dhaabna, Oromiyaa keessa akkasuma bal'isna jennee yaadna,'' jedhe.

Gara fuulduraattis irratti hojjechuun gara Muuziyeemitti guddisuuf karoora akka qabu hime.

Bara 1974 erga biyyaa bahee baqatummaan biyyoota gargaraa jiraachaa turuun dhiyeenya biyyatti kan gale Elemoon, baqattummaan biyyoota akka Sa'ud Arabiyaa, Xaaliyaanii, Awustiraaliyaa, Ameerikaa, Kanaadaa fi kaan keessa osoo jiraatullee muuziqaaf irraa adda bahee akka hin beekne kana dura BBCtti himee ture.

Mata duree qabsoo Oromoon wal qabatu, baqattummaa, jaalalaa fi kan biroorratti sirboota 100'tti lakka'aaman gumaacheera.

Dirre Dhawaatti Ulullee fi Harmonikaa taphachuu ijoollummarraa akka eegale kan dubbatu Elemoon, Gitaaraan taphachuu Jabuutittaan eegalee jedhe.

Achiis ijoollee Araboota fi Oromoos waliin sagantaa cidhaa fa'aatti nama bashannansisa turre jedha.

Elemoon gumaacha artii Oromoof qabuuf jaarmiyaan qo'annoo Oromoo(OSA)' irraa bara 2018 badhaasnifi beekamtiin isaa kennameeraaf.