Afandii Muttaqii: 'Waa'ee Oromoo warri Oromoon ala jiran akka beekaniifan afaan biraatiin barreessa'

Magaala Galamsootti dhalatee kan guddate barreessaan kitaabilee Qorannoo sabootaa (Ethnography) Afandii Muttaqii, hojii barreessuu ijoollummaatti akka jalqabe hima.
"Gaafan wagga 11 turen waan adda addaa babarreessuu jalqabe. Bara 1981 walaloon barreesse tokko yeroo jalqabaatiif Gaazexaa Addis zaman irratti naaf maxxanfamte. Sana booda Raadiyoo Harar fi gaazexoota adda addaa irratti barreeffamoota gaggabaaboo kaan maqaa kiyyaan kaan maqaa qalamaatiin barreessaan ture" jedha.
Bara 2001 jireenyaaf gara magaala Hararitti jijjiiramuun hojii qorannoo fi kitaabilee qorannoo sabootaa irratti akka xiyyeefatuuf karaa banuufiis dubbata.
"Magaalaan Harar magaala umrii kumaa ol qabdu magaala seena qabeettiidha. Wantoonni ajaa'ibaa magaalattii keessatti arge hedduu na hawwate. Sanirraan 'edaa wanti nuti hin beekne hedduutu jiraa' jedheen waa'ee magaala sanii qoradhee kitaaba jalqabaakoo barreesse" jedha.
Afandiin kitaaba haaraa tibbana gabaarra oolche kan ' Boorana ina Bareentu' jedhu kana dabalatee kitaabota shan, Harargee, Ummata fannaan uummata qashtii,Adaal fi ye Eertiraa Hilm' jedhaman barreesse.
Kitaabonni isaa hundi kan barreeffaman Afaan Amaaraatiin yoo ta'u kunis sababa mataa kiyyaa waanin qabuufi jedha Afandiin,
"Galmi kitaabota kiyyaa warreen oromoodhaan ala jiran waa'ee Oromoo akka beekaniifi. Oromoon aadaa isaa ni beeka. Seenaan Oromoo akka dogoggoraan odeefamu osoo hin taane aadaa boonsaa eenyummaa boonsaa ta'e akka qabu barreessaa Oromoo irraa akka baraniifi. Akkaataa saboonni biroo uummata Oromoo kana itti ilaalan dhugaa jiru akka beekaniifi" jedha.
Kitaabni tibbana gabaarra oolche kan mata duree 'Booranaa Ina Baareentu' jedhu kana garuu fedhii dubbistootaa guddaa ta'uu isaatiin gara afaan Oromoo fi Ingliffaatti akka hiikus hime.
Afandiin kitaabota isaatiin alattis barreeffamoota gaggabaaboo miidiyaalee hawaasummaa fi gaazexoota irratti barreessuun jaalatama guddaa nama horateedha.
Keessumaa akkaataa barreeffamoota isaa seenaa fi kannneen biroo bifa salphaa fi dubbistoonni hubataniin barreessuun maqaa gaarii qaba.
Kitaabni isaa tibbana maxxanse ' Boorana ina Bareentuu' jedhu torbee tokko keessatti maxxansi duraa bitamee dhumuunis barreessichi hangam fudhatama akka qabu kan agarsiisedha.
"Dhaloonni ammaa kuni kitaaba seenaa dubbisuu baayyee hin fedhu, hammi dubbisus kitaabota asoosamaa fi walaloo dubbisuu barbaadu. Ani maalif kuni ta'e jedhee yoon laalu akkaataan itti barreefamakee dhiheessitu murteessaa ta'uun hubadhe. Kanaaf ani akka namni jaalatuttin barreessa" jedha.
Kitaabni Afandii 'Booranaa Ina Bareentuu' jedhu kuni duudhaa fi eenyummaa safuu fi aadaa qomoowwan Oromoo shan irratti fuullefate.
"Kitaaba kana keessatti qomoo Oromoo Macca, Ituu, Tuulama,Afran qalloo fi Arsii irratti xiyyeeffata. Kitaabni kuni marsaa duraati. Kitaaba itti aanuun ammoo qomoowwan Oromoo akka Boorana, Gujii. Walloo, Raayyaa, Matakkal fi Iluu Abbaa Boor barreesuufan jira" jedhe.
Kitaabileen qorannoo sabootaa (Ethnography) kunniin waa'ee hawaasa sanaa keessa jiraatanii qorachuu kan gaafatu waan ta'eef innis kutaalee Oromiyaa kunneen deemuun akka qoratus himeera.

















